Kitaaba Izra'aa1gax_twf

Yihudooti Boojuu Irraa Deebi'ane

1Dubbiin Mootiin Waan Maraa karaa Ermiyaasii raagichaatiin dubbate akka muummottu, mootichi Faaresii Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, akka inni lassii lassiisee barreeffamalle'een baasu Mootiin Waan Maraa yaada isaa kakkaasee,2«Mootiin Faaresii Qiiros, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi ol-gubba'aa mootummaa biyya lafaa mara na kenneera; Yerusaalemii Yihudaa keessaatitti, Galma isaa akka ijaaru na ajajeera.3Kolbaa isaa keessaa nama odduu teessan jiru mara, Waaqi isaa isa woliin jiraatuu ti; inni gara qachaa Yerusaalemii ka Yihudaa keessa jiruu ol bayee, Waaqa achi jiruuf, Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebisee ijaaruu ti.4Worri addee booju'uutitti hafe marti addee jiranu mara keessaa, kennansaa fedhii ifiitiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiruuf kennanuun ala, meeti'ii fi worqii, meyaa fi horii kenniisaan isa qarqaaranuu ti› jedheera» jedhe.5Achiin duuba maatii Yihuda'aatii fi Benyaaminii keessaa angafooti, hayyootii fi Lewwooti, nami Waaqi yaada isaa kakkaase marti dhaqee Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru deebisee ijaariisaaf qophowe.6Worri adaala isaanii jiru martinuu, kennansa fedhii ifiitiin kennanuun ala, meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, meya adda addaa, meya gatii guddo'ootii fi horii kenniisaan isaan qarqaarane.7Kana maleelle mootichi Qiiros, meya Galma Waaqaa ka Nebukadnezaar Yerusaalemii fudhatee galma waaqota ifii keessa keyateeru gad baase.8Mootiin Faaresii Qiiros meya san namicha meya mana mootumma'aa eegu Miitradaatitti kennee, bulchaa Yihuda'aa ka te'e Sheshibazaar duratti akka laakkowamu kenne.9Mey laakkowame sun ka asii gad jiru: Qoriin gugurdoon worqii irraa hujante soddoma; Qoriin gugurdoon meetii irraa hujante kuma tokko; Qoriin dhibiin diddamii sagal;10Qoriin didiqqoon worqii irraa hujante soddoma; Qoriin didiqqoon meetii irraa hujante ta wol fakkaattu dhibba afurii fi kudhan. Mey adda addaa ka dhibiin kuma tokko.11Mey worqi'iitii fi meeti'ii wolumatti kuma shanii fi dhibba afur. Worri booji'ame Baabilon irraa gara Yerusaalemii yennaa deebi'e, Sheshibazaar meya kana mara fuudhee baye.