Amosii Raagichaa3gax_twf

Raaga Israa'el Irratti Dubbatame

1Ee kolbaa Israa'elii,dubbii Mootiin Waan Maraaisin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase marattidubbatu tana dhage'a'a!2Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe;tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera.3Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galinkaraa hin deemanii?4Neenqi gongomaa keessattiwaan adansee nyaatu adoo hin dhaggindhangaa hin dhowaa?Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatinmandhee ifii keessaa hin gurura'aa?5Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afaminlafa irratti tiyyoo keessa hin seentii?6Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu,kolbaan hin sodaattuu ree?Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyaminwonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree?7Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraadhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisinwaan tokkolle hin godhu.8Neenqa dhangaa dhowe,ka hin sodaanne eennu ree?Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte,ka raaga hin dubbanne eennu ree?

Badii Qachaa Samaariya'aa

9Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fikushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii,«Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a;hogaa isii keessaatii ficunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan.10Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'eattam akka hujanu hin beekanu;waan hunnaan nama irratti ka'aneesaamaneen mana ifii guutatan» jedha.11Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa,«Diinni lafa hin qabata;kushee jajjadduu teessan diigeemana keessanille hin saama» jedha.12Mootiin Waan Maraa,«Akkuma tisseen afaan neenqaa irraalafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu,Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra,Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu,akkasuma hin hafan» jedha.13Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u,«Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a.14Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu,addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga;gaafoti addee ciinca'aamuramanee lafa harca'an.15Ani mana isaan yennaa gannaatii fiyennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga;manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada;Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha.