Raaga Qachaa Xiiroosii Irratti Dubbatame
1Booji'annee woggaa kudhanii tokkeesso'oo keessa, ji'a keessa guyyaa tokkeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee,2«Ee ilma namaa! Qachaan Xiiroosii qachaa Yerusaalemiitiin, ‹Baga! Karri gosa biyya adda addaa caccaddeerti; balbalti isi'iille naaf bananteerti; inni waan oneef, ani hin qananooma› waan jedheef,3Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ee Xiiroos! Kunoo, ani si'i irratti hin ka'a; akka abbaayaan danbalii ifii kaachu, anille gosa biyya adda addaa si irratti hin kaasa.4Isaan dalleya dhaka'aa keeti balleessanee, xelleephoo eeddotaalle hin caccassan; ani biyyee haree rassaa duwwaa si hin godha.5Akka addee odduu abbaaya'aa ta worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatuu si hin godha; ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. Gosi biyya adda addaa si hin saaman;6kolbaan adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtulle shallaaga'aan hin ijjeefaman; achiin duuba ati akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha.7«Goottaan Mootiin Waan Maraa, Xiiroosiin, ‹Kunoo, ani mootii moototaa ka te'e mootii Baabilonii Nebukadnezaar fardo'oo fi garreettota fardo'oo harkifamanu, abbootii fardo'ootii fi loltoota bacaa woliin kaaba irraa si'itti hin fida.8Inni kolbaa adaala keeti lafa qarqara abbaaya'aa jirtu shallaaga'aan hin fixa; haga qaccee dalleya dhaka'aa keetiititti kaabii itti marsee hin ijaara; wontee guddoo si irratti ol hin kaasa.9Inni waan dalleya dhaka'aa ittiin diiganu gara dalleya dhaka'aa keeti deebifatee hin diiga; inni agaraa ifiitiin xelleephoo eeddota teetii hin diiga.10Fardoon isaa bacaa waan teeteef, bukuun isaan kaasane si hin golliti. Inni akka nama qachaa cassee seenuu tokko karra teeti cassee yennaa seenu, hididdeessi abbootii fardo'oo, ka garreettaa geejjibaatii fi ka garreettaa fardaan harkifamuu dalleya dhaka'aa keeti hin raasa.11Kottee fardoo ifiitiin karaa keeti mara irra hin hirbeessan; kolbaa teeti shallaaga'aan hin fixan; utubooti keeti jajjabootille gad lafatti hin jigan.12Isaan waan ati ittiin duroommatte booji'anee, meya ati daldalattulle hin saaman. Isaan dalleya keeti hin diigan. Manni keeti dadansaan hin didiigama; dhakoota, mukootaa fi biyyee teeti abbaaya'atti hin gatan.13Ani sirba keeti hin dhaabbachiisa; kiraarri keetii guddichi deebi'ee hin dhage'amu.14Ani rassaa duwwaa si hin godha; atille addee worri qurxummii guuratu caccoo ifii goffatiisaaf itti afatu hin teeta. Ani Mootiin Waan Maraa waan dubbadheef, ati ijjumaa deebitee hin ijaarantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.15«Goottaan Mootiin Waan Maraa Xiiroosiin, ‹Worri madowe yennaa aadu, si keessatti yennaa wol qalanu, gikkeessa jinnana keetiitiin oddoolli hin raafamuu ree?16Qondaaltoti abbaayaa qarqaraa marti barcumaa mootummaa ifii irraa hin bu'an; woyaa ifii ta mootumma'aatii fi woyaa ifii ta seesaa san hin mulqatan. Isaan rommaa lafa irra hin tee'an; waan si irratti te'e kana hedaa yennaa mara hin sheephisan.17Isaan faaruu gaddaa marroo teetiif faarsaa,«‹Ee ati qachaa abbaayaa qarqaraa, ka beekkante,ka abbaayaa irratti bulchaa teete,atii fi worri si keessa le'anu,ka worra achi le'anu bararassitane,ati attam ijjumaa badde!18Guyyaa jinnanaa keetii qarqarri abbaaya'aa hin raafama;badii teetiin oddoolli hin rifata› jedha.19«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ani yennaa akka qachoota nami keessa hin jirree ona si godhu, yennaa bisaan qilee abbaaya'aa si irra garagalchu,20gara worra duri du'eeruu worra gad bu'u woliin, nami si keessa le'u akka hin jirraanne, diigama durii odduu akka leetu, gara boolla lafa jalaa gad si hin buusa; ati achii deebitee lafa worra jiraata'aa keessatti addee hin dhaggattu;21muummee teeti dhagganee akka sodaatanu hin godha; ati barbaadantulle ijjumaa deebitee hin dhaggantu› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.