Kitaaba Seera Keessa Deebii13gax_twf
1Raagichi tokko yookiin nami oojju'uun moru tokko odduu teessanii ka'ee, bilbaasa yookiin maadee yoo isinitti hime,2bilbaasii fi maadeen inni dubbate yoo teete, innille, «Kowa'a, waaqota dhibii hordonna; isaan waaqonfanna» jedhee waaqota dur isin hin beennetti yoo isin geesse,3isin raagicha san yookiin nama oojju'uun moru san hin dhage'ina'a. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan, akka isin gadhaa keessan tokkochaa fi lubbuu teessan takkatti'iin isa jaalattanu haga isin ilaaliisatti jira.4Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa'a; isa sodaadha'a; ajajoota isaa eegadha'a; isaaf ajajama'a; isa tajaajila'a; isatti maxxana'a.5Raagichi sun yookiin nami oojju'uun moru sun, Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baasee, garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa ka isin wode akka finqiltanu waan lallabuuf ijjeefamuu qaba. Inni karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan akka isin hordottanu isin ajaje irraa akka isin gortanu wodhaana. Akka kanaan waan hantuu odduu teessanii balleessa'a.6Obboleessi keeti yookiin ilmi keeti yookiin intalti teeti yookiin niitiin teeti ta ati jaalattu yookiin jaalli keeti ka lubbu'uu, «Koy dhandhee waaqota dhibii waaqonfannaa» jedhee dhossa'aan si hawadatee, waaqota atii fi abbootiin teeti ijjumaa hin beenne, akka waaqonfattuuf,7«waaqota kolbaa adaala keetii ta dhikoo yookiin fagoo, qaccee lafa tokkoo irraa haga lafa taaniititti jirtuu, hin waaqonfanna» yoo jedhe,8ati isaaf tole hin jedhin yookiin isa hin caqasin. Isaaf hin mararin. Isa hin lakkisin yookiin hin dhossin.9Gadhaa adoo hin guurin isa ijjeesi! Ati matooma dhaka'aan isa tumi; achiin duuba kolbaan marti dhaka'aan isa tuntuu ti.10Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keeti ka lafa garbumma'aa biyya Gibxi'ii keessaa si baase irraa si fageessiisaaf waan wodhaaneef, dhaka'aan tumii isa ijjeesi.11Achiin duuba kolbaan Israa'elii tana yoo dhageette hin sodaatti; odduu teessan nami waan hantuu akkasii deebi'ee huju hin jiraatu.12Qachoota Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isiniif kennu keessa yennaa leetanu, namooti hamooleen odduu teessanii ka'anee, waaqota isin ijjumaa hin beenne, «Kowa'a, dhandhee waaqota dhibii waaqonfanna» jedhanee kolbaa ifii dokonkorsanuun yoo dhageettane,14iyyaafadha'aa, qorqora'aatii, miidhassa'aa gaafadha. Wonni hantuun akkasii tun odduu teessanitti hujantee yoo jiraatte,15worra qachaa san keessa le'anu mara shallaaga'aan ijjeesi. Qachaa san kolba'aa fi horii isaa mara woliin ijjumaa balleessi.16Waan qachaa san keessaa booji'ame mara wodhakkaa addee dikko'ootitti wolitti qabiitii, akka kennansa duuduma gubamuu, ka Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu godhiitii qachaa sanii fi waan booji'ame san mara gubi. Qachaan sun haga bara baraa tuulaa bututaa te'ee hafuu malee, ijjumaa deebi'ee hin ijaaramin.17Akka Mootiin Waan Maraa aarii ifii ta bobeettu irraa deebi'ee, isiniif mararu, wonni Mootii Waan Maraatiif murteeffame tokkolle harka keeti keessatti hin dhaggamin; inni akkuma abbootii teessan ta duriitiif waadaa galee kakate, isiniif hin marara; isiniif hin naya; laakkossa keessanille hin baceessa.18Isin Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantanee, ajaja isaa ka ani adha isiniif kennu mara yoo eegatane, ila isaa duratti waan sirrii te'e yoo hujjane innille tana isiniif hin godha.
No translations available.