Kitaaba Asteerii5gax_twf

Gaaffii Asteer Mooticha Gaafatte

1Guyyaa sadeesso'oo Asteer woyaa ifii ta mootumma'aa uffattee, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seentee, mana mootichi tee'u dura dhaabbatte; mootichi mana mootumma'aa ka ifii keessa fuullee seensuma karraa, barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeraayyu.2Mootichi, Asteeriin giittittiin ala dhaabbatteertuun yennaa dhagge, isiin isa duratti fudhatama dhaggattee, inni ulee ifii ta worqi'ii gara isi'ii qabe; isiille itti dhikaattee qaccee ulee sanii tuxxe.3Achiin duuba Mootichi isi'iin, «Giittii Asteer maaloo? Maan barbaadda? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kenna» jedhe.4Asteer deebittee, «Mooticha, yoo si gammachiitte, areertii ani adha si'iif qopheesse irratti Haamaan woliin kowa'a» jette.5Kanaan duuba mootichi tajaajiltoota ifiitiin, «Waan Asteer gaafatte akka goonu, ariiti'iin Haamaan waama'a!» jedhe; maarre mootichii fi Haamaan gara areertii Asteer qopheessitee dhaqane.6Daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiranuu mootichi ammalle Asteeriin, «Wonni ati gaafattu maan? Si'iif hin kennama; wonni ati barbaaddu maan? Haga gamisa mootummaa tiyyaalle teetu si'iif hin kennanti» jedhe.7Asteer deebittee, «Gaaffiin tiyyaa fi wonni ani barbaadu,8ani yoo si duratti fudhatama dhaggadhee, waan ani si gaafadhe naa kenniisaaf, waan ani barbaadelle naa muummessiisaaf yoo si gammachiitte, atii fi Haamaan areertii ani isiniif qopheessu irratti boru dhaggama'a. Achiin duuba anille gaaffii teetiif deebii hin kenna» jette.9Guyyaa san Haamaan gammadee miirri isaa itti tolee, achii gad bayee deeme; inni karra mootichaa duratti Mordekaayi yennaa dhagge ammoo, waan inni isaaf ol hin ka'iniif yookiin sodaatee hin sheephisiniif Mordekaayitti guddoo aare.10Te'uu malee Haamaan akkuma te'e te'ee ossee, mana ifii dhaqe; achiin duuba inni jaalota ifiitii fi haadha manaa ifii Zeresh waansisee,11dureessa akka te'e, ijoolleen isaa hedduu akka teete, mootichille qondaaltotaa fi tajaajiltoota dhibii caalaa ulfinna guddaa attamii akka isaaf kenne odeessaa koore.12Haamaan ede'eelle, «Tana qofa adoo hin te'in, areertii giittittiin Asteer qopheessite irratti mooticha woliin ana malee nami waamame tokkolle hin jiru; isiin borulle mooticha woliin na waanteerti.13Ammoo Mordekaayiin Yihudichi seensuma karra mootichaa tee'uun waan dhagguuf, tun marti na hin gammachiittu» jedhe.14Achiin duuba haati manaa isaa Zereshii fi jaaloti isaa marti, «Muka nama itti fannisanu ka dheerinni isaa ciqilee shantamaa qopheessiitii, Mordekaayi itti fannisiisaaf boru barii mooticha gaafadhu; achiin duuba gammadaa mooticha woliin gara areerti'ii deenta» jedhaneen. Yaadi kun Haamaan waan gammachiiseef, muka itti fannisanu qopheesse.