Ajaja Guddicha
1Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti akka eegattanu ajaji, seeratii fi seerri Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka ani isin barsiisuuf na ajaje kana.2Kunille isin bara jiruu teessanii seerata isaatii fi ajaja isaa mara ka ani isin, ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii ajaju eegatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa keessan akka sodaatanuuf barri keessanille akka isinii dheeratuuf ka kennamane.3Ee, Israa'elii, akka sii toltuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii gale lafa aananii fi dammaa keessatti akka hortee bacattu ifi eegadhuutii ajajami.4Ee, Israa'el dhage'i! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna Waaqa tokkocha.5Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'ii fi hunna teeti maraan jaaladhu.6Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin.7Ajajoota kana irra deddeebi'iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.8Beessisa akka sii te'uuf harka keeti irratti hidhadhu; adda keeti irralle'etti hidhadhu.9Mikikkila balbala mana keetiitii fi seensuma karra teetii irratti barreessi.Ifi Eeggachiisa Ajajama Dhabaaf Kenname
10Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti abbootii teeti ta durii Abrahaamiif, Yisihaqii fi Yaaqoobiif akkuma waadaa galetti, lafa qachoota gugurdaa ati hin ijaarin mimmidhaagaa qaddutti yennaa si galchu,11mama meya dadansa'aan guutame ka ati itti hin guutin, boolla bisaanii ta ati hin qotin yennaa dhaggattu, woyni'ii fi muka ejersaa ka hin dhaabin nyaattee yennaa quuttu,12Mootii Waan Maraa ka garbummaa biyya Gibxi'ii keessaa si baase akka hin deene ifi eegadhu.13Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaadhu; isa qofa tajaajili; kakuun teeti maqaa isaatiin teetuu ti.14Waaqota dhibii ka gosa adda addaa hin waaqonfatin.15Mootiin Waan Maraa ka isin woliin jiru Waaqa hinaatticha waan te'eef, aariin isaa siirratti bobeettee, lafa irraa si hin balleessa.16Addee «Maasaa» jedhantutti akkuma gootane, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga hin ilaalina'a.17Ajaja, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje miidhassa'aa eegadha'a.18Akka sii toltu, lafa Mootiin Waan Maraa abbootii teeti ta duriitiif kenniisaaf kaku'uun waadaa gale akka dhaaltuuf, Mootii Waan Maraa duratti waan qajeelaa te'ee fi waan dansaa te'e huji.19Akka Mootiin Waan Maraa jedhe diinota keeti ifi duraa hin ariita.20Gara duraa yennaa ilmi keeti, «Hiikkaan qajeelfama, seerataa fi seera Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna si ajajee maan?» jedhee yoo si gaafate,21ati ilma keetiin, «Dur nuuti garboolee mooticha Gibxi'ii ti; Mootiin Waan Maraa ammoo hunna ifii guddo'oon biyya Gibxi'ii keessaa nu baase.22Ila teennaan adoo nu dhagginuu Mootiin Waan Maraa bilbaasota, maadee gugurdo'oo fi waan nama bararassu worra Gibxi'ii irratti, mooticha biyya Gibxi'iitii fi maatii isaa irratti hujeera.23Inni ammoo achii nu baasee lafa abbootii teennaa kenniisaaf kaku'uu waadaa gale, nuu kenniisaaf as nu fide.24Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa mara akka nuu toltuuf, akkuma adhaa kana jiru'uun akka nu eeguuf, nuutille akka isa sodaannuuf, seerata isaa kana akka eeganu, Mootiin Waan Maraa nu ajaje.25Nuutille akkuma inni nu ajaje Mootii Waan Maraa Waaqa keenna duratti ajaja isaa kana mara yoo eeganne balchummaa nuu teeti» hin jetta.