1Mudhiin ilmi Amosii Isaayaas bara Uziyaan, Yotaam, Ahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuda'aa te'anetti marroo Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dhagge, ta asii gadi jirtu.
Waaqi Kolbaa Ifii Xixe
2Mootiin Waan Maraa, «Ee ol-gubba'a dhage'i! Ee lafa caqasi! Ani ijoollee uumadhee guddifadhe; isaan ammoo hammeennaan na irratti ka'ane.3Qotiyyoon goottaa ifii,harreelle goongaa abbaa isii horatee hin beetti;Israa'el ammoo hin beettu;kolbaan tiyya hin hubattu» jedhe.4Kolbaa cubbaalettii, kolbaa yakkaamettii, sanyii worra hantuu hujuu, worra amala hama'aatiif aanne'e! Isaan Mootii Waan Maraa lakkisaneeran; Waaqa woyyicha Israa'elii tuffatanee dudda itti galaneeran.5Isin maaf ammalle adabamiisa barbaaddan? Isin maaf finqila lakkisuu dhaddan? Mataan keessan addee mara madayeera; gadhaan keessanille raafameera.6Faana miila keessaniitii haga gubbaa mataa keessaniititti fayyaa hin qaddanu; nafi madaa, iitaa fi malaalle'een guutameera; madaan teessan sun wolitti hin deebine, hin hidhanne; zayitiille'een hin laanne.7Biyyi teessan ona hin teeti; qachooti keessan ibiddaan hin gubata. Adoo isin ilaaltanuu ormi fichaa keessan fudhatee, akka lafa diinni qabatee hin barbadootti.8Intalti Xiyoonii akka gosee fichaa woynii keessaa, akka mana fichaa baaqulaa keessaatii fi akka qachaa diinni marsee hin teeti.9Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade adoo sanyii nuuf hamburiisa dhabee jiraate, silaa akka Sodoomii teenee, Gomoraalle hin fakkanaayyu.10Isin bulchoota Sodoomii jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! Isin kolbaa Gomora'aa seera Waaqa keennaa caqasa'a.11Mootiin Waan Maraa, «Bacatiis ciincaa keessanii maan naa godha? Ani ciincaa korbeessa hoole'eetii fi cooma horii gagabbo'oo quufeera; ani dhiiga korommi'iititti, dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi re'ootaatitti hin gammadu.12Isin na duratti yennaa dhikaattanu, kana mara akka fiddanuu fi Galma kiyya dura akka dhaabbattanu eennuttuu isin gaafate?13Woreega bu'aa hin qanne hin fidina'a; ani hixaana keessan diqadheera; jila baatii ji'aa, Sanbata, yaa'ii fi wolde'a keessan ka hammeennaan guutamelle ossuu dadhabeera.14Ani jila baatii ji'aa teessanii fi jila teessan ta beekkante jibbeera; isaan ba'aa natti te'anee, ossuu dadhabeera.15«Yennaa isin harka keessan gara kiyya badhifattanee daadimattanu ani gara keessan hin ilaalu; harki keessan dhiigaan waan guutameef, yoo guddoo daadimattanelle ani isiniif hin dhage'u.16Dhiqadha'aatii ifi qulqulleessa'a; hujii teessan hantuu, ila tiyya duraa kaasa'a; hantuu hujiisa lakkisa'a.17Dansaa godhiisa baradha'a; haqa barbaada'a; worra cunqurfame qarqaara'a; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qarqaara'a; haadha hiyyeessaatiif falma'a.18« ‹Kowa'a, wol komanna; cubbuun teessan akka dhiigaa diimatulle, akka dhakaa bokkeyaa hin addaatti; akka dhiigaa diimattulle akka fuutta'aa hin addaatti.19Tole jettanee yoo naaf ajajantane, waan dansaa latti baattu hin nyaattan.20Diddanee yoo na finqiltane, shallaagaan isin hin nyaata› jedhee ani Mootiin Waan Maraa dubbadheera» jedhe.
Qachaa Cubbu'uun Guutame
21Qachaan addatamaan attam sagaagalaa te'e? Dur haqi isa keessa guuteeraayyu; balchummaalle isa keessa jirtiiyyu; amma ammoo worri nama ijjeesu keessa guuteera.22Yerusaalem! Meetiin teeti ciillotteerti; daadhiin woyni'ii teeti bisaaniin makanteerti.23Bulchitooti teeti finqiltoota; jaalota hattu'uu ti; isaan marti safuu jaalatan; kennansa gula deeman; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef hin falmanu; iyyata haadha hiyyeessaalle hin dhage'anu.24Tanaaf Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Mara Dade, hunnaamessi Israa'elii, «Ani nyaaphota kiyya irratti aarii tiyya hin dhangalaasa; diinota tiyyalle haluu hin baya.25Ani aarii tiyya hantu'uun si hin adaba; ciilloyiisa keeti irraa si hin qulleessa; xurii teeti mara si irraa hin kaasa.26Ani abbootii mura'aa teeti akka duriititti, gorsitoota teetille akka jalqabaatitti hin deebisa; achiin duuba ati, ‹Qachaa balchumma'aa, qachaa addatamaa› hin jedhanta» jedhe.27Xiyoon haqaan, worri isii keessaa ka cubbuu irraa deebi'u balchumma'aan hin wodaman.28Finqiltootaa fi cubbaaleyyiin ammoo wolumatti hin caccaban; worri Mootii Waan Maraa lakkisulle hin bada.29Isin sababa qilxaa waaqonfattanuutiif hin qaanottan; oorruu filattaneefille hin salphattan.30Isin akka qilxaa baalli isaa qooree, akka oorruu bisaan hin qannee hin teetan.31Nami jabaan akka haasumee ibiddaa, hujiin isaalle akka qaanqee ibiddaa hin teeti; isaan lamaanuu hin gubatan; nami isaan irraa dhaanfulle hin jiru.