Ibroota5gax_twf

1Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama.2Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a.3Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba.4Akkuma Aaronii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu.5Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan,«Ati Ilma kiyya,ani adha si uumadheera!» jedhettuu ulfinna kana kenneef.6Addee dhibiille'etti,«Akkuma hayyummaa,Malkiisedeqii,ati haga bara baraa hayyu'u» hin jedha.7Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef.8Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate.9Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e.10Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.

Akka Dhugeeffannaa Hin Lakkinne Ifi Eeggachiisa

11Marroo waan kanaa waan jennu waan hedduu qanna; ammoo hubatiisaaf waan rinciccanuuf, ifa tolchanee himuun rakkisa'a.12Yennaa kana barsiisota te'uu maltane; amma ammoo jecha Waaqaa barumsa jalqabaa nami biraa ammalle akka isin barsiisu barbaachisa; silaa sagalee jaddu'utti isinii male; ammoo ammalle aananitti isiniif barbaachisa.13Nami aananiin jiraatu annuu waan te'eef, barsiisa dansa'aa fi hamaa gargar baasiisaa hin baranne.14Sagaleen jadduun ammoo worra gugurdaa, worra dansa'aa fi hamaa gargar baasiisa barateeruuf barbaachitti.