Hizqi'elii Raagichaa1gax_twf

Mudhii Waaqaa Ta Hizqi'el Dhagge Ta Qaraa

Mudhii Ulfinna Waaqaa

1Woggaa soddomeesso'oo, ji'a arfeesso'oo, guyyaa shaneesso'ootitti, worra booji'ame keessaa tokko adoo te'ee jiruu, laga Kebaarii biratti ol gubbaan banantee ani mudhii Waaqaa dhagge.2Mootichi Yehoyaakiin booji'amee woggaa shaneesso'oo guyyaa shaneesso'ootitti,3Biyya Baabilonii laga Kebaarii biratti jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya gara ana Hizqi'elii hayyicha ilma Buzii dhufe; achitti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu.4Ani ol ilaalee, bubbeen bokkeyaa gara kaabaatiin dhuttuun dhagge; duumensa ciggaa keessaa balaqqeettiin balaqqittee, adaala duumensaa san ifi guddaan ifee, addee balaqqeettiin balaqqitetti wonni takka akka sageettu'uu calalaxxe.5Wodhakkaa bubbee bokkeyaa sanitti dada lubbuu qaddu, ta nama fakkaattu afur dhagge;6garuu tokko tokkoon isaaniituu fuula afurii fi koola afur qaban.7Miilli isaanii sootii, faanti miila isaanii kottee jabbi'ii fakkaatti; akka sageettuu haxowanteelle calalaxxi.8Isaan Koola ifii ka gama afuriituu jalatti harka namaa qaban; isaan arfanuu fuula fi koola qaban;9koolli isaanii wol dhaqqaba; tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, qajeelanee gara duraa deeman.10Dadi lubbuu qaddu tun arfanuu fuula adda addaa afur, gara duraatiin ka fuula namaa fakkaatu, gara middaatiin ka fuula neenqaa fakkaatu, gara bita'aatiin ka fuula qotiyyo'oo fakkaatu, gara duubaatiin ka fuula risa'aa fakkaatu qaban.11Fuulli isaanii akkas fakkaata. Koolli isaanii lamaan irii ol diriiree, qaccee koola dada isaanitti aaneeruu tuqa; koollii lamaan hafe ammoo nafa isaanii golla.12Tokko tokkoon isaaniituu adoo gara hin galin, gara Ayyaanni Waaqaa isaan qajeelche, qajeelanee gara duraa koolaan ka'anee deemane.13Dadi lubbuu qaddu sun bifi isaanii kashila ibidda bobe'uutii fi xassaa bobe'u fakkaata; dada san odduu ibidda asii fi achi tacho'utti jiraayyu; ibiddi sun akka malee ifa; balaqqeettiille ibidda san keessaa baate.14Dadi lubbuu qaddu sun akka balaqqeettii banqo'oo asiif achi fiidde.15Ani dadi lubbuu qaddu arfan san yennaa ilaale, korboo afur tokko tokkoo isaaniituu biratti lafa irratti dhagge.16Bifi korboo arfan saniitii fi akki isaan itti hujamane akka kana fakkaata: Bifi isaanii akka bifa dooqa, «Beerilos» jedhamuu calalaqa; isaan arfanuu wol fakkaatan. Tokko tokkoon isaaniituu akka korboo wol keessa jirtuutitti hujamaneeran.17Isaan yennaa deemanu, adoo asii fi achi gara hin galin, gara dadi lubbuu qaddu deemanu gara arfanittuu deeman.18Irgi korboota tanaa dhedheerota sodaachisanu; korbooti sun arfanuu naannoo irga ifii irraa ila qaban.19Yennaa dadi lubbuu qabanu sun ideemanu korbooti sunille cinaa isaanii ideeman; yennaa dadi lubbuu qabanu sun lafa irraa ol ka'anu, korbooti sunille ol ka'an.20Garuma ayyaanni Waaqaa ideemu dadi lubbuu qabanu sunille deeman; Ayyaanummaan dada lubbuu qabanuu keessa jiru sun korboota san keessalle waan jiruuf, korbooti sunille isaanuma woliin ka'anee deeman.21Ayyaanni Waaqaa sun dada lubbuu qabanuu fi korboota san waan qajeelchuuf, dadi lubbuu qabanu sun yennaa ideemanu korbooti sunille isaanuma woliin deeman; yennaa isaan dhaabbatanulle isaanuma woliin dhaabbatan; yennaa isaan lafa irraa ol ka'anulle wolumaan ol ka'an.22Mataa dada lubbuu qabanu sanii gubbaa wonni akka dhakaa roobaa calalaqee ila sodaachisu ta gubbaa gombobbittii fakkaattutti diriireeraayyu.23Gubbaa gombobbittii saniin jala koolli isaanii lamaan gara woli wolii isaanii diriiree jira. Dadi sun tokko tokkoon isaaniituu koola lama ka nafa ifii ittiin gollatanu qabaniiyyu.24Yennaa isaan koolaan ka'anu, shookkessi koola isaanii akka shookkettii galaana gudda'aa, akka shookkettii qoonqoo Waaqa Waan Mara Dande'uu yookiin akka hogaa gumii loltootaa fakkaattu dhage'e; isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanu, koola ifii gad qabatan.25Isaan yennaa koolaan ka'iisa lakkisanee koola ifii gad qabatanelle gubbaa gombobbittii san gubba'aa qoonqoon dhage'ante.26Gubbaa gombobbittii san irra wonni barcumaa mootumma'aa ka dooqa, «Safiiros» jedhamu irraa hujame fakkaatu tokko jiraayyu; waan akka barcumaa mootumma'aa san gubbaalle waan nama fakkaatu tokkotti jiraayyu.27Addee hidha isaa fakkaatu san irraa jalqabee irii ol waan akka sibiila ibidda keessatti finiinee fakkaatu, addee hidha isaa fakkaattu san irraa jalqabee irii gad waan ibidda fakkaatu ka ifi calalaqu cinaa isaa mara jiru tokko dhagge.28Ifi cinaa isaa maraa calalaqu sun, akka hiituu yennaa bokkeyaa duumensa keessaa mudhattuu ti. Kun fakkeenna bifa ulfinna Mootii Waan Maraa fakkaataayyu; ani yennaa waan kana dhagge, fuulaan lafatti gad gombifamee, qoonqoo nama dubbatuu dhage'e.