Kitaaba Seera Keessa Deebii24gax_twf
1Nami tokko dubartii takka fuudheen duuba, waan isii irratti jibbu tokko yoo dhagge, woraqata lakkisiisaa barreessee itti kennee, mana ifiitii baasee isii ari'uu ti.2Isiin baatee nama dhibii yoo heerumte,3dhirsi lammeesso'oolle isii jibbee, woraqata lakkisiisaa barreessee, itti kennee mana ifiitii baasee yoo isii ari'e yookiin yoo du'e,4muttaaraan eega isiin battoottee deebi'ee isii hin galfatin; wonni akkasii Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa waan te'eef, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu keessatti, cubbuu akkasii hin hujin.5Nami reefuu fuudhe tokko, gara duulaa hin dhaqin yookiin hujiin dhibiille itti hin bacatin. Inni haga woggaa tokkoo mana ifiititti bilisa te'ee, niitii fuudhe san woliin gammaduu ti.6Lubbuu namaa fudhatiisa waan te'eef, daakuu yookiin ilmaachuu qaddii hin fudhatin.7Nami Israa'elii tokko gosa ifii Israa'el keessaa nama tokko hatee garboonfatuun yookiin gurguratuun yoo dhaggame ijjeefamuu ti. Akka kanaan waan hantuu odduu teetii balleessi.8Marroo dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, waan Lewwooti hayyooti si ajaje mara akka dansaa ifi eegadhu. Ati Waan ani isaan ajaje akka dansaa eegatuu qadda.9Isin biyya Gibxi'ii keessaa baatanee karaa irra jirtanuun, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Miiryaam irratti godhe qaabadhu.10Waan tokko namaaf yennaa liqeessitu, qaddii irraa fudhatiisaaf mana isaa hin seenin.11Ati ala dhaabbattuun, nami ati liqeessiteef sun, qaddii san gad bayee sii fiduu ti.12Namichi sun hiyyeessa yoo te'e, woyaa qaddii isa irraa fuute irraa hin bulchin.13Inni woyaa ifii uffatee bulee, akka si eebbisuuf adoo aduun hin seenin deebisiif. Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti balchummaa sii teeti.14Ati obboleeyyan teeti nama Israa'elii keessaa yookiin alagaa lafa teeti keessa qachoota keeti keessa le'u keessaa, nama hiyyeessa rakkataa qaxaramee huju hin cunqursin.15Inni hiyyeessa waan te'eef, beesee san marroo eegatuuf, gatii inni ittiin qaxarame san adoo aduun hin seenin gaafasuma isaaf kaffali; yoo kaffaluu dhadde inni gara Mootii Waan Maraa iyyee, cubbuu sitti teeti.16Nami tokko tokkooyyuu yakkaa ifiitiif ijjeefamuu ti malee, worri yakkaa ijoollee ifiitiif hin ijjeefamin; ijoolleen yakkaa worra ifiitiif hin ijjeefamin.17Haqa alaga'aa, haqa ijoollee haadhaa fi abbaan hin qanneelle hin dassin. Woyaa haadha hiyyeessaa qaddii hin fudhatin.18Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba teeteertuun, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti bilisa akka si baase qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootuuf si ajaje.19Midhaan keeti fichaa keeti keessaa haammattee yennaa galfattu, laddee fichaa keessatti deete fudhatiisaaf, duubatti hin deebi'in; Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti hujii harka keetii akka eebbisuuf, laddeen sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif teetuu ti.20Muka ejersaa keeti irraa midhaan yennaa harcaattu, ka damee irratti hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti.21Midhaan muka woyni'ii keeti yennaa guurattu, ka hafe qocatiisaaf hin deebi'in. Ka hafe sun alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadha hiyyeessaatiif te'uu ti.22Atille biyya Gibxi'ii keessatti garba akka teeteertu qaabadhu. Tanaaf ani akka ati tana gootu si ajaje.