Ijjeefamuu Yaaqoobiitii Fi Hidhamuu Pheexroosii
1Bara san mootichi Heroodis, miseensota wolde'a kiristaanaa tokko tokko miidhuu jalqabe.2Inni Yaaqoobii obboleessa Yohaannisii shallaaga'aan ijjeesise.3Wonni kun Yihudoota akka gammachiitte yennaa dhagge, itti dabalee Pheexroos qassiise; tunille yennaa Jila Daabboo Uukoo hin qannee teete.4Heroodis yennaa Pheexroos qassiisee mana hidha'aatitti galche, afur afur te'anee akka isa eeganu loltoota dabaree afuritti qoodamaneeranutti isa kenne. Jila Irra Dabaramaatiin duuba kolbaa duratti akka isa dhikeessuuf yaadate.5Adoo Pheexroos mana hidha'aa keessatti eegamuu, wolde'i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.Pheexroos Mana Hidha'aatii Hiikame
6Halkan bari'een duuba Heroodis silaa Pheexroos kolbaa duratti dhikeessu, Pheexroos wodaroo sibiilaa lamaan hidhamee, loltoota lama odduu rafee, eeddoti balbala mana hidha'aa dura dhaabbatanee eegane.7Dedhuma ergamaan Gootta'aa achi dhaabbatee, manni hidha'aa keessi ife. Ergantichille cinaacha Pheexroosii tuqee, isa dammassee, «Ariifadhuu ka'i!» jedheen. Wodaroon sibiilaalle harka isaa irraa buute.8Achiin duuba ergamaan, isaan «Hidhadhu! Kophee teetille keyadhu» jedhe. Pheexroosille akkuma inni itti hime tolche. Achiin duuba ergantichi, «Woyaa teeti uffadhuu na gula koy» jedheen.9Pheexroos mana hidha'aa keessaa bayee, erganticha gula deeme; ammoo waan ergamaan Gootta'aa godhe hin beenne; inni waan duudii oojjuu seye.10Isaan worra eedduu tokkeesso'ootii fi lammeesso'oo irra dabaraneen duuba, balbala sibiilaa ta gara qacha'aa bayanu bira geyane; balbaltille ifumaan isaan duraa banantee, gad bayane. Karaa tokko gad deemanee, ergamaan dedhuma Pheexroos biraa deeme.11Pheexroos yennaa bayyanate, «Goottaan ergamaa ifii ergee harka Heroodisiitii fi waan worri Yihudootaa na irratti yaadane mara jalaa akka ana baase, amma dhugumaan beekeera» jedhe.12Pheexroos tana hubateen duuba, addee namooti hedduun wolitti qabamee daadimatiisatti jiru, gara mana Maariyaamii haadha Yohaannisii Maarqoos jedhamuu dhaqe.13Pheexroos achi geyee balbala karra alaa yennaa dhodhowe, tajaajiltittiin Roodaa jedhantu takka dhuttee owwaatte.14Isiin qoonqoo Pheexroosii beettee, waan guddoo gammaddeef, balbala adoo hin baniniif rukkittee gara keessaa seentee, «Pheexroos balbala dura dhaabbateera!» jettee odeessite.15Isaan, «Ati maraatteerta!» isi'iin jedhane. Isiin ammoo ittuma deddeebitee, «Lakkii isuma» jette. Achiin duuba isaan, «Ergamaa Waaqaa ka isa eegu te'innaa» jedhane.16Pheexroos ammoo balbala dhodhowiisa hin lakkinne; isaan balbala bananee yennaa isa dhaggane baaseffatane.17Inni akka isaan cadhisanu harka ifiitiin beessisa itti kennee, Goottaan mana hidha'aa keessaa attam akka isa baase isaanitti odeessee, «Dubbii tana Yaaqoobii fi dhugeeffattoota dhibiille'etti hima'a» jedhee, bayee addee dhibii dhaqe.18Yennaa latti bariite, loltooti, «Pheexroos maan te'e?» jedhanee, waan godhanu wollaalanee baaseffatane.19Heroodis Pheexroos barbaachisee isa dhagguu dhabee jennaan, eeddota qorateen duuba akka ijjeefamanu ajaje; Achiin duuba Heroodis Yihudaa irraa gara Qiisaariya'atti gad bu'ee achi ture.Du'a Heroodisii
20Heroodis kolbaa Xiiroosiitii fi Sidooniititti guddoo aareeraayyu. Maarre isaan wolii galte'een gara isaa dhufanee, Bilaasxosii tajaajilaa addatamaa mana mootichaa, Heroodisitti dhikaatee araara akka isaaniif gaafatuuf, tole jechisiifataneen duuba, mooticha araara gaafatane; isaan biyya mootichi bulchu keessaa sagalee waan dhaggatanuuf tana jedhane.21Guyyaa wol dhaggiisaaf qabatane, Heroodis uffana mootummaa ifii uffatee, barcumaa mootummaa ifii irra tee'ee, kolba'atti dubbate.22Isaan, «Tun qoonqoo waaqaa ti malee, ta namaatii moti» jedhaa iyyane.23Heroodis ulfinna Waaqaaf waan kennuu dhabeef, ergamaan Waaqaa yoosuma isa dhowe; corroxxille isa nyaattee du'e.24Jechi Waaqaa ammoo, gudddataa badhataa deeme.25Baarnaabaasii fi Saa'ol ergaa dhaqaneef muummessanee, Yerusaalem irraa deebi'ane; Yohaannisii Maarqoos jedhamulle ifi faana fuudhanee dhufane.