Ibroota10gax_twf
1Seerri waan dansaa dhufuuf gaaddiddu'u malee, akka akki isaa jiru ka dhuga'aatii moti; tanaaf wogguma wogga'aan yennaa mara woreega woreegamu worra gara Waaqaa dhikaatu guutuu godhiisaaf ijjumaa hin dande'u.2Adoo Seerri isaan guutuu godhiisaaf dande'ee jiraate, worri waaqonfatiisaaf dhikaatu karaa itti deddeebii hin qanneen cubbuu irraa waan qulqulloomuuf, wodanaa isaaniititti cubbuun isaanii waan hin dhage'anneef, sila woreega dhikeessiisa hin lakkisaniiyyu.3Woreegi kun marti ammoo wogguma wogga'aan ka isaan cubbuu ittiin qaabatanu.4Sababille dhiigi dardaraatii fi re'e'ee cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne.5Tanaaf Kiristoos gara biyya lafaa yennaa dhufe,«Ati woreegaa fi kenna'atti hin gammanne,ammoo nafa naaf qopheessite.6Woreega ciinca'aatii fi,woreega cubbu'uuf woreegamutti ati hin gammanne.7Yennaa san ani,‹Waaqa kiyya, Kitaaba Maramu keessattiakkuma marroo tiyyaaf barreeffante,ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera› jedhe» jedhee dubbate.8Seerri akka inni tana tolchuuf ajajulle, inni ammoo asiin olitti, «Ati woreegaa fi kennaa, woreega ciinca'aatii fi woreega cubbu'uu hin barbaanne, ittille hin gammanne» jedhe.9Itti dabaleelle, «Kunoo, ani fedhii teeti muummessiisaaf dhufeera» jedhe; woreega lammeesso'oo addee buusiisaaf, woreega qaraa diige.10Akka fedhii Waaqaatitti, karaa foonYesuus Kiristoosiitiin takkumaan yennaa maraaf woreega woreegameen woyyuu teeneerra.11Hayyichi mara guyyuma guyya'aan dhaabbatee tajaajila hayyumma'aa tajaajila; woreega cubbuu balleessiisaaf hin dandeenne sanille yennaa mara dhikeessa.12Kiristoos ammoo woreega tokkocha yennaa maraaf te'u dhikeesseen duuba, midda Waaqaatitti tee'eera.13Yennaa sanii jalqabee diinoti isaa ejjata miila isaa akka te'anu eeggatiisatti jira.14Sababille inni worra woyyoome san woreega tokkochaan haga bara baraa guutuu akka te'u godheera.15Ayyaanni Woyyichille marroo waan kanaa dhugaa nu'uuf hin baya. Inni duraan dursee,16«Guyyooti sun yennaa geyane,gondooroon ani isaan woliin gondoorradhu,Seera kiyya gadhaa isaanii keessa hin keya,qalbii isaanii keessalle'etti hin barreessa ta jettu jedha Goottaan» jedhee dhugaa bayeef.17Itti dabaleelle,«Ani cubbu'uu fi jalluu isaanii deebi'ee hin qaabadhu» jedhe.18Eega kana araarri maraaf kenname, haganaa achi woreegi cubbu'uuf dhikeeffamu hin jiraatu.