Hose'aa Raagichaa14gax_twf

Eebba Dhaggatiisaaf Cubbuu Irraa Deebi'iisa

1Ee kolbaa Israa'elii, cubbuun teessan waan isin gufachiitteef, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii deebi'a'a.2Jechoota kana isaan jedhiisaaf, fudhadha'aatii gara Mootii Waan Maraa deebi'a'a'a: «Cubbuu teenna mara nuu araaram! Galata dansaa afaan keennaa akka dhikeessinu, mararti'iin nu fudhadhu.3Asoor nu baasuu hin dande'u; fardoo lolaa irra hin teennu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne si'iin marartii waan dhaggattuuf, nuuti ijjumaa deebinee waan harki keenna hujeen, ‹Waaqota keenna› hin jennu» jedha'aan.

Mootiin Waan Maraa Jiruu Haareya Israa'eliif Kenniisaaf Waadaa Gale

4Mootiin Waan Maraa,«Ani dhukkuba na irraa isaan fageessu irraaisaan hin fayyisa;aariin tiyya isaan irraa waan deebiteef,ani akkasumaan isaan hin jaaladha.5Ani Israa'eliifakka tiifu'uu hin te'a.Isaan akka daraara'aa hin baqan;akka hindheensa Libaanonii hidda gad hin naqatan.6Isaan quunxoo haareya hin baasan.Akka muka ejersaa hin miidhagan;fooleen isaanii akka hindheensa Libaanonii hin teeti.7Isaan deebi'anee gaaddisa kiyya jala hin boqatan.Akka midhaanii hin latan;akka muka woyni'ii hin daraaran;akka daadhii woynii biyya Libaanonii gurra hin horatan.8Ee kolbaan Efreemii,waaqota dharaa biraaani maan qaba ree?Ka deebii isiniif kennu,ka isin kunuunsu ana.Ani akka muka yennaa mara bisiluu ti;eebbifam keessan na biraa dhufa» jedha.
9Nami qaroon waan kana hin hubata;nami woy hubatu waan kana hin qalbeeffata;karaan Mootii Waan Maraa qajeela'a;balchooleen irra ideeman;finqiltooti ammoo keessatti gufatan.