Kitaaba Seera Bayiisaa15gax_twf

Faaruu Muuse'eetii fi Miiriyamii

1Achiin duuba Muuse'ee fi Israa'elooti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarfatanee,«Mootiin Waan Maraaabbootii fardaatii fi fardoo isaaniiabbaaya'atti naqee,ulfinna waan dhaggateef,ani isaaf hin faarfadha.2Mootiin Waan Maraa jabeenna naa te'ee,akka faarfadhu na tolcheera;inni fayyinna naa te'eera.Inni Waaqa kiyya;anille isa hin leellifadha;Waaqa abbaa kiyyaa,ani isa hin saadadha.3Mootiin Waan Maraa lolticha goota;Maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.4Inni garreettaa mootichaa ka fardaan harkifamuu filoltoota isaa abbaaya'atti naqe;qondaaltoti mootichaa worri filamaneabbaayaa diintuu keessatti liqinfamane.5Bisaan qileen isaan irra garagale;akka dhaka'aa abbaaya'atti gad lixane.
6«Ee Mootii Waan Maraa,harki keeti middichi,hunnaan arnya qaba.Ee Mootii Waan Maraa,harki keeti middichi diinota butuche.7Guddinna arnya keetiitiinworra si mormu balleessite.Mufii teeti ta akka ibiddaa bobeettu itti ergitee,akka huuraa isaan muxuqi goote.8Hafuura funnaan keetiitiin,bisaan tuulame.Bisaan yaa'u akka dalleya dhaka'aa dhaabbate;bisaan qile'ee abbaayaa wodhakka'atti itite.
9«Diinni kooree, ‹Ani isaan hin ari'a;isaan hin qaba;booji'ee karra isaanii hin qoodama;waan fedhe mara irraa hin fudhadha.Shallaagaa kiyya hin buqqifadha;harki kiyyalle isaan hin balleessa› jedhe.10Ati ammoo hafuura keeti itti baafannaan,abbaayaani isaan irra garagaltee,akkuma sibiilaabisaan jabaa keessatti liqinfamane.
11«Ee Mootii Waan Maraa,waaqota keessaa ka akka keetii eennu?Ka arnya woyyumma'aa qabu,ka ulfinnaan sodaatame,ka bilbaasa huju,ka akka keetii eennu?12Ati harka keeti middicha diriirsitee,latti isaan liqinsite.
13«Ati jaalala keeti ka bara baraatiinkolbaa wodatte hin sooressita;jabeenna keetiin gara addee woyyitti'iiisaan hin geessita.14Gosi biyya adda addaa dhageettee hin hollatti;worri biyya Filisxeemotaalle hin muddaman.15Bulchitooti Edoomii hin bararaqan;Sooressitooti Mo'aabii sodaatanee hin romman;kolbaan Kana'aaniille hin sheephitti.16Ee Mootii Waan Maraa,kolbaa teetiif haga dabartuttikolbaan ati wodatte haga dabartuttihunna irree teetiitiinisaan akka dhaka'aa hin cadhisan;bararaqii fi naasuun isaanitti hin buuti.17Ee Mootii Waan Maraa, addee woyyittii teetittiEe Gootta'a, addee harki keeti ijaare sanittiisaan galchitee,lafa teeti kooba gubbaa irrattiisaan hin qubachiitta.18Mootiin Waan Maraahaga bara baraa hin bulcha» jedhane.

Faaruu Miiriyamii

19Fardoon, garreettaan fardaan harkifamuu fi abbootii fardaa ta mootichaa abbaayaa keessa yennaa timane, Mootiin Waan Maraa bisaan abbaaya'aa isaan irra garagalchee, Israa'elooti ammoo abbaayaa keessa lafa godduu irra ideemanee qaxxaamurane.20Achiin duuba Miiriyamiin raagittiin, obboleettiin Aaronii, dibbee fudhattee baatee, dubartooti martinuu dibbee dhowaa, sirbaa isii gula yaa'ane.21Miiriyamille, faarfattee, isaaniin«Inni akka malee waan saadameef,Mootii Waan Maraatiif faarfadha'a.Inni fardo'oo fi abbootii fardo'ooabbaaya'atti naqeera» jette.

Bisaan Hadhowu

22Achiin duuba Muuseen kolbaa Israa'elii abbaayaa diintu'uu kaasee, gara lafa goomole'ee Shuur geesse. Isaan guyyaa sad bisaan adoo hin dhaggatin goomolee keessa deemane.23Isaan yennaa gara Maaraa dhufane, bisaan Maaraa sun waan hadhowuuf, uniisa hin dandeenne. Tanaaf maqaan addee sanii, «Maaraa» jedhame.24Maarre kolbaan, «Maan unna?» jettee Muuse'etti gungunte.25Achiin duuba Muuseen gara Mootii Waan Maraa iyyee, Mootiin Waan Maraa muka tokko itti mudhise; innille muka san bisaanitti qolaansee, bisaan sun tole. Achitti Mootiin Waan Maraa seerataa fi seera isaaniif kennee, achumatti haga isaan ilaale.26Inni, isaaniin, «Isin qoonqoo ana Mootii Waan Maraa ta Waaqa keessanii miidhassitanee yoo caqattane, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e yoo tolchitane, ajaja kiyya yoo qalbeeffattane, seerata kiyya maralle yoo eegattane, dhukkuba worra Gibxi'iititti fide mara tokkolle isinitti hin fidu; ani Mootii Waan Maraa ka isin fayyisu» jedhe.27Achiin duuba isaan Eliim addee maddi kudhanii lamaa fi muki meexxi'ii torbaatam jiru dhufanee, achi bisaan bira qubatane.