Daani'elii Raagichaa5gax_twf

Barreeffama Dalleya Manaa

1Gaafa tokko mootichi Belshaazaar qondaaltota gugurdoo kuma tokkoof jila qopheesse; innille isaan woliin daadhii woyni'ii uniisatti jiraayyu.2Belshaazaar daadhii woyni'ii adoo uniisatti jiruu, meya worqi'iitii fi meeti'ii ka abbaan isaa Nebukadnezaar galma Yerusaalemii keessaa baase innii fi qondaaltoti isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unanuuf akka fidanu ajaje.3Maarre worri ajajame meya worqi'iitii fi meeti'ii, ka Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa baafame san fidanee, mootichi, qondaaltoti gugurdoon isaa, niitotii fi gursumeeyyiin isaa itti unane.4Isaan daadhii woyni'ii unaa, waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane leellifatane.5Dedhuma qubi harka namaa mudhatee, mana mootumma'aa keessatti dhoobbuu dalleyaa, ta fuullee waan issaan irra keyamuu jirtuu irratti barreessuu jalqabe. Mootichi quba barreessiisatti jiru san dhagge.6Achiin duuba mootichi guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; harkii fi miilli isa irraa bu'ee, jilbi isaalle wol dhowe.7Mootichi qoonqoo guddo'oon, worra xanu, worra moruu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka ol seensisanu ajaje. Yennaa isaan ol seenane inni isaaniin, «Nama barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti himutti woyaan dhiilleen isatti hin uffifanti; worqiin mormaa morma isaatitti hin keyanti; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulcha» jedhe.8Achiin duuba qarooleen mootichaa marti ol seenane; ammoo barreeffama dubbisuu yookiin hiikkaa isaa mootichatti himuu hin dandeenne.9Maarre mootichi Belshaazaar ka durii caalaa guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; qondaaltoti isaalle waan jettu wollaalte.10Haati mootichaa qoonqoo mootichaatii fi qondaaltota isaa yennaa dhageette, gara addee jilaa ol seentee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Hin raafamin; fuulli keetille hin jijjiiramin!11Mootummaa teeti keessa nami ayyaanni waaqota woyyootaa isa keessa jiru tokko jira; nami sun bara mootummaa abbaa keetii akka waaqotaa beekkumsaan, hubanti'ii fi qarumma'aan guutamee dhaggameera; abbaan keeti mootichi Nebukadnezaar worra xanu, worra moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, irratti itti gaafatamaa isa godheera.12Nami sun Daani'el ka mootichi, ‹Belxishaazaar› jedhee moggaase; inni oojjuu hiikiisaaf, hiibboo hiikiisaaf, waan dhossa'aa mudhisiisaaf, ayyaana dansaa beekkumsaa fi hubantii nama qabu; inni barreeffama san dubbisee, hiikkaa isaa himiisa waan dande'uuf, isa waansis» jette.

Daani'el Hiikkaa Barreeffamaa Hime

13Maarre Daani'el mooticha duratti dhikeessane; mootichille Daani'eliin, «Ati worra Yihuda'aa ka abbaan kiyya mootichi biyya Yihuda'aatii booji'ee fide keessaa tokkoo?14Ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru, beekkumsa, hubanti'ii fi qarummaa akka qaddu dhage'eera.15Qaroole'ee fi worri moru barreeffama kana dubbisee, hiikkaa isaa akka natti beessisanuuf na dura dhikaataneeraniiyyu; ammoo hiikkaa barreeffama sanii naaf himiisa hin dandeenne.16Ati ammoo hiikkaa kennuu, waan nama rakkisulle hiikuu akka dandeettu ani dhage'eera; amma barreeffama dubbisuu, hiikaa isaalle natti beessisuu yoo dandeette, woyaan dhiilleen sitti hin uffifanti; worqiin mormaalle morma keetitti hin keyama; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulchita» jedhe.17Achiin duuba Daani'el deebisee, mootichaan, «Kennansi keeti si'umaaf hafuuti, badhaasa keetille nama dhibi'iif kenni. Ani ammoo barreeffama si mootichaaf dubbisee, hiikaa isaalle sitti hin beessisa.18«Ee mooticha, Waaqi Ol Aanaan abbaa keeti Nebukadnezaariif mootummaa, guddinna, ulfinnaa fi arnya kenneeraayyu.19Sababa Waaqi guddinna isaaf kenneef, kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaa, kolbaan afaan adda addaa dubbattu martinuu sodaattee, fuula isaa duratti hollatte; inni worra ijjeesuu barbaade ijjeese; worra hamburuu barbaade hambure; worra ulfeessuu barbaade ulfeesse; worra gad qabuu barbaade gad qabe.20Yennaa inni kooree, mataa jabaate ammoo, barcumaa mootummaa ifii irraa bu'ee, ulfinni isaalle isa irraa fudhatame;21Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii fedheef akka kennu, haga inni beekutti, inni kolbaa keessaa ari'amee, qalbiin isaa jijjiirantee, akka bineensaa te'e; harree didaa woliin le'ee akka hori'ii marra dheede; nafi isaalle fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.22«Atille Belshaazaar ilmi isaa tana mara adoo beettuu, ifi gad hin qanne;23ati Goottaa ol-gubba'aa mormitee, ifi ol qadde; meya Galma Waaqaa keessaa akka fidanu goote; atii fi qondaaltoti teeti, niitotii fi gursumeeyyiin teeti, daadhii woyni'ii itti untane. Ati waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka hin dhaggine yookiin ka hin dhageenne yookiin ka womaa hubatuu hin dandeenne leellifatte malee, Waaqa jiru'u fi ideensa keeti toowatuuf ulfinnaa hin kennine.24Tanaaf Waaqi harka barreeffama san barreesse erge.25«Barreeffam barreeffamelle, ‹Mene, mene, teqel, u-faarsiin› ka jedhu.26Hiikkaan dubbii tanaalle, ‹Mene, mene›, jechuun ‹Laakkowee, laakkowee› jechu'u; tanaaf Waaqi bara mootummaa teetii laakkowee, mootummaan teeti akka dhumattu godheera.27‹Teqel› jechuun, ‹Madaala› jechu'u; tanaaf ati madaala irra keyantee, sallattee dhaggante.28‹U-faarsiin› jechuun, ‹Gargar qoodante› jechu'u; tanaaf mootummaan teeti gargar qoodantee, worra Medooniitii fi Faaresiitiif kennate» jedhe.29Achiin duuba Belshaazaar woyaa dhiillee Daani'elitti akka uffisanu, worqii mormaa morma isaatitti akka keyanu ajaje; mootummaa ifii keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee akka bulchu lassii baase.30Mootiin worra Baabilonii Belshaazaar halkanuma san ijjeefamee,31Daariyos nami biyya Medoonii ka woggaa jaatamii lamaa, mootummaa san fudhate.