Worra Galaatiya'aa1gax_twf

Nageya

1Namootaan yookiin karaa nama tokkootiin adoo hin te'in, Yesuus Kiristoosii fi Waaqa Abbaa Kiristoos du'aa kaaseen, ergamaa te'ee ka ergame, ana Phawuloos biraa,2obboleeyyan na woliin jirtu mara biraa: wolde'oota kiristaanaa ka Galaatiyaa keessa jirtanuuf,3Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!4Akka fedha Waaqa Abbaa keennaatitti, bara hamaa kana keessaa nu bilisa baasiisaaf jedhee, Kiristoos marroo cubbuu teennaatiif ifi dabarsee kenne.5Baraa haga bara baraatitti Waaqaaf ulfinni te'u! Ameen.

Oduun Gammadaa Dhugittiin Takka'a

6Badhaadha Kiristoosiitiin ka isin waame irraa garagaltanee, gara oduu gammadaa ta biraa ariifattanee deebi'uun keessan na baaseffachiitteerti.7Worri isin kem'i godhiisaa fi Oduu Gammadaa ta Kiristoosii daddasiisaaf barbaadu waan jiruuf tana jedhe malee, dhugumaan Oduun Gammadaa ta biraa hin jirtu.8Te'uu malee, nu'ulle yoo te'e, yookiin ergamaa Waaqaa ka ol-gubba'aalle yoo te'e, Oduu Gammadaa ta nuuti isinitti lallanne irraa ta gorte, yoo lallabe ka abaarame te'uu ti!9Akkuma tanaan dura dubbadhe, ammalle irra deebi'ee dubbadha: eennulle Oduu Gammadaa ta isin fudhattane irraa ta gorte, yoo isinitti lallabe ka abaarame te'uu ti!10Ani amma nama moo, Waaqa duratti fudhatama dhaggatiisaaf barbaadiisatti jira ree? Yookiin nama gammachiisu'uuf barbaadatiisatti jiraa? Nama gammachiisu'uuf adoo waan barbaadu teete, ani tajaajilaa Kiristoosii hin te'uuyyu.

Phawuloos Ergamaa Te'iisaaf Waamame

11Obboleeyyan tiyya! Oduun Gammadaa ta ani isiniif lallabe, ta nami ifi keessaa maddisiise akka hin te'in, akka beettanu barbaada.12Oduu Gammadaa tana, Yesuus Kiristoositti natti mudhise malee, ani eennulle irraa hin fudhanne, yookiin eennulle na hin barsiinne.13Yennaa duri dhugeeffannaa Yihudootaa hordofu, attam akka ani le'e dhageettaneertan; ani wolde'a kiristaana Waaqaa akka malee miidhaaballeessiisaaf wodhaanaa ture.14Worra bara kiyya jiru, lansoota tiyya ta Yihudoota te'ane hedduu, ani dhugeeffannaa Yihudootaa eeggatiisaan hin caala; marroo aadaa abbootii teennaatille'eef akka malee hin hinaafaayyu.15Waaqi ammoo adoo ani hin dhalatin dura na filate; badhaadha ifiitille'een na waame.16Oduu Gammadaa ta marroo Ilma isaa, worra Yihudoota hin te'in oddu'utti akka ani lallabuuf, yennaa Waaqi Ilma ifii natti mudhisiisa jaalate, ani nama tokkolle woliin hin mari'anne;17yookiin gara worra anaan dura ergantoota te'ee Yerusaalem hin dhandhe, ammoo yoosuma gara biyya Arabaa dhaqee, achiin duuba Damaasqo'otti deebi'e.18Eegii san woggaa sadiin duuba Pheexroosilaaliisaaf gara Yerusaalemii dhaqee, isa bira guyyaa kudha shan ture.19Obboleessa Gootta'aa Yaaqoob malee, ergantoota dhibii keessaa tokkolle hin dhaggine.20Wonni ani isiniif barreessu kun dhara akka hin te'in, Waaqi hin beeka.21Ani Yerusaalem dhaqeen duuba gara biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa dhaqe.22Wolde'ooti kiristaanaa ka Kiristoosii, ka lafa Yihuda'aa keessa jiru, ilaan na dhagganee hin beekanu.23Oduu, «Namichi duri nu miidhaa ture, dhugeeffannaa balleessiisaaf barbaadu san, amma lallabiisatti jira» jettu qofa dhage'aneeran.24Sababa kiyyalle'eef Waaqa galateeffatane.