1Ergaan marroo biyya Gibxi'ii ta asii gad jirtu: Mootiin Waan Maraa duumensa ariifata'aan gara biyya Gibxi'ii dhufiisatti jira; waaqoti dharaa ka biyya Gibxi'ii isa duratti hin sheephisan; gadhaan kolbaa Gibxi'ii hin sheephisa.2Mootiin Waan Maraa, «Ani Gibxoota, Gibxoota irratti, obboleessa, obboleessa irratti, fira, fira irratti, qachaa, qachaa irratti, mootummaa, mootummaa irratti hin kaasa.3Worri Gibxi'ii guddoo hin sodaata; karoorri isaaniille akka hin muummonne hin godha; isaan waaqota dharaa, ayyaana ekera'aatii fi worra ekeraa dubbisu irraa gorsa hin gaafatan.4Worra Gibxi'ii harka goottaa gadhaa jabaatutti dabarsee hin kenna; mootiin nama sodaachisulle isaan hin bulcha. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u tana dubbadheera» jedha.5Lagi Nayilii hin goga; bisaanille laga keessaa hin bada.6Lagi sun hin ajowa; bisaan angure'ee ka Gibxi'iille dhidhatee hin goga; beele'ee fi allaaduun hin qoorti.7Biqiltuun qarqara Nayilii marti hin qoorti; wonni qarqara Nayiliititti facaafame marti gogee, qilleensaan hin fudhatanti.8Worri qurxummii guuru hin gadda; worri malxaqqoo ifii laga Nayilii keessa buusu duudiin hin bowa; worri caccoo ifii bisaan keessatti afatu duudiin addii hin kutata.9Worri fuuttaa baasuu fi worri quncee talba'aa irraa woyaa dhowu addii hin kutata.10Worri woyaa dhowu kun si'a hin dhaba; worri qaxaramee huju martille hin gaddan.11Qondaaltoti qachaa Zo'aanii ijjumaa gowwoole'e; gorsi qaroolee Fara'oonii gatii hin qabu; isin attam Fara'ooniin, «Nuuti qaroole'e; maatii mootota duriitille'e» ifiin jettanii ree?12Ee Fara'oon, qarooleen teeti eessa jiran? Isaan waan Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, biyya Gibxi'ii irratti yaade sitti himanuu ti.13Qondaaltoti qachaa Zo'aanii gowwiteerti; qondaaltoti qachaa Memfiisiille sobanteerti; sooressitooti Gibxi'ii gugurdoon kolbaa Gibxi'ii karaa irraa gorsiteerti.14Mootiin Waan Maraa ayyaana isaan joonjessu isaanitti buuse; isaan akka nama machowee adaala diddiga ifii tittimuu, biyyi Gibxi'ii waan gootu maraan akka tintintu godhaneeran.15Worri mata'atti yookiin eege'etti, damee muka meexxi'iititti yookiin allaadu'uutitti fakkeeffamane, biyya Gibxi'iitiif waan tokkolle godhuu hin dande'anu.
Worri Gibxi'ii Mootii Waan Maraa Hin Waaqonfatan
16Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, worra Gibxi'ii adabiisaaf harka ifii yennaa ol fuudhu, Guyyaa san isaan akka dubarti'ii hin te'an; sodaataneelle hin romman.17Biyyi Yihuda'aa biyya Gibxi'ii hin bararassiti; sababa Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade biyya Gibxi irratti waan hantuu yaadateef, nami maqaa Yihuda'aa dhage'u marti hin bararaqa.18Guyyaa san qachooti biyya Gibxi'ii keessa jiranu shan, ka afaan Kana'aanotaa dubbatanu, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin hin kakatan; qachoota kana keessaa tokkochi, «Qachaa badi'ii» hin jedhama.19Guyyaa san lafa Gibxi'ii wodhakka'atti addeen ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif hin ijaaranti; meessaa lafa Gibxi'ii irralle'etti soodduun isaaf hin dhaabanti.20Tun lafa Gibxi'ii keessatti Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef beessisaa fi dhugaa baya hin teeti; sababa worra isaan cunqursuutiif yennaa isaan gara Mootii Waan Maraa iyyanu, inni fayyisaa isaaniif loluu fi ka diina jalaa isaan baasu isaaniif hin erga.21Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'iititti ifi hin mudhisa; guyyaa san worri Gibxi'iille isa hin beekan; isaan ciinca'aa fi kennansa midhaanii isaaf dhikeessiisaan isa hin waaqonfatan; isaan waadaa isaaf hin galan; waadaa saniille hin muummessan.22Mootiin Waan Maraa worra Gibxi'ii hin adaba; achiin duuba ammoo isaan hin fayyisa; isaan gara isaa hin deebi'an; innille daadimata isaanii dhage'ee, isaan hin fayyisa.23Guyyaa san karaan biyya Gibxi'iitii ka'ee, haga biyya Asooriititti hin baya; worri Asoorii gara biyya Gibxi'ii, worri Gibxi'iille gara biyya Asoorii hin dhaqan; worri Gibxi'ii worra Asoorii woliin Waaqa hin waaqonfatan.24Guyyaa san Israa'el biyya Gibxi'iitii fi biyya Asoorii woliin eebba biyya lafaa te'iisaaf, biyya sadeesso'oo hin teeti.25Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kolbaan tiyya ta biyya Gibxi'ii, kolbaan biyya Asoorii ta ani harka kiyyaan dade, kolbaan Israa'elii ta ani filadhelle ka eebbifamane te'anuu ti» jedhee hin eebbisa.