Yihudooti Diinota Ifii Balleessane
1Ji'a kudhanii lammeesso'oo ka, «Adaar» jedhamu, guyyaan kudhanii sadeesso'oo lassiin ajaja mootichaatiin baate guyyaa muummottuuyyu; guyyaa kanatti diinoti Yihudoota injifatiisaaf addii godhataneeraniiyyu; ammoo haalli jijjiiramee Yihudooti worra isaan jibbu injifatane.2Yihudooti worra isaan miidhiisaaf barbaadanu loliisaaf, kutaa biyya mootii Ahashiwerosii mara keessatti qachuma qachaa ifii keessatti wolitti qabamane; kolbaan dhibiin ta biyya gara garaa marti Yihudoota waan sodaataneef, eennulle isaan injifatiisa hin dandeenne.3Qondaaltoti, sooressitooti, bulchitooti kutaa biyyaatii fi qondaaltoti mootichaa marti Mordekaayi waan sodaataneef Yihudoota qarqaarane.4Mordekaayi mana mootumma'aa keessatti guddoo beekkamaa te'e; baalliin isaa ittuma ede'amaa waan deenteef, gurri isaa kutaa biyyaa maratti dhage'ame.5Maarre Yihudooti diinota ifii mara shallaaga'aan ijjeesanee fixane; isaan worra isaan jibbu irratti waan fedhane godhane.6Qachaa Suusaa keessatti Yihudooti namoota dhibba shan ijjeesanee fixane.7Ammalle, Phaarshandaataa, Daalfon, Asfaataa,8Phoraataa, Adaaliyaa, Ariidaataa,9Paarmashitaa, Ariisayi, Ariidayii fi Wayzaataa,10ilmaan kudhan ta Haamaanii ilma Hamedaata'aa ka diina Yihudootaa te'ee ijjeesane. Karra isaanii ammoo hin saanne.11Laakkossi namoota qachaa Suusaa keessatti ijjeefamanee guyyuma san mootichatti himame.12Mootichi giittittii Asteeriin, «Yihudooti qachaa Suusaa keessatti, namoota dhibba shanii fi ilmaan Haamaanii kudhan ijjeesane; kutaa biyya tiyyaa ka hafane keessatti maan godhaneeran laati? Amma wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Si'iif hin kennama!» jedhe.13Asteer deebittee, «Mootii kiyya, yoo si gammachiitte, Yihudooti qachaa Susaan keessa jiranu, waan adha godhane, borulle akka godhanu eeyyamamuufii! Reeffi ilmaan Haamaanii kudhanille muka nama itti fannisanu irratti fannifamuu ti» jettee gaafatte.14Maarre mootichi kun akka godhamu ajaje; lassiin qachaa Suusaa keessatti laffantee, reeffi ilmaan Haamaanii kudhanii muka nama itti fannisanu irratti fannifame.15Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti, wolitti qabamanee, qachaa Suusaa keessatti namoota dhibba sadii ijjeesane; karra isaanii ammoo hin saanne.16Yihudooti dhibiin worri kutaa biyyaa keessa le'anulle, diinota ifii ifi irraa dhooggatiisaaf, diinota ifii jalalle'ee bayiisaaf wolitti qabamane. Worra isaan jibbu keessaa namoota kuma torbaatamii shan ijjeesane; Karra isaanii ammoo hin saanne.17Kun ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii sadeesso'ootitti te'e; guyyaa kudhanii arfeesso'oo foorfatanee, guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane.18Yihudooti qachaa Suusaa keessa le'anu ammoo, guyyaa kudhanii sadeesso'ootii fi kudhanii arfeesso'oo wolitti qabamane; achiin duuba guyyaa kudhanii shaneesso'oo foorfatanee guyyaa jilaatii fi gammadaa godhatane.19Sababa kanaaf Yihudooti ollaa baadiyya'aa keessa le'anu, ji'a «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'oo, guyyaa jilaatii fi gammadaa, guyyaa itti kennansa woliif kennanu godhatan.Jila Furiimii
20Mordekaayi waan te'e kana barreessee, Yihudoota kutaa biyyaa ka dhiko'oo fi fagoo jiranu maraaf erge.21Inni wogguma wogga'aan ji'a, «Adaar» jedhamu guyyaa kudhanii arfeesso'ootii fi kudhanii shaneesso'oo guyyaa jilaa akka godhatanu isaanitti hime.22Guyyooti kun guyyoota Yihudooti harka diinota ifii jalaa bayanee foora itti dhaggatane; ji'i kunille ji'a gaddi isaanii gammadatti, bootti isaanii kollatti jijjiirante waan te'eef jilifatane; guyyoota kana guyyoota jilaa, guyyoota gammadaa, guyyoota kennaa sagale'ee woliif kennanuu fi guyyoota hiyyeeyyii qarqaaranu akka godhatanu isaaniif barreesse.23Maarre akkuma Mordekaayi isaaniif barreessetti Yihudooti jila jilifatuu jalqabane san jilifatiisaaf wolii galane.24Diinni Yihudoota maraa, sanyiin Haagaagii, ilmi Hamendaata'aa Haamaan hixaa, «Furiim» jedhamu buufatiisaan Yihudoota mara balleessiisaaf mala dhoweeraayyu.25Mootichi mala hamaa kana yennaa beeke, malli Haamaan Yihudoota irratti male sun isuma irratti akka deebi'u, innii fi ilmaan isaa muka nama itti fannisanu irratti akka fannifamanu ajaja barreeffamaa baase.26Tanaaf guyyoota kana jecha, «Fur» jedhamu irraa, «Furiim» jedhanee baasane; sababa waan xalayaa kana irratti barreeffame maraatiif, sababa waan dhagganeetii fi waan isaan irra dhaqqabe maraatiif,27Yihudooti ifii fi sanyii ifiitiif, worra Yihudi'itti galane maraafille, akka barreeffama kanaatitti guyyoota lamaan kana wogguma wogga'aan yennaa isaa eeganee akka jilifatanuuf seera baafatane.28Guyyooti «Furiim» jedhamanu kun dhaloota mara keessatti, maatii mara keessatti, kutaa biyyaa mara keessatti, qachoota mara keessatti qaabatamu'uu fi jilifamuu qaban; guyyooti kun adoo hin qaabatamin hin hafanu; dhaloota mara oddu'utti yennaa mara jilifamuu qaban.29Maarre Asteeriin giittittiin, intalti Abiihaayilii, Mordekaayii Yihudicha woliin xalayaa lammeesso'oo, ka marroo Furiimii kana jabeessiisaaf baallii guutu'uun barreessane.30Mordekaayi Yihudoota kutaa biyyaa dhibbaa fi diddamii torba keessa jiranu maraaf, xalayaa nageyaa fi qabbana isaaniif halchu ergee,31«Akkuma guyyooti laamaatii fi gaddaa eegatamane, nuuti Yihudootii fi sanyiin teenna guyyoota Furiimii akka eegannee jilifannu hundeessiisaaf, tana barreesse. Waan kana irratti ani Mordekaayiin Yihudichii fi Asteeriin giittittiin wolii galleerra» jedhe.32Ajaji Asteerii seerata marroo guyyoota Furiimiitiif baye jabeesse; kunille galmee keessatti barreeffame.