Galma Waaqaa Keessatti Waaqota Dharaa Waaqonfatiisa
1Booji'annee woggaa jayeesso'ootitti, ji'a jayeesso'oo, guyyaa shaneesso'ootitti, jaarsoleen Yihuda'aa na woliin mana kiyya keessa tee'aneeranuun, achitti hunni Goottaa Mootii Waan Maraa natti dhutte.2Achiin duuba anille ilaalee, waan nama fakkaatu tokko dhagge; waan hidha isaa fakkaatuun gad waan akka ibiddaatitti jira; waan hidha isaa fakkaatuun ol waan akka sibiila finiinee ifutti jira.3Wonni nama fakkaatu sun waan harka namaa fakkaatu gara kiyya diriirsee rifeensa mataa kiyyaa qabe; Ayyaanni ol-gubba'aa fi lafa wodhakka'atti ol na fuudhee, addee fakkiin waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhaabbattu, gara balbala gara kaabaa ta seensuma badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa, mudhii Waaqaatiin gara Yerusaalemii na geesse.4Kunoo, ulfinni Waaqa Israa'elii, ka akka ani dhooqa Kebaariititti mudhi'iin dhaggee achi jiraayyu.5Achiin duuba Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Amma ati gara kaabaa ol ilaali!» jedhe; anille gara kaabaa ol ilaalee, seensuma karra gara addee ciinca'aatiin gara kaabaatitti fakkii waaqa dharaa ta hinaaffaa kakkaachu dhagge.6Ammalle Waaqi anaan, «Ee ilma namaa! Kolbaan Israa'elii addee woyyittii tiyya irraa na fageessiisaaf, waan battii guddittii isaan asitti hujiisatti jiranu dhaggitaa? Ammalle battii guddittii tana caaltulle dhaggu'uu jirta» jedhe.7Inni gara seensuma badhinna dalleya keessaa na geesse; ani yennaa ilaale, dalleya dhaka'aa irra qowa tokkotti jiraayyu.8Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Dalleya dhaka'aa kana uri» jedhe; maarre anille yennaa ure seensuma takka dhagge.9Ammalle inni anaan, «Gara keessaa seeniitii, battii hantuu isaan asitti hujiisatti jiranu tana ilaali» jedhe.10Anille gara keessaa seenee ilaale; naannoo dalleya dhaka'aa san mara irratti wonni akka bineensota gadha'aan lafa irra lowanuutii fi wonni akka bineensota batti'ii marti, wonni akka waaqota dharaa ka Israa'elii marti irratti qiriixamaneeraniiyyu.11Jaarsoleen Israa'elii torbaatam fakkii san dura dhaabbataneeraniiyyu; ilmi Shaafaanii Yaazaaniyaalle odduu isaanii dhaabbateeraayyu; tokko tokkoon isaanii girgiraa harkatti qabataneeran; aarri hixaanaa hurrantaan foolee dansaa qabu girgiraa san keessaa ol ka'e.12Ammalle Waaqi anaan, «Jaarsoleen Israa'elii tokko tokkoon isaaniituu kolloo fakkii waaqota dharaa ka isaanii keessatti, dukkana keessatti waan isaan hujiisatti jiranu dhaggiteertaa? Isaan, ‹Mootiin Waan Maraa nu hin dhaggu; lafa tana lakkiseera› jedhan» jedhe.13Inni ammalle anaan, «Waan battii guddittii tana caaltu akka isaan hujanu ammalle dhaggu'uuf jirta» jedhe.14Achiin duuba inni gara seensuma karra dalleya Galma Mootii Waan Maraa ta gara kaabaa na geesse; ani achitti dubartoota teettee waaqa dharaa, ka, «Tamuz» jedhamuuf boottu dhagge.15Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Waan kana dhaggiteertaa? Waan battii tana caaltulle dhaggu'uu jirta» jedhe.16Ammalle inni gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka gara keessaa na geesse; kunoo, namooti gara diddamii shanii seensuma Galma Mootii Waan Maraa, wodhakkaa addee ciinca'aatii fi soro'oo dhaabbatanee, Galma Mootii Waan Maraatitti dudda galanee, gara aduun baatutti fuula galanee, adu'uuf sagadiisatti jiraniiyyu.17Achiin duuba inni anaan, «Ee ilma namaa! Waan kana dhaggiteertaa? Wonni battiin kolbaan Yihuda'aa asitti hujiisatti jirtu tun waan kasoo seetaa? Lafa tana hunnaan nama irratti ka'iisaan guutanee, yennaa mara akka ani aaru godhuu qabanii ree? Kunoo, isaan akka fedhane na arrassan.18Tanaaf ani mufi'iin isaan hin adaba; ani isaan hin hilu; isaan hin mararulle'e. Yennaa isaan gara kiyya iyyanelle, isaaniif hin dhage'u» jedhe.