Kitaaba Seera Keessa Deebii32gax_twf
1Ee ol-gubba'a ani hin dubbadha caqasa'a;ee lafa atille jecha afaan kiyyaa dhage'i.2Barsiisi kiyya akka bokkeyaa roobuu ti;jechi kiyyalle akka fixeensa coccophuu ti.Marra quunxu irratti akka tiifu'uulattuu irratti akka bokkeya jaba'aa roobuu ti.3Ani maqaa Mootii Waan Maraa hin lallaba;isinille guddinna Waaqa keennaa leellisa'a!4Inni rassa'a,hujiin isaa dhidhinna hin qaddu;karaan isaa marti qajeela'a.Inni Waaqa addatamaa hin dokonkorre;Waaqa qajeela'a, balcha'alle'e.5Isaan isa irratti hantuu waan hujaneef,haganaa achi ijoollee isaatii moti;isaan dhaloota jallaameyyi'ii fi micciirama'a.6Ee isin kolbaa gowwoole'ee fi qarummaa hin qanne,akki isin Mootii Waan Maraatiif deebittanu akkanaa?Abbaan keessan ka isin dade,ka isin hujee fi ka isin miidhasse isaa motii ree?7Guyyoota durii qaabadha'a;woggoota dhaloota heddu'uu hubadha.Abbootii teessan gaafadha'a;isaanille isinitti hin himan.Maanguddoo teessan gaafadha'a;isaanille isiniif hin diidessan.8Waaqi Ol-Aanaan gosa biyya adda addaatiif,dhaala isaanii yennaa kenne,sanyii namaa mara yennaa addaan baase,akka laakkossa kolbaa Israa'eliitittimeessaa gosa biyya adda addaatiif baase.9Sababille qoodi Mootii Waan Maraa kolbaa isaa ti;Yaaqoob dhaala isaa ti.10Inni lafa goomolee keessa,ona gammoojjii qiillee keessatti isa dhagge.Inni wontee isaaf te'ee, isa kunuunsee,akka gumaa ila ifii isa eege.11Inni akka risaa mandhee ifii diigee,ilmee ifii irratti gonboobee,koola ifii isaan irratti badhisee,isaan irratti kabbuutii fikoola ifiitiin isaan ba'atuu ti.12Mootii Waan Maraa qofattuu isa sooresse;waaqi ormaa isa woliin hin jiru.13Inni lafa koobotaa mara akka bulchu isa godhee,midhaan ficha'aa isa nyaachise.Rassaa keessaa damma isa nyaachisee,dhakaa jabaa keessaa zayitii isaaf kenne.14Dhadhaa looniitii fi aanan hoole'eetii fi re'e'eecooma buruusoo hoole'ee,ta korbeeyyii hoolee Baashaaniitii fi re'e'eexaltaa qamadii dansa'aa woliin kenneef;inni daadhii woynii dansa'aalle une.15Yeshuuruungabbatee finqile.Quufee, furdatee, cululuqe;inni Waaqa isa dade lakkisee,rassaa fayyinna ifii tuffate.16Isaan waaqota ormaatiinakka hinaafu isa godhanee,battumma'aan isa aarsane.17Isaan durriisota Waaqa hin te'iniif,waaqota hin beenneef,waaqota haareyaka abbootiin isaanii hin sodaatiniifciincaa dhikeessane.18Ati rassaa abbaa sii te'e lakkittee,Waaqa jiruu sii kenne deete.19Ilmaan isaatii fi ijoolleen durraa ta isaawaan isa aarsaneef,Mootiin Waan Maraatana dhaggee isaan tuffate.20Inni, «Ani fuula kiyyaisaan hin dhoffadha;muummeen isaaniimaan akka teetu hin ilaala;isaan dhaloota micciiramaa,ijoollee hin addatanne.21Isaan waan Waaqa hin te'iniin akkaani hinaafu na godhanee,waaqota dharaa ifiitiin na aarsane.Anille kolbaa tuffatanteenakka isaan hinaafanu isaan hin godha;kolbaa hubantii hin qannelle'eenisaan hin aarsa.22Mufii tiyyaan ibiddi waan bobe'eef,haga addee worri du'e jiruutitti hin guba.Lafaa fi waan isiin baattu hin fixa;hundee gaarotaalle hin guba.23«Ani badii isaan irratti hin tuula;daaya kiyya isaan irratti hin fixa.24Ani beela isaan balleessitudhukkuba hamaa isaan fixuu fibalaa isaanitti hin fida;kalaadaa bineensotaahadhaa dhudhuufa'aa isaanitti hin erga.25Karaa irrattishallaagaan ijoollee isaanii hin fixa;mana isaanii keessa bararaqi hin guuta.Dargaggootii fi durri,annoole'ee fi jaarsoleen hin dhumatan.26Ani: Isaan bittinneessee,akka nami isaan hin qaabannehin godha jedheeraayyu.27Garuu nyaaphoti isaanii,‹Irree teennaan injifanne malee,tana mara Mootiin Waan Maraa hin goone› jedhaneeakka hin koorre diinota isaanii yaade.28«Isaan qarummaa hin qabanu;hubantiin isaan keessa hin jirtu.29Isaan adoo qaroolee te'anee jiraatanee,tana hubatanee, muummeen isaaniimaan akka teetu hin beekaniiyyu.30Rassaan isaanii yoo isaan gurgure malee,Mootiin Waan Maraa yoo isaan lakkise malee,attamiin nami tokko nama kuma ari'uu dande'a ree?Yookiin attamiin nami kum kudhan nama lama baqata?31Rassaan isaanii akka rassaa keennaatii moti;diinoti keennaayyuu tana hin mormanu.32Muki woynii isaanii woynii Sodoomii irraafichaa Gomora'aa keessaa waan dhufuuf,midhaan woynii isaanii hadhaa qaba;unkuruurri woynii isaanii hin hadhowa.33Daadhiin woynii isaaniiakka hadhaa dhudhuufa'aatii fiakka hadhaa buutii hantu'uu ti.34Tun na biratti wolitti qabanteertii motii ree?Mana kuusa'aa kiyya itti cufeechaappaa itti dhoweeraa motii ree?35Haluun tiyya; ka haluu bayu ana;yennaa miilli isaanii mucucaatutti jira;Guyyaan badii isaanii waan dhikaateef,muraan ariifattee isaanitti hin dhutti» jedhe.36Garbooleen yookiin ka garboolee hin te'innami tokkolle adoo hin hafin,hunni isaanii akka dhumatte yennaa dhagge,Mootiin Waan Maraakolbaa ifiitiif hin mura;tajaajiltoota ifiitiifille hin marara.37Inni, «Waaqoti isaanii,rassaan isaan itti baqatanu,38ka cooma ciincaa isaan dhikeessanu nyaatanu,ka kennansa daadhii woynii isaaniille unanu,ka'anee isaan qarqaaranuu ti me!Gollaa isaaniif te'anuu ti me!39«Amma ilaala'a; Waaqi anuma;ana malee Waaqi dhibiin hin jiru.Ani hin ijjeesa; hin jiraachisalle'e;ani hin madeessa; hin fayyisalle'e;harka kiyya keessaa ka baasuu dande'u hin jiru.40Ani harka kiyya gara ol-gubba'aa kaasee,‹Ani haga bara baraa jiraata'a› jedhee daadimadhe.41Shallaagaa kiyya balaqqisaa qaradhee,harki kiyya mura'aaf yennaa isa qabatu,ani diinota kiyya haluu hin baya;worra na jibbuufille gatii hin kenna.42Daaya kiyya,dhiiga mataa sooressitoota diinotaa worra qalameetii fiworra booji'ameetiin hin macheessa;shallaagaan kiyyallefoon diinotaa hin nyaata» hin jedha.43Inni dhiiga tajaajiltoota ifii baasee,diinota ifiille haluu bayee,kolbaa ifiitii fi lafa ifiitiifgumaa cubbu'uu waan godheef,ee gosa biyya adda addaakolbaa isaa woliin gammada'a.44Muuseen Iyaasuu ilma Nunii woliin dhufee, jecha faaruu tanaa mara kolba'aaf dubbise.45Muuseen jecha kana mara kolbaa Israa'elii maraaf dubbisee fixeen duuba,46isaaniin, «Jecha seera kanaa mara, ijoolleen teessan akka dansaa akka eegattu, akka isaan ajajjanu jecha ani adha isinitti himu kana mara gadhaa keessanitti qabadha'a;47jechi kun ka jiruu isiniif kennu malee, ka bu'aa hin qannee moti; jecha kanaan isin laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabatu'uuf jirtanu keessa bara dheeraa hin leetan» jedhe.