Kitaaba Asteerii4gax_twf

Mordekaayi Qarqaarsa Asteer Gaafate

1Mordekaayi waan te'e san mara yennaa beeke, gaddee woyaa ifii tarsaase. Achiin duuba woyaa gaddaa uffatee, daadhaa mataa ifii irratti firfirsee, qoonqoo ol qabatee mararfatee bowaa gara qacha'aa seene.2Nami woyaa gaddaa uffatee, seensuma karra mootumma'aa akka seenu waan hin eeyyanneef, inni haga seensuma karra mootichaa qofa dhaqe.3Kutaa biyyaa ta ajajaa fi lassiin mootichaa geette maratti, Yihudoota oddu'utti gaddi guddaan te'ee, laamanee, wiiccifatanee bowane; worri hedduulle woyaa gaddaa uffatee, daadhaa ifi irratti firfirsee tee'e.4Durrii fi guneessoti Asteer tajaajilanu, marroo Mordekaayii yennaa isi'itti himane guddoo rifattee, addee woyaa gaddaa woyaa dhibii akka uffatu isaaf ergite; inni ammoo fudhatuu dide.5Achiin duuba Asteer guneessicha akka isii tajaajiluuf guneeyyii mootichaa keessaa filame ka «Hataak» jedhamu tokko waantee, Mordekaayi maan akka rakkatee fi maaf akkas akka te'e akka gaafatu itti ergite.6Maarre Hataak badhinna karra mana mootumma'aa dura jirtu keessatti, gara Mordekaayii dhaqe.7Mordekaayi waan isa irra dhaqqabe maraa fi Haamaan kolbaa Yihudootaa balleessiisaaf beesee hagamii, mana meyaa ka mootichaatitti galii godhiisaaf waadaa akka gale itti hime.8Kolbaa Yihudootaa balleessiisaaf qachaa Suusaa keessatti, barreeffama lassii baate irraa garagalfame, akka Asteeritti mudhisee diidessuu fi akka isiin gara mootichaa dhaxxee kolbaa ifiitiif marartii akka isa kadhattu, akka isii ajaju Mordekaayi Hataakitti hime.9Hataak deebi'ee deemee waan Mordekaayi jedhe Asteeritti hime.10Achiin duuba Asteer gara Mordekaayi isa ergitee,11« ‹Tajaajiltooti mootichaatii fi kolbaan kutaa biyya mootichaa keessatti dhaggamanu marti, dhiirti yookiin dubartiin adoo hin waamamin, badhinna mana mootumma'aa ka gara keessaa seenee mootichatti ka dhikaateef, mootichi seera tokko qofa akka qabu eennulle hin beeka; kunille nami sun hin ijjeefama; te'uu malee nami mootichi ulee ifii ta worqii irraa hujante itti qabe hin ijjeefamu; ani ammoo gara mootichaa akka seenuuf haga waamameen guyyaan soddom dabareera› jedhiin» jetteen.12Ergaa Asteerii Mordekaayitti yennaa himane,13inni deebisee, «Ati mana mootumma'aa keessa waan jirtuuf, Yihudoota mara keessaa ati callaan waan hattu hin seyin.14Yennaa akkanaa tana ati cadhittee yoo ilaalte, Yihudoota ka qarqaaruu fi ka baasu addee dhibi'ii hin dhufa; atii fi maatiin abbaa keetii ammoo hin dhumattan. Giittii te'iis keeti yennaa akkanaa tanaaf te'uu maanti beeka?» jedhee Asteeritti erge.15Achiin duuba Asteer deebii tana Mordekaayitti ergitee,16«Dhaqiitii, Yihudoota Susaan keessa jiranu wolitti qabiitii, naaf laama'a; haga guyyaa sadiitii fi halkan sadii womaa hin nyaatina'a; hin uninaalle'e. Anii fi durri tajaajiltooti tiyya akkasuma hin goona. Saniin duuba seerri dhooggulle, gara mootichaa hin dhaqa; yoo du'elle du'uu ti» jette.17Maarre Mordekaayi deemee, waan Asteer isa ajajjee mara godhe.