Waaqi Bet'elitti Yaaqoob Eebbise
1Waaqi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Bet'elii ol bayii, achi le'i! Yennaa ati obboleessa keeti Esaawu duraa baqatte ana Waaqa sitti mudhateef, addee ciinca'aa ijaar!» jedhe.2Tanaaf Yaaqoob maatii ifiitii fi worra isa woliin jiruun, «Waaqota orma odduu teessanii qaddanu baasa'a; nafa keessan qulqulleeffadha'a; woyaa teessanille jijjiiradha'a.3Kowaa gara Bet'elii deenna. Waaqa yennaa rakkoo tiyyaa na qarqaaree, addee maratti na woliin jiraateef, addee ciinca'aa achitti hin ijaara» jedhe.4Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii qabanu mara, qubee gurraalleYaaqoobitti kennanee, inni qilxaa guddaa qachaa Sheekemii biraa jalatti awwaale.5Yennaa Yaaqoobii fi maatiin isaa achii deemiisaaf ka'ane, Waaqi kolbaa adaala qachootaa irratti sodaa guddoo waan buuseef, isaan hin hordonne.6Yaaqoob worra isa woliin jiru mara woliin gara Luzii, lafa Kana'aan keessaa, ta amma Bet'el jedhantuu dhaqane.7Yaaqoob achitti addee ciinca'aa ijaare; yennaa inni obboleessa ifii duraa baqatee ideeme, Waaqi achitti waan isatti mudhateeruuf, addee san, «El-Bet'el» jedhee maqaa baase.8Yennaa san Deboraan Ribqaa gudditte duutee, qilxaa Bet'el irraa gara kibbaa jiru tokko jalatti awwaalante; tanaaf qilxaan sun, «Qilxaa bowaa» jedhame.9Yennaa Yaaqoob phaadaan-Aaramii deebi'ee dhufe, Waaqi ammalle isatti mudhatee, isa eebbise.10Waaqi, «Maqaan keeti Yaaqoob; haganaa achi ammoo maqaan keeti, ‹Israa'el› jedhama malee, ‹Yaaqoob› hin jedhamu» jedheen. Tanaaf akkuma Waaqi maqaa isa moggaasetti maqaan isaa, «Israa'el» jedhame.11Waaqi isaan, «Ani Waaqa waan mara dande'u. Hori, bacadhu! Gosi biyya adda addaa si irraa hin dhaggaman; moototille si irraa hin dhalatan.12Lafuma Abrahaamii fi Yisihaqiif kenne, si'ii fi sanyii teetiifille hin kenna» jedhe.13Achiin duuba Waaqi addee isatti dubbate sanitti isa lakkisee biraa ol baye.14Yaaqoob addee Waaqi isatti dubbate sanitti soodduu dhaabee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irratti dhangalaase.15Tanaaf Yaaqoob maqaa addee Waaqi isatti dubbatee san, «Bet'el» jedhee baase.Du'a Raaheliitii Fi Dhaloota Beniyaaminii
16Yaaqoobii fi maatiin isaa Bet'elii ka'anee, biyya Efraataa geyaaranuun, Raahel ciniinsuu jadduu ciniinsifatte.17Ciniinsuun yennaa itti jabaatte, dubartiin deessittuu isi'ii, «Raahel, ati ilma dhibii waan deyaartuuf hin sodaatin!» jetteen.18Raahel ammoo du'iisaaf lubbuun keessaa bayaartuun, maqaa muca'aa, «Ben-Onii» jettee baatte. Abbaan isaa ammoo, «Beniyaamin» jedhee baase.19Achiin duuba Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu, ka amma Betlihem jedhamu cina'atti awwaalante.20Yaaqoob irreensa Raahelii irratti soodduu dhaabe. Soodduun sun haga adhaa achi jirti.21Israa'elachii deemee, xelleephoo Edariitiin gara kaanitti qubate.Ilmaan Yaaqoobii
22Yaaqoob lafa san adoo le'iisatti jiruu, Ruuben niitii abbaa ifii Bilhaa gursumeettii woliin rafe; Yaaqoobille waan kana dhage'e. Yaaqoob ilmaan kudhanii lama qabaayyu.23Ilmaan Liyaan Yaaqoobiif deette: Ruuben ilma angaficha, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon.24Ilmaan Raahel Yaaqoobiif deette: Yoseefii fi Beniyaamin.25Ilmaan garbittiin Raahelii Bilbaan Yaaqoobiif deette: Daanii fi Naftaalem.26Ilmaan garbittii Liya'aa Zilfaan Yaaqoobiif deette: Gaadii fi Asheer. Ilmaan Yaaqoobii worri phaadaan-Aaramitti dhalatane isaan kana.Du'a Yisihaqii
27Yaaqoob qachaa Mamre'eetitti Kebroon bira, addee Abrahaamii fi Yisihaq le'ane gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqe.28Yisihaq woggaa dhibbaa fi saddeettama le'e.29Yisihaq guddoo dulloomee, baralle quufee du'e; ilmaan isaa Esaawu'uu fi Yaaqoob isa awwaalane.