Phawuloosii Fi Ergantoota Taan
1Eega san woggaa kudha afuriin duuba, Tiitoos ifi faana fudhadhee, Baarnaabaas woliin gara Yerusaalemii deebi'ee dhaqe.2Akka ani achi dhaqu, Waaqi natti mudhinnaan dhaqe. Hujiin ani kanaan dura hujee fi ta amma hujiisatti jiru, tola akka hin banneef jedhee, Oduu Gammadaa ta worra Yihudoota hin te'initti lallabu, sooreyyii gugurdo'oof qofitti hime.3Tiitoosiin na woliin jiru, nama Giriikii te'ulle, akka haqanqabaa qabatu hunnaan hin godhanne.4Te'uu malee obboleeyyan dharaameyyiin tokko tokko, ka luuxanee nu odduu seenane, akka inni haqanqabaa qabatu barbaadaneeraniiyyu. Isaan bilisummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu dooyanee, garbumma'atti nu deebisiisaaf barbaadanee, luuxanee seenane.5Dhugaan Oduu Gammadaa, akka yennaa mara isin woliin jiraattuuf, nuuti yennaa diqqolle'eef isaaniif hin ajajane.6Worri sooreyyii gugurdoo ifi fakkeessuu ammoo, eennummaan isaanii ta qaraa womaa natti hin fakkaatu; Waaqi fuula namaa ilaalee hin golu; isaan Oduu Gammadaa ta ani lallabu irratti womaa hin daballe.7Ammoo akka Waaqi, akkuma Pheexroos Oduu Gammadaa worra Yihudootaatiif akka lallabuuf adaraa itti kenne, anille Oduu Gammadaa worra Yihudoota hin te'iniif, akka lallabuuf adaraa natti kenneeru beekaneeran.8Waaqi akka Pheexroos ergamaa worra Yihudootaa te'ee tajaajilu godhe, akka anille ergamaa worra Yihudoota hin te'inii te'ee tajaajilu godheera.9Akkasuma sooreyyiin akka utuba'aa ilaalamanu Yaaqoob, Pheexroosii fi Yohaannis, badhaadha naaf kenname hubatanee, tokkummaa mudhisiisaaf Baarnaabaasii fi na woliin harka wol qabanneerra; Baarnaabaasii fi ani gara worra Yihudoota hin te'inii akka dhandhu, isaaniille gara worra gosa Waaqaa akka dhaqanu woliif galleerra.10Isaan marroo hiyyeeyyi'iitiif akka nuuti yaadannu callaa nutti dubbatane, kun waan ani dhugumaan godhiisaaf fedhuuyyu.Anxokiya'atti Phawuloos Pheexroosiin Morme
11Pheexroos gara Anxokiya'aa yennaa dhufe waan dokonkoreeruuf, ani fuula duratti isa morme.12Namooti gariin Yaaqoob biraa adoo hin dhufin dura, Pheexroos worra Yihudoota hin te'in keessaa worra dhugeeffate woliin nyaataa ture; yennaa isaan dhufane ammoo, golii worra haqanqabaa qabateesodaatee, worra Yihudoota hin te'in irraa ifi gargar baasee qarqarfate;13Worri Yihudoota keessaa dhugeeffatanelle, kijiba Pheexroosii hordofaneeran; Baarnaabaasinuu kijiba isaaniitiin duubatti harkifameera.14Akka isaan akka dhugaa Oduu Gammadaatitti hujaa hin jirre, ani yennaa dhagge, isaan mara duratti Pheexroosiin, «Ati Yihudii teetee, akka Yihudi'iititti adoo hin te'in, akka nama Yihudii hin te'iniititti eega jiraatte, attamiin worri Yihudoota hin te'in, akka Yihudootaatitti akka jiraatuuf uttitta ree?» jedhe.Namuu Dhugeeffanna'aan Fayya
15Nuuti dhalootaan Yihudoota malee, worra Yihudoota hin te'in worra cubbichaa moti.16Te'uu malee nami Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan malee, Seera eeggatiisaan akka hin balchoonne beenneerra. Nuutille Seera eeggatiisaan adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan akka balchoonnuuf Yesuus Kiristoositti dhugeeffanneerra. Eennulle Seera Muuse'ee eeggatiisaan hin balchoomu.17Kiristoositti dhugeeffatiisaan balchoomiisaaf adoo barbaannuu, nuutinuu cubbaalleyyii teenee yoo mudhanne, akka cubbuu tolchinu ka godhiisatti jiru Kiristoos jechu'u ree? Ijjumaa, hin teetu!18Ani Seera diige deebisee yoo ka ijaaru te'e, aninuu nama Seera diigu te'uu kiyya mudhisiisatti jira jechu'u.19Ani Waaqaaf le'iisaaf, karaa Seeraatiin Seera duraa du'eera; ani Kiristoos woliin fannifameera.20Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le'a malee, ani ifiif hin le'u. Le'ii amma fooniin le'ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le'a.21Ani badhaadha Waaqaa gatii hin dhooggu; Seera eeggatiisaan adoo waan balchoomanu teete, Kiristoos toluma du'e jechu'uu motii ree!