Hizqi'elii Raagichaa43gax_twf

Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifii Odduu Jiraate

1Achiin duuba inni gara karra karaa aduun baatuu na geesse.2Kunoo, ulfinni Waaqa Israa'elii karaa aduun baatuun dhufuun dhagge. Shookkessi dhufiisaa isaa akka shookkettii bisaan xinniquu ti; ulfinna isaatiin latti balaqqitte.3Mudhiin ani dhagge ta akka ani yennaa inni qachaa balleessiisaaf dhufe dhagge fakkaattu, mudhii laga Kebaarii biratti dhaggelle'een ta wol fakkaatti. Anille addaan lafatti gad gombifame.4Ulfinni Mootii Waan Maraa karaa karra karaa aduun baatuutiin gara Galma Waaqaa akkuma seeneen,5Ayyaanni ol na fuudhee gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geesse; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa guute.6Namichi sun adoo na bira dhaabbatiisatti jiruu, nami tokko Galma Waaqaa keessaa natti dubbatuun dhage'e;7inni anaan, «Ee ilma Namaa! Tun addee barcumaa mootummaa tiyyaa, addee ijjata miila kiyyaa, addee ani kolbaa Israa'elii odduu haga bara baraa le'u. Kolbaan Israa'eliitii fi moototi isaanii haganaa achi gaarayyeeffatiisaan, waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii addee waaqonfannaa ifiititti waaqonfatiisaan maqaa kiyya woyyicha hin batteessanu.8Karaa seensuma balbala isaanii, karaa seensuma balbala tiyya bira, mikikkila isaanii mikikkila kiyyaa biratti dhaabiisaan, anaa fi isaan wodhakkaa dhaaba dhaka'aa tokko qofatti jira. Isaan waan diqachiisaa ifiitiin maqaa kiyya woyyicha batteessane; tanaaf ani aarii tiyyaan isaan fixe.9Amma isaan gaarayyeeffata ifiitii fi waaqota dharaa ka lubbuu hin qanne ka mootota ifii anarraa geegessanuu ti; anille odduu isaanii haga bara baraa hin jiraadha.10«Ee ilma namaa! Yakkaa hujane akka fokkifatanu, marroo Galma Waaqaa kolbaa Israa'eliititti himi; isaan attam akka inni itti ijaaramiisaaf karoorfameeru yaadanuu ti.11Isaan waan godhane maratti yoo fokkifatane, Galmi Waaqaa attam akka itti ijaaramiisaaf akeekkameeru, attam akka ijaaramaaru, karaa gad baya isaa, karaa seensuma isaa akka isaan beekanu godhi; akeeka ijaarsa isaa duudii, seerataa fi seera isaa mara akka dansaa akka beekanu godhi; akka isaan seeraa fi seerata isaa hubatanee muummessanu ila isaanii duratti barreessi.12Seerri Galma Waaqaa kana: gaarri gubbaan adaallii gaaraa sun marti lafa irra caalaa woyyuu hin te'a. Kunoo, kun seera Galma Waaqaa ti.

Addee Ciinca'aa

13«Mikiin addee ciinca'aa ta ciqilee dheertu'uu, ta ciqilee tokkoo fi taakku'uu ta asii gad jirtu. Jalli isi'ii ciqilee tokko hojjaa ol dheerata; isiin ciqilee tokko badhatti; irgi isi'ii ka itti naannoweeru taakkuu tokko hin te'a; kun hojjaa addee ciinca'aa hin te'a:14Hundee lafa irra jirtu irraa ka'ee haga irga buusaa gad aanuutitti hojjaan isi'ii ciqilee lama; badhinnille ciqilee tokko. Irga buusaa diqqa'aa irraa kaasee haga irga buusaa gudda'aatitti hojjaan isi'ii ciqilee afur, badhinni isi'iille ciqilee tokko.15Addeen ibiddaa ta ciinca'aa hojjaan isi'ii ciqilee afur; addee ibiddaa irraa gaafoti afur ol bayeera.16Addeen ibiddaa ta ciinca'aa cinaan isi'ii arfanuu wol qixa teetee, dheerinni ciqilee kudhanii lama, badhinnille ciqilee kudhanii lama.17Kaabiin dhaka'aa sun cinaan arfanuu wol qixxee te'ee, dheerinni isi'ii ciqilee kudhanii afur, badhinni isi'ii ciqilee kudhanii afur te'ee, badhinni xiyyoo isi'ii ka itti marfameeru gamisa ciqile'ee ti; naannoon hundee isi'ii martinuu badhinni ciqilee tokko; yaabbannooti addee ciinca'aa karaa aduun baatuun jiraniiyyu» jedhe.18Achiin duuba namichi anaan, «Ee ilma namaa! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Addeen ciinca'aa tun hujantee, kennansi gubamu yennaa dhikaatuu fi addee ciinca'aa tana irratti dhiigi yennaa fiffixamu, seerri isaanii kana:19Ati dardara tokko ka kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, hayyoota natti dhikaatanee ana tajaajilanu, sanyii Zaadoqii gosa Lewwootaatiif kenni.20Ati dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhiitii gaafota addee ciinca'aa afur irratti, roga kaabii dhaka'aa afur san irratti, marsa xiyyoo isaa mara irratti dibi. Akka kanaan addee ciinca'aa qulleessiitii, cubbuu isi'iitiif gumaa tolchi.21Dardara kennansa cubbu'uutiif dhikaate san fuudhiitii, adaala Galma Waaqaatitti, addee waan kanaaf adda baatetti, addee woyyitti'iin alatti gubi.22Guyyaa lammeesso'oo korbeessa re'e'ee ka fafa hin qanne fuudhiitii kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; addeen ciinca'aa akkuma dhiiga dardaraatiin qulleeffante, dhiiga korbeessa saniille'een qulleeffantuu ti.23Qulleessiisa kana qulleessitee yennaa fixxe, tika keessaa dardaraa fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokko,24Mootii Waan Maraa dura dhikeessi; hayyooti soodda itti fiffixanee, kennansa gubamu godhanee Mootii Waan Maraatiif hin dhikeessan.25Guyyuma guyya'aan, guyyaa torbaaf korbeessa re'e'ee tokko kennansa sababa cubbu'uutiif dhikeessi; tika keessalle'ee dardara fafa hin qanne tokkoo fi korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne qopheessan.26Isaan guyyaa torbaaf addee ciinca'aa saniif, gumaa tolchanee isii hin woyyoonsan.27Guyyooti kun yennaa dabarane, guyyaa saddeetesso'ootiin jalqabee gara duraatitti hayyooti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa keessan addee ciinca'aa irratti hin dhikeessan; anille isin hin fudhadha› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.