Ijoolle'ee Fi Worra Isaanii
1Ijoolle! Waan barbaachisaa te'eef, abbooti'ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama'a.2«Abba'aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante:3«Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.4Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta'aatiin guddisa'a malee, akka aartu hin godhina'a.Goottotaa Fi Garboota
5Garboota! Isin akkuma Kiristoosiif ajajantanu, gadhaa tokkochaan, soda'aa fi rommiisaan goottota teessan ta biyya lafaatiif ajajama'a.6Isaan gammachiisuu qofaaf, ila isaanii dura calla'atti adoo hin te'in, akka garbicha Kiristoosiititti, gadhaa tokkoon fedhii Waaqaa muummessa'a.7Akkasuma nama adoo hin te'in, akka Goottaa tajaajiltanutti, gammadaan tajaajila'a.8Garbichalle te'ee yookiin ka garbicha hin te'in, hujii dansaa hujeef, Goottaa biraa gatii akka fudhatu hin beettan.9Isinille goottole'e! Goottaan keessanii fi garboota teessanii ka nama wol hin caalchinne, akka ol-gubbaa jiru waan beettanuuf, sossodaachisiisa lakkisa'aatii, garboota teessaniif dansaa godha'a.Meya Woraanaa Ka Waaqaa
10Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a.11Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha'a.12Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te'in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te'ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba'aatiin mormiisa.13Maarre guyyaa hamaa san, hunna diinaa adhatiisa akka dandeettanuuf, waan mara muummessitanee, jabaattanee dhaabbatiisa akka dandeettanu, meya Waaqaa ka woraanaa mara hidhadha'a.14Tanaaf, dhugaa akka hiitu'uu hidha keessanitti hidhadha'aatii, balchummaa akka qomoo sibiilaa keyadha'aa dhaabbadha'a.15Wongeela nageyaalle akka Kophe'ee miilatti keyadha'aatii qophowa'aa dhaabbadha'a.16Kana mara woliin, daayota hamaalessaa ka bobe'u mara, dhugeeffannaa ittiin dhaanfuu dandeettanu, akka wonte'ee qabadha'a.17Fayyinna akka gullee sibiilaa keyadha'a; Jecha Waaqaa ka Ayyaanni Woyyichi isinii kennulle akka shallaaga'aa qabadha'a.18Yennaa daadimattanuu fi gaafattanu mara Ayyaana Woyyichaan sooreffamaa daadimadha'a. Akkasiin kolbaa Waaqaa maraaf dammaqa'aatii jabaadha'aa daadimadha'a.19Dhossaa Wongeelaa sodaa malee beessisiisaaf, yennaa ani dubbatiisaaf qophowe, Waaqi akka jecha naaf kennu analle'eef daadimadha'a.20Ani amma wodaroo sibiilaatiin hidhamee jiraadhulle, ergamaa Wongeela kanaa ti. Tanaaf akka dubbatu'uuf maletti, marroo Wongeelaa sodaa malee akka ani dubbadhu daadimadha'a.Muummee Irratti Nageya Dhaame
21Obboleessi keenna Xikiqoosiin jaalatama'aa fi tajaajila hujii Gootta'aatiin addatamaan, waan ani hujiisatti jiruu fi attam akka ani jiru akka beettanu, waan mara isinitti hin hima.22Nuuti martinuu attam akka jirru akka beettanuu fi akka isin jajjabeessuuf, isa gara keessan erga.23Waaqa Abbbaa biraa, Goottaa Yesuus Kiristoos biralle'ee, nageennii fi jaalalli dhugeeffannaa woliin kiristaanotamaraaf te'uu ti.24Badhaadhi Waaqaa worra Goottaa keenna Yesuus Kiristoos jaalala hin banneen jaalatu maraaf te'uu ti.