Amosii Raagichaa1gax_twf

1Bara Uziyaan Yihudaa irratti, ilmi Yeho'aashii Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ane, tissitoota qachaa Teqo'aa keessaa tokko ka te'e Amos, tacho'iis lafaa adoo hin te'in woggaa lamaan duratti raagi inni marroo Israa'eliitiif raage ka asii gad jiru:2Inni, «Mootiin Waan Maraa gaara Xiyoonii irraa hin harqa;Yerusaalem keessalle'ee hin mandi'a;kaloon tissitootaa hin goddi;marri qaccee gaara Qarmelosii irraa hin qoora» jedhe.

Muraa Waaqaa Ta Worra Ollaa Israa'elii jiru Irratti Dhufu'uu Jirtu

Sooriya'atti

3Mootiin Waan Maraa,«Worri qachaa Damaasqo'oo korboo ilkaan sibiilaa qadduworra biyya Giil'aadii irra waan oofaneef,anille marroo cubbuu kolbaan Damaasqo'oo itti deddeebitee hujjeetiif,isaan hin adaba.4Maarre ani ibidda kushee jadduu Ben-Hadaadii mootichaa luxub godhu,mana mooticha Hazaa'eliititti hin erga.5Ani danqaraa karra Damaasqo'oo hin caccassa;kolbaa dhooqa Aween keessaatii fimooticha Bet-Edeenii hin balleessa;worri Sooriya'aalle booji'amaneegara biyya Qiirii hin dhaqan» jedha.6Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Gaaza'aakolbaa booji'ane maraworra Edoomiititti dabarsanee kenniisaanitti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,ani isaan hin adaba.7Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhudalleya dhaka'aa ka qachaa Gaaza'aatitti hin erga.8Ani worra qachaa Ashidoodii keessa le'uu fimooticha Ashiqalonii hin balleessa.Ani worra qachaa Eqroonii keessa le'u hin adaba;worri Filiisxiyaa keessatti hafane marti hin badan» jedha.

Xiiroositti

9Mootiin Waan Maraa, «Worri qachaa Xiiroosiigondooroo obbolumma'aa diiganee,kolbaa booji'ane maraworra Edoomiititti dabarsanee kenniisaanitti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,ani isaan hin adaba.10Maarre ani ibidda kushee isi'ii luxub godhu,dalleya dhaka'aa ka qachaa Xiiroosiititti hin erga» jedha.

Edoomitti

11Mootiin Waan Maraa,«Worri Edoomii obboleeyyan ifii Israa'eloota,marartii malee shallaaga'aan waan ari'aneef,aariin isaanii yennaa mara isaan irratti waan bobeetteef,mufiin isaanii haga bara baraa waan teeteef,ani isaan hin adaba.12Maarre ani ibidda kushee qachaa Bozra'aa luxub godhu,qachaa Temaaniititti hin erga» jedha.

Muraa Amoonitti Dhufu'uu Jirtu

13Mootiin Waan Maraa,«Worri Amoonii meessaa biyya ifii badhifatiisaaf,gadhaa dubartii ulfaa ta worra Giil'aadii baqasiisaan,itti deddeebi'anee yakkaa waan hujaneef,ani isaan hin adaba.14Maarre ani ibidda kushee isi'ii, guyyaa lolaa iyya keessa,guyyaa bokkeya bubbe'ee, qilleensa jabaa keessa luxub godhu,dalleya dhaka'aa ka qachaa Raaba'aatitti hin erga.15Mootiin isi'ii, qondaaltota ifii woliin hin booji'ama» jedha.