Worra Qolosaayisii3gax_twf

Jiruu Haareya Kiristoosiin

1Yoona eega Kiristoos woliin du'aa kaatane, waan ol-gubbaa addee Kiristoos midda Waaqaatitti tee'eeru jiru barbaada'a!2Marroo waan ol-gubbaa jiruu yaadadha'a malee, marroo waan lafa irra jiruu hin yaadatina'a.3Isin duutaneertan; jiruun teessanille Kiristoos woliin Waaqa keessa dhokatteerti.4Kiristoosiin jiruu nuuf te'e yennaa mudhatu, isinille isa woliin ulfinnaan hin mudhattan.5Tanaaf halchaa le'ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu'uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te'e joljoluu ijjeesa'a.6Sababa waan kanaatiif worra hin ajajanne irratti mufiin Waaqaa hin dhutti.7Isinille yennaa worra waan akkasii huju odduu leetanu san waan kana tolchaa turtane.8Amma ammoo; mufii, aarii, jallu'uu fi maqaa wolii balleessuu mara ifi irraa balleessa'a; dubbiin nama fokkisiittulle afaan keessan keessaa hin bayin.9Namummaa dullacha hujii isaa woliin ifi irraa baattanee waan gattaneertanuuf, dhara wolitti hin dubbatina'a.10Namummaa haareyalle uffattaneertan; isiille ta akka guutuma guutu'utti isa beettanuuf, Waaqi isii dade fakkeenna ifiititti haaressiisatti jiru.11Akka kanaan worra Giriikootaatii fi worra Yihudootaa, worra haqanqabaa qabatee fi ka haqanqabaa hin qabatin, orma beekkichaa fi orma gowwicha, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qanne odduu garaa garummaan hin jirtu; Kiristoos ammoo duudi'i, duudii keessa jira.12Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a.13Wol dande'a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama'a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama'a.14Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju'uun wolitti hidhu uffadha'a.15Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te'iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te'a.16Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le'uu ti; qarooma duudi'iin wol barsiisa'a, wol gorsa'a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti'iin Waaqa gadha'aan galateeffataa faarsa'a.17Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji'iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha'a.

Seera Le'ii Maatii Kiristaanaa

18Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te'eef abbootii manaa keessaniif ajajama'a.19Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha'a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te'ina'a.20Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te'eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama'aatii, waan isaan jedhanu mara godha'a.21Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina'a.22Worri garbooma jala jirtanu! Goottolee teessan ta lafaatiif waan maraan ajajama'a; ila isaanii duraa fi isaan gammachiisuu qofaaf adoo hin te'in, Goottaa sodaatiisaa fi gadhaa qajeela'aan isaaniif ajajama'a.23Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te'in, akka waan Gootta'aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha'a.24Sababille Goottaan dhaala ol-gubba'aa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos.25Nama woli caalchisuun Waaqa bira waan hin jirreef, nami balleessaa huju, balleessaa ifii saniif gatii hin dhaggata.

No translations available.