Isaayaasii Raagichaa16gax_twf

Addii Dhabiisa Mo'aabii

1Isin worri Mo'aabii qachaa Shela'aa irraa, karaa goomole'eetiin bulchaa lafaa ka gaara Xiyoonii irratti dhaggamuuf, buruusota hoole'ee erga'a.2Ijoolleen durraa ta Mo'aabii malkaa Aarnonii irratti akka sinbirroota mana ifii irraa ari'antee, asii fi achi hin joonjan.3Worri Mo'aabii kolbaa Yihuda'aatiin, «Nutti gorsa'a; murtee nu'uuf kenna'a. Aduu saafowaa irraa gaaddisa nu'uuf te'a'a; nu worra isinitti baqatu dhossa'a; dabarsitaneelle nu hin kennina'a.4Nu worri biyya Mo'aabii keessaa baqanne, odduu teessan qubannuu ti; worra nu balleessu jalalle'ee nu dhossa'a» hin jedhan. Worri nama cunqursu lafa irraa hin bada; badiin hin jiraattu; worri nama miidhu lafa irraa hin bada.5Achiin duuba jaalala bara baraatiin barcumaan mootumma'aa tokko hin dhaabama; sanyii Daawitii keessaa ka addatamu tokko, ka muraa dhuga'aa muruu fi ka waan sirrii te'elle dafee muummessu, irra hin tee'a.6Kolbaan Yihuda'aa, «Kooriisa kolbaa Mo'aabii, bondhooriisa, ifi jajiisaa fi tuffii isi'ii dhageenneerra; kooriisi isi'ii ammoo gatii hin qabu» hin jetti.7Tanaaf kolbaan Mo'aabii wiiccifattee hin bootti; isaan martinuu Mo'aabiif wiiccifatanee hin bowan; isaan sagalee dansaa qachaa Qir-Heresiitii yennaa qaabatane gaddanee hin bowan.8Fichaan qachaa Heshiboonii keessa jiru, muki woyni'ii Siibmaa keessalle qooreera; woynii dansaa ta haga qachaa Yaazeriitii, haga goomole'eetii fi haga abbaaya'aan gamaa geette, bulchitooti gosa biyya adda addaa irra sirbaneeran.9Tanaaf akkuma kolbaan qachaa Yaazerii muka woyni'ii Siibma'aatiif bootte, anille hin bowa. Ee, Heshiboon! Ee, Ele'aale! Midhaan muka keessaniitii fi midhaan keessan dhabannaan, ililleettiin yennaa midhaan galfattanuu waan hatteef, ani imimmaan dhangalaasee hin bowa.10Gammadaa fi ililleettiin fichaa midhaan baasu keessaa dhabante; fichaa woyni'ii keessatti ka geleluu fi ilillisu hin jiru; ani gelelee waan balleesseef, nami woynii cunfu addee woynii itti cunfanu hin jiru.11Tanaaf gadhaan kiyya Mo'aabiif, keessi kiyyalle Qir-Heresiif, akka qoonqoo kiraara guddichaa gaddaan gunguma.12Kolbaan Mo'aabii gara addee waaqonfannaa ifii yoo ol baatelle, toluma elootti; daadimatiisaaf gara addee itti waaqonfattuu yennaa dhaxxulle, bu'aa hin qaddu.13Wonni kun waan Mootiin Waan Maraa dur marroo Mo'aabiitiif dubbate.14Amma ammoo Mootiin Waan Maraa, «Akka woggaa nama yenna'aaf qaxaramee hujuu, ulfinni Mo'aabiitii fi baceenni kolbaa isi'ii woggaa sad keessatti gad hin deebi'a; worri jiru'uun hafelle diqqa'aa fi dadhabaa hin te'a» jedha.