Izraan Gara Yerusaalemii Dhufe
1Waan kanaan duuba bara bulchiinsa Artashaastaa mootii Faaresii, Izraan ilmi Seraaya'aa, Seraayaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Hilqiiya'aa,2Hilqiiyaa ilma Shaalumii, Shaalumii ilma Zaadoqii, Zaadoqii ilma Ahiixubii,3Ahiixubii ilma Amaariya'aa, Amaariyaa ilma Azaariya'aa, Azaariyaa ilma Meraayootii,4Meraayootii ilma Zeraaya'aa, Zeraayaa ilma Uzii, Uzii ilma Bukii,5Bukii ilma Abiishuwaa, Abiishuwaa ilma Fiineshaasii, Fiineshaasii ilma Ele'azaarii, Ele'azaarii ilma hayyicha guddaa Aaronii,6Baabilon irraa gara Yerusaalemii dhufe; inni beekkicha seera Mootii Waan Maraa Waaqi Israa'elii Muuse'eef kenne akka dansaa ka beeku barsiisaa seeraa ti. Hunni Mootii Waan Maraa Waaqa isaa waan isa woliin jirtuuf, waan inni gaafate mara mootichi isaaf kenne.7Artashaastaan mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti Izraan Israa'eloota garii, hayyoota garii, Lewwoota garii, faarfattoota garii, worra karra eegu gari'ii fi worra Galma Waaqaa keessa tajaajilanu garii woliin Yerusaalem dhaqiisaaf ka'e.8Artashaastaan mootii te'ee ji'a shaneesso'ootitti Izraan Yerusaalem geye.9Hunni Waaqaa dansaan isa woliin waan jirtuuf, ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Baabilonii ka'ee, ji'a shaneesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti Yerusaalem geye.10Izraan seera Waaqaa qorqoree hujii irra oolchiisaaf, akkasuma ajaja Waaqaa, seeraa fi sirna Waaqaa kolbaa Israa'elii duudii barsiisiisaaf jiruu ifii duudii kenneera.Mootichi Artashaastaan Xalayaa Izra'aaf kenne
11Garagalchi xalayaa mootichi Artashaastaan, Izraa hayyicha barsiisaa, ka ajajaa fi seera Mootiin Waan Maraa Israa'elootaaf kenne mara beekuuf kenne asii gad jira:12garagalchi xalayaa kanaa, «Artashaastaa mootii moototaa irraa, gara Izraa hayyicha barsiisaa seera Waaqa ol-gubba'aa ka te'eef; nageenni si'iif te'u!13Israa'elooti mootummaa tiyya keessa jiranu, hayyootii fi Lewwooti worri si woliin gara Yerusaalemii deemiisa barbaadanu marti akka deemanu ajajeera.14Akka ajaja Waaqa keetii ka harka keeti jiruutitti, marroo Yihuda'aatii fi marroo Yerusaalemii akka qorqortuuf ani mootichii fi gorsitooti tiyya torba si ergineerra.15Kana maleelle, ati meeti'ii fi worqii ani mootichii fi gorsitooti tiyya fedha keennaan Waaqa Israa'elii, ka Galmi isaa Yerusaalem keessa jiruuf kennine,16meeti'ii fi worqii kutaa biyya Baabilonii keessaa dhaggattu maralle, kennansa kolbaan Israa'eliitii fi hayyooti fedha ifiitiin Galma Waaqa ifii ka Yerusaalem keessa jiruuf kennitu mara fuudhii deemi.17Beesee tanaan dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, buruusoo korbeeyyii hoole'ee, kennaa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii bitiitii addee ciinca'aa ta Galma Waaqa keetii ka Yerusaalem keessaa irratti ciincaa dhikeessi.18Meeti'ii fi worqii hafaneen, atii fi obboleeyyan teeti Yihudooti akka fedha Waaqa keessanii waan isin gammachiise huja'a.19Galma Waaqa keetii keessatti akka ittiin tajaajilamu meya sitti kenname maraayyuu Waaqa Yerusaalem jiruuf dhikeessi.20Kana maleelle waan Galma Waaqa keetiitiif barbaachisu maraaf, mana meya mootumma'aa keessaa baafadhu.21«Izraan hayyichi, beekkichi seera Waaqa ol-gubba'aa waan isin gaafate, akka isaaf kennitanu, ani Artashaastaan mootichi, itti gaafatantoota mana meya mootumma'aa worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtanu mara ajajeera.22Kunille meetii haga kiiloo kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii haga kiiloo kuma kudhanii, daadhii woyni'ii haga litirii kuma lamaa, zayitii ejersaa haga litirii kuma lamaatii fi soodda haga barbaachise kenna'aaf.23Wonni Waaqi ol-gubba'aa ajaje marti, ifi eegganna'aan Galma Waaqa ol-gubba'aatiif godhamuu ti! Ana mootichaa fi ijoollee tiyyatti mufiin maaf dhutti ree?24Akkasuma isin hayyootatti, Lewwootatti, faarfattootatti, eeddota karraatitti, tajaajiltoota Galma Waaqaa yookiin worra Galma Waaqaa keessa huju irratti gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif baasanu itti buusuu baallii akka hin qanne beeka'a.25Atille Izraan, qarummaa Waaqi sii kenneen, kolbaa laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jirtu mara akka bulchanuuf, abbootii seeraatii fi abbootii mura'aa ka seera Waaqa keetii beekanu filiif! Worra seera hin beenne atinuu barsiisi!26Seera Waaqa keetiitii fi seera mootumma'aatiifiille ka hin ajajanne marti du'aan yookiin biyyaa baafamiisaan yookiin saamamiisaan yookiin hidhamiisaan adabamuu ti!» ka jedhu.Izraan Waaqa Leellise
27Izraan, «Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf, akka inni ulfinna kennu, yaada kana ka gadhaa mootichaa keessa keye, Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teennaa leellifamuu ti!28Inni mooticha, gorsitoota mootichaatii fi qondaaltota mootichaa hunnaameyyii mara duratti, fudhatama akka dhaggadhu na godheera; hunni Mootiin Waan Maraa Waaqa kiyyaa waan na woliin jiraatteef, jajjabaadhee, sooreyyii Israa'elii na woliin akka ol deemanu wolitti qabadhe» jedhe.