1Isin dubartooti akka sa'oolee Baashaanii,ta gaara Samaariya'aa irratti gabbattanee,worra hiyyeeyyii ka cunqursitanu,worra rakkataalle ka butuchitanu,abbootii worra teessaniin,«Daadhii nu'uuf fida'a!» ka jettanu,jecha kana dhage'a'a!2Goottaan Mootiin Waan Maraawoyyummaa ifiitiin kakatee,«Guyyaan isin malxaqqo'oonharkifantanu hin dhufa;worri isin keessaa hafanellemalxaqqoo qurxummi'iitiin hin harkifaman.3Tokko tokkoo keessanqowa dalleya dhaka'aa ka fuula keessan duraatiinharkisanee gara gaara Hermoonii isin hin baasan» jedha.
Israa'el Baratiisa Didde
4Goottaan Mootiin Waan Maraa,«Ee kolbaa Israa'elii,Bet'el dhaqa'aatii cubbuu huja;Giilgaliille dhaqa'aatii cubbuu baceessa'aa huja'a;guyyuma guyya'aan ciincaa,guyyaa sad sadittikudhan keessaa tokko dhikeessa'a.5Ee Israa'eloota,wonni isin godhiisaaf jaalattanu tana waan teeteef,daabboo uukoo qaddu irraa ciincaa galataa dhikeessa'a;kennansa fedhii teessaniin kennitanuunifi jaja'aatii koora'a» jedha.6Mootiin Waan Maraa,«Qachoota gugurdaa keessan mara keessattiwonni afaaniin qaddanu akka hin dhagganne,qachaa mara keessattisagaleen akka dhabantu ka godhe ana;isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.7Midhaan galfatiisaaf jiin sad adoo jiruubokkeya isin irraa dhoogge;qachaa tokkotti bokkeenni akka roobu,qachaa kaanitti bokkeenni akka roobuu hin dandeenne godhe.Fichaan tokko bokkeya qaba;fichaan dhibiin bokkeya dhabee goge.8Maarre namooti bisaan barbaadatiisaaf,qachaa tokko irraa gara qachaa tokkoo joonjane;te'uu malee unanee dheebuu bawuu hin dandeenne;isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha.9Mootiin Waan Maraa,«Ani yennaa hedduu gugguufa'aa fi shanto'oonoorru'uu fi muka woyni'ii keessan balleesse.Muka harru'uutii fi muka ejersaa keessanawwaannisi nyaatee fixe;isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.10Ani balaa biyya Gibxi'iititti ergeisin irralle'etti erge.Dargaggoota teessan shallaaga'aan ijjeesisee,fardoota teessan akka booji'amanu godhe;addee qubattanetti reeffi nama du'eeakka isinitti ajowu godhe;isin haga ammaa gara kiyya hin deebine» jedha.11Mootiin Waan Maraa,«Ani Sodoomii fi Gomoraa akkuma balleesse,isin keessalle'ee garii balleesseera.Isin keessaa gariin akka mukaibidda bobe'u keessaa butamee ti;isin ammoo haga ammaa gara kiyya hin deebine.12Tanaaf, ee kolbaa Israa'eliiani akkasuma isin irratti hin godha;ani tana isin irratti waan godhuuf,ee kolbaa Israa'elii, Waaqa keessan woliinwol dhaggiisaaf qophowa'a» jedha.13Ka gaara huje,qilleensalle ka dade,ka yaada ifii namatti mudhisu,ka ganama gara dukkanaatitti jijjiiruka gooroo lafaa irra ideemu,maqaan isaa Mootii Waan MaraaWaaqa Waan Mara Dande'u.