Kitaaba Seera Keessa Deebii8gax_twf

Waaqa Hin Dedhin

1Akka Jiraattanuuf, akka bacattanuuf, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teessanii kenniisaaf kaku'uun waadaa galetti galtanee akka dhaaltanuuf, ifi eegadha'aatii ajaja ani adha isin ajaje mara eegadha'a.2Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, akka ati gad jettuuf, gadhaa keeti keessa waan jiru, ajaja isaa akka ati eegattu yookiin hin eeganne beekiisaaf, haga si ilaaliisaaf jedhee, karaa inni goomolee keessa woggaa afurtama si sooresse qaabadhu.3Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le'uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise.4Woggaa afurtama tana duudii keessatti woyaan teeti hin dhumanne; miilli keetille hin iitonne.5Nami ijoollee ifii akkuma adabu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keetille akka si adabu gadhaa keeti keessatti beeki.6Karaa isaa irra deemiisaan, isa sodaatiisalle'een, ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keetii mara eegadhu.7Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, lafa dansaa ta bisaan yaa'uu fi baleessa bisaanii qaddu, ta maddi dhooqaa keessaa fi kooba keessa yaa'utti si hin galcha.8Latti sun lafa qamadi'i, lafa garbu'u, lafa muka woyni'ii, lafa muka harru'uu, lafa muka rumaanii, lafa muka ejersaatii fi lafa dammaa ti.9Latti sun ta sagaleen keessaa hin dhabanne, ta ati womaa keessaa hin dhanne, ta rassaan isi'ii sibiilaa, ta koobota isi'ii keessalle sibiila diimaa qottee baafattu.10Nyaattee yennaa quutte, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne saniif isa leellifadhu.

Ifi Eeggachiisa Waaqa Akka Hin Deeneef Kenname

11Ajaja, seerataa fi seera ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti adha sii kennu eeguu dhabiisaan akka hin deene ifi eegadhu.12Yoo akkas hin te'in, yennaa nyaattee quuttu, yennaa manoota dadansaa ijaarattee keessa leetu,13horiin keetii fi hoole'ee fi re'een teeti yennaa sii horanu, meetiin, worqi'ii fi wonni ati qaddu martille yennaa sii bacattu,14koortee Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa si baase hin deeta.15Inni goomolee badhoo sodaachittuu keessa, lafa godduu bisaan hin qanne, goomolee dhudhuufa'aa fi makkikeessa guutane san keessa si sooresse; rassaa jabaa keessaalle'ee bisaan sii baase.16Dhuma irratti wonni dansaan akka sii teetu, akka ati gad jettu haga si ilaaliisaaf, goomolee keessatti, mannaa abbootiin teeti ijjumaa nyaatanee hin beenne si nyaachise.17Ati, «Hunnaa fi jabeenna kiyyaan karra tana horadhe» hin jetta fa'a.18Ammoo Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akkuma adha godhe kana gondooroo ifii ta abbootii teeti ta duriitiif kaku'uun gondoore jabeessiisaaf, akka ati karra tana horattu dandeettii waan sii kennuuf, isa qaabadhu.19Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keeti deetee, waaqota dhibii hordottee yoo waaqonfatte, isaaniifille yoo sagadde, dhugumaan akka isin baddanu ani adha dhugaa isin irratti hin baya.20Akkuma gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa isin duraa balleessee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif waan hin ajajaminiif, isinille hin baddan.