Loltuu Dansaa Yesuus Kiristoosii
1Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu.2Dhugaa baatota hedduu duratti waan na irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama'atti magannee kenni.3Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu.4Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu.5Akkasuma nami rukke'een doggomu tokko, akka seeraatitti yoo doggome malee, badhaasa injifanno'oo hin dhaggatu.6Qonnaan bulaan elowee huju qooda midhaan sanii qara dhaggatuu qaba.7Goottaan waan duudi'iin hubantii waan sii kennuuf, waan ani jedhu qalbeeffadhu.8Akkuma ani Oduu Gammadaa keessatti lallabe, Yesuus Kiristoosii du'a keessaa ka'e, ka sanyii Daawitii keessaa dhalate, qaabadhu.9Ani Oduu Gammadaa waan lallabeef akka yakkaamessaa hidhameelle rakkataa jira. Jechi Waaqaa ammoo hin hidhamu.10Tanaaf, worri fooyame fayyinnaa fi ulfinna bara baraa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufu akka dhaggatuuf jedhee waan duuchii hin ossadha.11Dubbiin,«Isa woliin yoo duune,isa wolille'een jiraanna.12Yoo ittuma ossineisa woliin hin moona.Yoo isa mormanne,innille nu hin mormata.13Yoo nuuti addatamuu dhanne,inni waan ifi hin mormanneef,addatamee jiraata» jettu tun dhuga'a.Hojjataa Waaqaan Fudhatama Qabu
14Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti.15Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri'itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.16Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu.17Barsiisi akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran.18Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran.19Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, «Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka», ammalle «Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti» ta jettu barreeffanteerti.20Mana guddaa tokko keessa mey worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, mey muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; mey kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a.21Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran.22Halchaa badduu dargaggumma'aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu'uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof.23Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu.24Tajaajilaan Gootta'aa ka lolu te'uu hin qabu. Inni nama duudi'iif arjaa, dansa'aa fi barsiisaa ossataa te'uu qaba.25Worra isa mormulle gadhi-laafinnaan gorsuu qaba. Akka isaan cubbuu irraa deebi'anee dhugaa beekanu, Waaqi carraa isaanii hin kenna fa te'a.26Yoo san isaan qalbii ifiititti deebi'anee, tiyyoo Seexanaa ta isaan qaddee fedha isaatiif akka ajajamanu goote jalaa hin bayan.