Injifatamiisa Googii
1«Ee ilma namaa! Googi irratti raaga dubbadhuutii, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, Googii qondaala guddicha kolbaa Meshekiitii fi Tubaalii, kunoo, ani si irratti ka'eera.2Ani gara duubaa si deebisee, gara duraa si oofee, kaaba fago'oo irraa si fidee, gaarota Israa'elii irratti akka ati duultu si hin godha.3Achiin duuba ani harka keeti bitaacha irraa guubee hin dhowa; harka keeti middicha irraa daaya hin buusa.4Atii fi worri si woliin jiru marti, gosi biyya adda addaa gaarota Israa'elii irratti hin duutan. Ani allaattii gosa adda addaatii fi bineensa maraaf sagalee si hin godha.5Ani waan dubbadheeruuf, ati diida keessatti hin duuta. Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera.6Ani biyya Maagoogiitii fi worra qarqara abbaaya'aa bidhaa malee le'u irratti ibidda hin erga; isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.7Maqaan kiyya woyyichi kolbaa tiyya Israa'el oddu'utti akka beekkamu hin godha; haganaa achi maqaan kiyya woyyichi akka battowu hin godhu. Gosi biyya adda addaa akka ani Mootii Waan Maraa woyyicha Israa'elii te'e hin beekan.8Kunoo, guyyaan ani: Kunoo, guyyaan wonni kun marti teetu hin dhufa; dhugumaan guyyaan hin dhufa jedhee dubbadhe dhufiisatti jira.9« ‹Achiin duuba worri qachaa Israa'elii keessa le'u achi keessaa bayanee, meya woraanaa akka qoraanii ibiddatti naqanee hin bobeessan; wontee didiqqo'oo fi wontee gugurdoo, guube'ee fi daaya, ciira'aa fi eboo hin guban; haga woggaa torbaa isaan hin bobeessan.10Isaan meya woraanaa waan bobeeffatanuuf, diida keessaa qoraan caaffatiisi, gongomaa keessaa muka muriis hin barbaachisu; isaan worra isaan booji'e hin booji'an; worra isaan saame hin saaman jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.Awwaalamiisa Googii
11« ‹Bara san dhooqa worra karaa deemuu ta abbaayaa irraa karaa aduun baatu jirtu san awwaala Googiitiif hin kenna; Googii fi loltooti isaa martinuu achitti waan awwaalamanuuf, worra karaa ideemutti karaan hin cufama; dhooqi sun: Dhooqa Hamoon-Googiihin jedhanti.12Kolbaan Israa'elii lafa qulqulleessiisaaf ji'a torba isaan hin awwaalan.13Kolbaan lafa sanii marti isaan hin awwaalan; guyyaan ani ulfinna kiyya mudhisu sun isaaniif gurra hin te'a jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.14Isaan namoota lafa qulqulleessiisaaf, yennaa mara lafa keessa deddeemanee worra lafa irratti du'ee hafeeru awwaalu hin filatan. Isaan dhuma ji'a torbaatitti reeffa hafeeru barbaadan.15Isaan yennaa lafa keessa deddeemanu lafee namaa yennaa lafatti dhaggane, haga worri awwaalu dhufee dhooqa Hamoon-Googii keessatti awwaalutti beessisa itti hin godhan.16Isaan akka kanaan lafa hin qulqulleessan; maqaan qachaa addee san jiruulle: Hamoonaa hin jedhama jedha› jedhi.17«Ati ee ilma namaa! Mootiin Waan Maraa, ‹Allaatota adda addaatii fi bineensota maratti dubbadhuutii: Addee maraa wolitti qabama'aatii, gara jila ciinca'aa ta ani isinii qopheessee, gara jila guddoo gaarota Israa'elii irraa kowa'aatii foon nyaadha'a; dhiigalle una'a.18Akka foonii fi dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo hoole'ee, korbeeyyii re'e'eetii fi korommi'ii ka akka horii cocooma Baashaanii, isin foon worra jajjabaa nyaatanee dhiiga qondaaltota gosa biyya adda addaa hin untan.19Jila ciinca'aa ta ani isiniif qopheessu sanitti haga quuttanutti cooma hin nyaattan; haga machoottanutti dhiiga hin untan.20Isin qorii tiyyatti fardoolle'ee fi abbootii fardoole'ee, loltoota jajjabaa fi loltoota mara nyaattanee hin quuttan jedhi› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.Adde'etti Deebi'iisa Israa'elii
21«Ani ulfinna kiyya gosa biyya adda addaa oddu'utti hin mudhisa; gosi biyya adda addaa marti muraa ani isaanitti muree fi adabbii ani isaan adabe hin dhaggiti.22Guyyaa saniin jalqabanee kolbaan Israa'elii akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.23Gosi biyya adda addaa kolbaan Israa'elii sababa yakkaa ifiitiif akka booji'ante hin beekan; isaan waan naaf addatamiisa dhabaneef, ani fuula kiyya isaan duraa dhoffadhee, nyaapha isaaniititti dabarsee isaan kennee, isaan marti shallaaga'aan ijjeefamane.24Ani akkuma battummaa isaaniitii fi yakkaa isaanii isaaniif godhee, fuula kiyyalle isaan duraa dhoffadhe.25«Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani amma sanyii Yaaqoobii, kolbaa Israa'eliitiif hin marara; deebisee isaan hin qananoonsa; maqaan kiyya woyyichi akka hin arraffanne hin tolcha.26Isaan biyya ifii keessa nami tokkolle adoo isaan hin sodaachisin lafa ifii keessa nageyaan yennaa le'anu, salphinna ifiitii fi naaf addatamiisa dhabiisa ifii mara hin dedhan.27Ani gosa biyya adda addaa keessaa deebisee yennaa isaan fidu, biyya diina isaanii keessaa yennaa isaan wolitti qabu, ila gosa biyya adda addaa hedduu duratti karaa isaaniitiin woyyummaa tiyya hin mudhisa.28Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti akka isaan booji'amanu godhulle, nami tokkolle adoo hin hafin wolitti isaan qabee, gara lafa ifii akka isaan deebi'anu hin godha; achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan.29Ani ayyaana kiyya kolbaa Israa'elii irratti hin dhangalaasa; ani haganaa achi fuula kiyya isaan irraa hin deebifadhu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa» jedhe.