Muuseen Akka Israa'elooti Ajajantu Gorse
1Achiin duuba Muuseen kolba'aan, «Ee kolbaa Israa'elii, jiraattanee lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii isiniif kennutti galtanee akka qabattanu seerataa fi seera ani amma isin barsiisu dhage'a'aatii eegadha'a.2Waan ani isin ajaje irratti hin dabalina'a; irralle'ee hin dhidhisina'a. Ajajoota Mootii Waan Maraa ka Waaqa keessanii ka ani isinii kennu eegadha'a.3Isin waan Mootiin Waan Maraa gaara Phe'orii irratti godhe iluma teessaniin dhaggitaneertan; Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan worra gaara phe'orii irratti Ba'aal waaqonfatu mara odduu teessanii balleesseera.4Isin worri Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofattane ammoo haga adhaa jiru'uun jirtan.5«Lafa itti galtanee qabatanutti, akka eegattanuuf, akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya na ajajetti, ani seerataa fi ajaja isin barsiiseera.6Isaan kana akka dansaa eegadha'a; worra seerata kana mara dhage'uu fi gosa biyya adda addaa ta, ‹Dhugumaan kolbaan guddoon tun kolbaa qaroole'ee fi hubantii qaddu› jedhanuuf, qarumma'aa fi hubantii teessan itti mudhisa.7«Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna yennaa nuuti isa daadimannu akkuma nu'uuf dhikoo jiru, kolbaan guddoon dhibiin ta waaqoti isi'ii dhikoo isi'ii jiru tam ree?8Akka seera adha ani isinii kenne kanaa, kolbaan guddoon dhibiin seerataa fi seera balchaa qaddu tam ree?9Waan ila teessaniin dhaggitane akka hin deene, bara jiruu teessanii mara gadhaa keessan keessaa akka hin bannelle ifi eegadha'a. Waan kana ijoollee teessanii fi ijoollee ijoollee teessanii barsiisa'a.10Yennaa inni anaan, ‹Bara lafa san irra le'anu mara ulfinna naaf kenniisa akka baratanu, ijoollee ifiille akka barsiisanu, jecha kiyya akka dhage'anuuf kolbaa na duratti wolitti qabi› jedhe, gaara Siina'aairratti Mootii Waan Maraa Waaqa keessan dura guyyaa dhaabbatane qaabadha'a.11«Gaarri duumensa gurraachaa fi dukkana dimmaan gollamee, bobe'i ibiddaa ka haga gubba'aa gewu irratti bobe'iisatti adoo jiruu, isin dhuttanee gaara san jala dhaabbatane.12Achiin duuba Mootiin Waan Maraa bobe'a ibiddaa san keessaa isinitti dubbate. Isin qoonqoo jecha isaa dhageettane malee, akki isaa attam akka jiru hin dhaggine. Qoonqoo qofa dhageettane.13Inni gondooroo isin woliin gondoore, ajaja ifii kudhan ka akka isin eegattanuuf isin ajaje san lasse; achiin duuba dhakaa baxxicha lama irratti barreesse.14Laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa dhaaltanu keessatti seerataa fi seera isin eegattanu akka ani isin barsiisu Mootiin Waan Maraa yennaa san na ajaje.Waaqota Dharaa Waaqonfatiis Dhooggame
15«Mootiin Waan Maraa gaara Siina'aatitti ibidda bobe'u keessaa yennaa isinitti dubbate, isin akki isaa attam akka jiru hin dhaggine; tanaaf isin miidhassa'aa ifi eegadha'a.16Akka hin battoonneef, waaqota dharaa akka fakkii dhiiraatiin yookiin dubarti'iitiin hin hujatina'a;17yookiin fakkii bineensota lafa irraatiin yookiin fakkii sinbirrootaatiin,18yookiin fakkii waan gadha'aan lafa irra lowuutiin yookiin fakkii qurxummii bisaan keessaatiin waaqota dharaa hin hujatina'a.19Gara gubba'aa ilaaltee aduu, ji'a fi urjoota waan gubba'aa mara yennaa dhaggite, sossobantee, isaanii sagaddee waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta lafa irraa maraaf kenne waaqonfattee hin ataabamin.20Mootiin Waan Maraa ammoo isin akka adhaa kana kolbaa isaa akka teetanuuf, biyya Gibxi'ii ta akka addee ibidda sibiila itti baqisiisanuu san keessaa isin baaseera.21Mootiin Waan Maraa sababa keessaniif natti aaree, akka ani laga Yordaanosii gamatti bu'ee, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennutti hin galle kakate.22Ani lafa tana keessatti hin du'a; laga Yordaanosii gamatti hin bu'u; isin ammoo laga Yordaanosii gamatti buutanee, lafa dansaa san hin qabattan.23Gondooroo Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin godhe akka hin deene ifi eegadha'a; waaqota dharaa ka Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin dhoogge akka fakkii waan tokkootille'een hin hujatina'a.24Sababille Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan ibidda gubee balleessu, Waaqa hinaatticha.25«Isin ijoollee uumattanee, akaakota dhaggitanee lafa san keessa yennaa hedduu leetaneen duuba, akka fakkii waan fedheetiin waaqa dharaa hujiisaan ifi batteessitanee, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti waan hantuu hujjanee, isa yoo aarsitane,26lafa isin laga Yordaanosii gamatti buutanee qabattanu keessaa, ariiti'iin akka baddanu, ani guyyaa adhaa ol-gubba'aa fi lafa waamee isin irratti dhugaa qabadha. Isin ijjumaa hin baddan malee, yennaa hedduu achi hin leetanu.27Mootiin Waan Maraa kolbaa hedduu keessa isin hin bittinneessa; gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa keessa isin bittinneessu keessa, isin keessaa nama diqqaa qofatti lubbu'uun hafa.28Isin achitti waaqota nami mukaa fi dhakaa irraa huje, ka dhaggiisa, dhage'iisa, nyaatiisaa fi foolee fuudhiisa hin dandeenne hin waaqonfattan.29Garuu achuma keessattuu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan gadhaa tokkochaa fi lubbuu takkatti'iin yoo barbaadattane, isa hin dhaggitan.30Ati yennaa guddoo rakkattee wonni kun marti si dhaqqaddu, bara muumme'ee irratti gara Mootii Waan Maraa Waaqa keetii deebitee isaaf hin ajajanta.31Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti mararaa waan te'eef, si hin lakkisu yookiin si hin balleessu yookiin gondooroo kaku'uun abbootii teeti woliin gondoorelle hin dedhu.32«Marroo waan bara durii, isin adoo hin dhalatiniin duraa, yennaa Waaqi lafa irratti nama dadeen jalqaba'aatii qoradha'a. Ol-gubbaa qacce'ee haga qacce'eetitti qorqora'a; wonni guddoon akkasii teeteertii yookiin dhage'antee beettii?33Akka isin Waaqi ibidda keessaa dubbatuun dhageettanee jiru'uun jiraattane, kolbaan dhibiin ibidda keessaa dubbatuun qoonqoo Waaqaa dhageettee jiru'uun jiraatte jirtii?34Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan biyya Gibxi'ii keessatti ila teessan duratti waan mara akka isiniif godhe, waaqi haga ilaaliisaan, bilbaasaa fi maade'een, lolaan, hunna guddo'oo fi irree diriirsee yookiin hujii guddo'oo fi sodaachittu'uun kolbaa biyya tokkoo keessaa kolbaa takka fudhatee ta ifii ka godhate jiraa?35Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirrelle akka beettanuuf waan kana isinitti mudhise.36Isin barsiisiisaaf inni ol-gubbaa irraa qoonqoo ifii isin dhageessise. Inni lafa irratti ibidda ifii guddaa isinitti mudhisee, ibidda keessaa jecha isaa dhageettane.37Inni abbootii teessan jaalatee isaaniin duuballe sanyii isaanii waan filateef, isin woliin jiraatiisaan jabeenna ifii gudda'aan biyya Gibxi'ii keessaa isin baase.38Lafa adha teessan teete tana gosa biyya adda addaa ta isin caalaa bacattu, hunnalle'een ta isin caaltu, lafa isaanii akka dhaaltanu isinii kenniisaaf, inni ari'ee isaan isin duraa baase.39Ol-gubba'aa fi lafa irratti Mootiin Waan Maraa Waaqi isa qofa akka te'e, isa malee ka dhibiin akka hin jirre adha beeka'aatii, gadhaa keessan keessatti qabadha'a.40Isiniif, isiniin duuballe ijoollee teessaniif akka toltu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bara baraaf isinii kennu keessa bara dheeraa akka leetanu, seerataa fi ajajoota adha ani isin ajaju eegadha'a» jedhe.41Achiin duuba Muuseen qachoota sad ka laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu jiranu adda baase;42kunille nami diinummaa adoo hin qabaatin danuu nama ijjeese tokko qachoota kana keessaa gara tokkochaa baqatee akka lubbu'uun hafu.43Qachooti kun: qachaa Bezerii ka gooroo goomole'ee keessaa gosa Ruubeniitiif, qachaa Raamootii ka biyya Giil'aadii keessaa gosa Gaadiitiif, qachaa Golaanii ka Baashaan keessaa gosa Minaase'eetiif adda baase.Seeraa Waaqaa Ka Muuseen Dhikeesse
44Seerri Muuseen kolbaa Israa'eliitiif dhikeesse ka asii gad jiru:45Sunille qajeelfama, seerataa fi seera Muuseen yennaa Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa baate isaaniif kenne.46Inni laga Yordaanosii irraa gara aduun baatu, fuullee Bet-Phe'orii dhooqa keessa biyya Sihoonii mootii Amoorotaa, ka Heshiboon keessa tee'ee bulchuu keessatti isaaniif kenne; Muuse'ee fi Israa'elooti biyya Gibxi'ii keessaa yennaa bayane isa lolanee injifatane.47Isaan lafa isaa, lafa Oogii mootii Baashaaniitii ta mootota Amoorotaa lamaan tana ta Yordaanos irraa gara aduun baatu jirtu qabatane.48Latti sun qachaa Aro'erii irraa kaatee qarqara dhooqa Aarnoniitii haga gaara Siiyonii ka «Hermoon» jedhamuutitti,49lafa Arabaayii ta laga Yordaanosii irraa gara aduun baatuu mara haga Abbaayaa sooddaa, akkasuma goodda gaara Phiisga'aatiin jalaalle dabalatti.