Amosii Raagichaa5gax_twf

Kolbaan Israa'elii Araara akka Galtuuf Waammante

1Ee kolbaa Israa'elii wolaloo gaddaa ta ani marroo teessaniif dubbadhu tana dhage'a'a:2Israa'eliin akka durraa jiddeerti;deebiteelle hin kaatu;lafuma ifii keessatti gatante;nami isii ol kaasulle hin jiru.3Goottaan Mootiin Waan Maraa,«Qachaan guddichi Israa'elii ka loltoota kuma duula baase,isaan keessaa loltoota dhibba qofatti isaaf hafa.Qachaan loltoota dhibba duula baase,isaan keessaa loltoota kudhan qofatti isaaf hafa» jedha.4Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiin,«Ana barbaadadha'aatii, jiru'uun jiraadha'a!5Giilgal dhugumaan waan booji'antuuf,Bet'elille waan woy hin baaneef,Bet'el hin barbaadina'a;Giilgal hin dhaqina'aBersheebaalle hin dhaqina'a» jedha.6Mootii Waan Maraa barbaadadha'aatii jiru'uun jiraadha'a;yoo akkas hin te'ininni kolbaa Israa'elii akka ibiddaa luxub hin godha;worra Bet'eliille ibiddi hin fixa;nami isa irraa dhaanfulle hin jiru.7Worri haqa gara hadha'aatitti jijjiirtanu,dhugaalle ka lafatti gattanu isiniif aanne'e!
8Urjoota, «Torbii » jedhamanu ka dade,urjoota, «Sadee » jedhamanulle ka dade,dukkana gara ifa guyya'aa,guyyaalle dukkaneessee gara halkanii ka jijjiiru,bisaan abbaaya'aa waamee,lafa irra akka lola'u ka godhu,maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti!9Inni kushee jadduu hin bobeessa;qachaa guddaa dalleenni dhaka'aa jabaan itti ijaarameirralle'etti badii hin fida.10Isin badhinna mura'aatitti nama dhuga'aaf falmu jibbitan;nama dhugaa dubbatu tuffattan.11Isin worra hiyyeeyyii cunqursitan;hunnaan akka isaan midhaan kennanu gootan.Tanaaf, isin dhakaa bocameen mana ijaarrattanulle,achi keessa hin leetanu.Isin muka woyni'ii ka isin gammachiisu dhaabattanulle,daadhii woyni'ii irraa hin untanu.12Yakkaan teessan attam bacaa akka teetee ficubbuun teessan attam attam guddoo akka teeteani hin beeka.Isin worra balchaa cunqursitanee,safuu irraa fudhattanee,worri hiyyeeyyiin badhinna kora mura'aatittihaqa akka hin dhagganne gootan.13Tanaaf barri hamaa waan te'eef,yennaa akkasiititti nami qalbeeffataancadhi hin jedha.14Isin jiru'uun akka jiraattanuuf,waan dansaa malee waan hantuu hin barbaadina'a.Achiin duuba akkuma isin jettanuMootiin Waan MaraaWaaqi Waan Mara Dande'uisin woliin hin jiraata.15Waan hantuu jibba'aatii,waan dansaa jaaladha'a;badhinna kora mura'aatittihaqi akka jiraatu godha'a.Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'ukolbaa Israa'elii worra hafeef hin marara fa te'a.16Tanaaf Mootiin Waan MaraaWaaqi Waan Mara Dande'u,«Karaa mara irratti wiiccifati bowaa,woldeennaa kara'aa mara irrattiiyyi farraa hin teeti.Qonnaan bultooti bowaaf,worri boochisulle wiiccifatiisaaf hin waamaman.17Oorruu woyni'ii mara keessatti wiiccifati bowaa hin te'a;ani isin adabiisaaf odduu teessan waan dabaruuf,tun marti isin irratti hin teeti» jedha.18Isin worri guyyaa Mootii Waan Maraa halchitanu isiniif aanne'e!Isin maaf guyyaa Mootii Waan Maraa halchitan?Guyyaan sun guyyaa dukkanaa ti maleeifaa moti.19Guyyaan sun akka nama neenqa duraa adoo dheetuudoobba'atti dhufuu,yookiin isa duralle'ee bayeemana ifiititti galee dhaaba manaa yennaa qabatudhudhuufaan idduu ti.20Guyyaan Mootii Waan Maraa sun ifa adoo hin te'in, dukkanadimma wililleettiin ifaa keessa hin jirree motii ree?21Mootiin Waan Maraa, «Ani jila teessan mara jibbee, tuffadhe;yaa'iin teessanille na hin gammachiittu.22Isin kennansa gubamuu fikennansa midhaanii naaf dhikeessitanulle,ani hin fudhadhu.Horii gagabbaa kennansa tokkumma'aatiif dhikeessitanulle,ani hin ilaalu.23Iyya faaruu teessanii na irraa fageessa'a;ani yoyyoma kiraara guddicha keessanii hin caqasu.24Ammoo haqi akka bisaan lagaa,balchummaalle akka madda hin gonnee lolaatuu ti.
25«Ee kolbaa Israa'el,woggaa afurtama goomolee keessattiisin ciinca'aa fi kennansanaaf dhikeessitaneertanii ree?26Waan ifumaaf hujjane,mootii keessan waaqa dharaa, ka, ‹Saakuut› jedhamuu fiwaaqa dharaa ka fakkii urji'ii, ka ‹Kiiyoon› jedhamu ba'attan.27Tanaaf ani qachaa Damaasqo'oo irraa fagaattaneeakka isin booji'antanu hin godha» jedha;maqaan isaa Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara Dande'u.