Phawuloos Worra Yihudoota Hin Te'iniif Lallabe
1Sababa kanaaf, ani Phawuloos, isin worra Yihudoota hin te'iniif jedhee hidhamaa Kiristoos Yesuusii te'eera.2Bu'aa teessaniif hujiisaaf akka Waaqi badhaadha ifiitiin hujii tana naaf kenneeru isin dhugumaan dhageettaneertan.3Akkuma ani armaan gubba'atti gabaassee isinii barreesse, Waaqi yaada ifii ka dhossa'aa mudhisee akka ani beeku godheera.4Isin waan ani barreesseeru yoo dubbittane, hubantii tiyya ta marroo dhossaa Kiristoosii beekuu dandeettan.5Dhossaan tun tanaan dura ilmaan namaatitti hin mudhifanne, Waaqi ammoo Ayyaanaan ergantoota woyyootaa fi raagota woyyoota ifiititti amma mudhiseera.6Dhossaan tun, worri Yihudoota hin te'in karaa Wongeelaatiin Yihudoota woliin worra dhaaluu fi miseensa nafa tokkoo te'anee, waadaa Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin gale keessalle'etti qoodamiisa.7Ani karaa kennansa badhaadha Waaqaa, ka hujii hunna isaatiin naaf kennameetiin tajaajilaa Wongeela kanaa te'eera.8Ani kolbaa Waaqaa mara caalaa diqqaadha; te'uu malee, Oduu Gammadaa ta marroo durummaa Kiristoosii muummee hin qannee worra Yihudoota hin te'iniif akka lallabuuf Waaqi badhaadha kana naaf kenne.9Akkasuma karoorri dhossaa baroota dabarane keessatti Waaqa waan mara dadeen dhoffantee turtee, maan akka te'e, akka mudhisuuf badhaadhi naa kenname.10Wonni tun teeteef, bara ammaa, karaa wolde'a kiristaanaatiin, bulchitootii fi hunnooti ol-gubba'aa qarooma Waaqaa bifa adda addaa maraan akka beekanu.11Waaqi akkuma karoora isaa ka bara baraatitti, karaa Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiitiin tana muummesse.12Nuuti Kiristoosiin waan jirruu fi isatti waan dhugeeffanneerruuf, sodaa malee gara Waaqaa dhikaatiisaaf ifi addii qanna.13Sababa ani isiniif rakkatiisatti jiruuf, akka addii hin kutanne isin kadhadha; wonni martinuu ulfinna keessaniif teete.Jaalala Kiristoosii
14Waan kanaaf ani Abbaa duratti jilbiiffadha.15Maatiin ol-gubbaa jirtuu fi lafa irra jirtu marti maqaa dhuga'aa Waaqa biraa fudhatti.16Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha.17Karaa dhugeeffanna'aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha.18Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti'ii qabaattanu,19akkasuma jaalala Kiristoosii ka beekkumsa bira dabare te'e san beettanee, guutummaa Waaqaa maraan akka guutantanu daadimadha.20Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf,21Karaa wolde'a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te'u! Ameen.