1Mootiin Waan Maraa sanyii Yaaqoobiitiif hin marara; ammalle Israa'eloota filee lafa isaanii keessa akka le'anu hin godha; worri ormaa dhufee, Israa'eloota woliin le'anee, sanyii Yaaqoobii woliin tokko hin te'an.2Gosi biyya adda addaa Israa'eloota fuutee, addee isaaniititti hin deebitti; kolbaan Israa'elii lafa Mootii Waan Maraa keessatti gosa biyya adda addaa san garbichaa fi garbittii hin godhatan; isaan worra dur isaan booji'e hin booji'an; worra dur isaan cunqurselle hin bulchan.
Mootiin Baabilonii Hin Jiga
3Yennaa Mootiin Waan Maraa farra keessaa, rakko'oo fi garbummaa keessaa baasee, isin foorfachiisu,4Isin mootii Baabilonii irratti murgaa, «Mootiin nu cunqursaa ture attam attam jige! Aariin isaalle attam attam badde!5Mootiin Waan Maraa ulee worra hamoole'eetii fi bokkuu bulchitootaa caccasseera.6Mootiin Baabilonii adoo gargar hin kutin aari'iin kolbaa dhowee, gosa biyya addaalle marartii malee bulche.7Amma biyyi lafaa duudiin fooraa fi nageya dhaggatte; gammadaan ilillitte.8Hindheensii fi birbirsi Libaanoniituu gammadaan, ‹Eega ati jidde, nami nu muriisaaf dhufu hin jiru› hin jedhan.9«Yennaa ati gara addee worri du'e jiru gad buutu, addeen worri du'e jiru sun qirqirtee si fudhatti; ekeraa worra du'eetii fi sooressitoota biyya lafaa ta dur duute dammassite; mootota gosa biyya adda addaa ta dur duute duudiille, barcumaa mootummaa isaanii irraa nageya akka si fuudhanu ol kakaatte.10Isaan martinuu deebisanee, si'iin, ‹Atille akkuma keenna dadhaddeerta! Akkuma keenna teeteerta!11Koorri keeti qoonqoo kiraara keeti guddichaa woliin gara addee worri du'e jiruu gad bu'eera; qu'een afinaa keeti; corroxxi uffana keeti› hin jedhan» hin jettan.12Ee, bakkalcha bari'ii, ilma ganamaa, attam attam ol-gubbaa irraa gad buute! Ati ka mootota gosa biyya adda addaa gad qadde, amma attam attam lafatti gad gatante!13Ati gadhaa keeti keessatti, «Ani gara ol-gubba'aa hin baya; barcumaa mootummaa kiyyaalle urjoota Waaqaatiin gubba'aatti hin godhadha; barcumaa mootumma'aa kiyya ka gaara yaa'ii waaqotaa, gara kaabaa qaccee irra jiru irra hin tee'a.14Qaccee duumensaa gubba'atti hin baya; Ol-Aanaa ifi hin godha» jetteertaayyu.15Ammoo gara addee worri du'e jiruu, qilee boollaa keessa gad buuteerta.16Worri du'e si dhagge baaseffatee, «Kun namicha lafa tachoosee, mootota raase,17ka biyya lafaa goomolee godhee, qachoota isi'ii diige, worra booji'e gara biyya ifii akka hin galle ka dhooggee motii?» si'iin hin jedhan.18Moototi gosa biyya adda addaa marti du'anee, tokko tokkoo isaanii addee awwaala ifiititti ulfinnaan awwaalamaneeran.19Ati ammoo akka damee jibbatantee, addee awwaalaa keessaa baafantee gatanteerta; reeffi keeti reeffa worra shallaaga'aan woraanamee ijjeefameen, boolla dhaka'aa keessatti gollameera; ati akka reeffa miilaan dhidhiitamuu ti.20Ati lafa teeti balleessitee, kolbaa teeti waan ijjeetteef, isaan woliin hin awwaalantu; sanyii worra hantuu hujjuu, maqaan ijjumaa deebi'ee hin waamamu.21Isaan ka'anee lafa dhaalanee, qachaa ifiitiin lafa akka hin guunne, sababa yakkaa abbootii isaaniitiif ilmaan isaanii fixiisaaf addee isaaniif qopheessa'a.
Waaqi Worra Baabilonii Hin Balleessa
22Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani isaan irratti hin ka'a; maqaa Baabiloniitii fi kolbaa isi'ii, ilmaan isi'iitii fi sanyii isi'ii hin balleessa.23Baabilon mandhee dhaddo'ootii fi lafa caffa'aa hin godha; haxowwi'iin haree isii hin balleessa. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheera» jedha.
Waaqi Worra Asoorii Hin Balleessa
24Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kakatee, «Akka ani yaade hin teeti; akka ani murteesse hin muummotti.25Ani worra Asoorii lafa tiyya keessatti hin butucha; gaara kiyya irralle'etti isaan irra hin sirba; waanjoon isaanii kolbaa tiyya irraa hin fuudhama; ba'aan isaaniille gurmuu kolbaa tiyyaa irraa hin buuti.26Yaadi ani biyya lafaa duudi'iif yaade kana; harki gosa biyya adda addaa mara adabiisaaf diriirfadhe kana» jedhe.27Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana waan yaadeef, eentu isa dhoogga ree? Inni adabiisaaf harka ifii waan diriirseef, eentu duubatti deebisa ree?
Waaqi Worra Filisxeemotaa Hin Balleessa.
28Ergaan bara mootichi Ahaaz du'e himante tana:29Ee kolbaa Filisxeemotaa, uleen isin dhootte waan caddeef guddoo hin gammadina'a. Sanyii bofaa keessaa buutiin hin dhalatti; ilmoolee isaa keessaa dhudhuufaan akka malee utaalu dhalata.30Hiyyeeyyiin buuxxiyyeen waan nyaatanu hin dhaggatan; worri deegille yaaddoo malee hin le'an; sanyii teessan ammoo beelaan hin ijjeesa; worra hafanelle hin fixa.31Ee kolbaa karra keessa, wiiccifadha'a! Ee kolbaa qachaa keessaa, iyyi! Ee worra Filisxeemotaa, isin duudiin, sodaadha'aatii sheephisa'a! Loltooti isaa ta gara duubaa hin deebine, gara kaabaatiin waan dhufaneef, worri Filisxeemotaa duudiin soda'aan sheephisa'a.32Worra gosa san biraa ergamanee dhufanuuf deebii maan kennina? Nuuti isaaniin, «Mootiin Waan Maraa Xiyoon ijaareera; kolbaan rakkatte isii keessatti addee itti baqattu hin dhaggatti» hin jenna.