2 Worra Tasalonqe'ee2gax_twf

Nama Jallu'uu

1Obboleeyyan tiyya! Marroo dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi marroo isa woliin wolitti qabamiisa keennaa akka beettanuuf, waan isin kadhannu qanna:2raagaan yookiin jechaan akka himametti, yookiin akka ergaa nu'u irraa isiniif barreeffantee gootanee «Guyyaan Gootta'aa dhiyaateera» jedhaa dattanee yaadaan hin raafamina'a, yookiin hin rifatina'a.3Finqilli adoo hin ka'in dura jallichi ilmi badi'iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollaalchisin.4Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille'een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.5Ani yennaa isin woliin jiru waan kana duudii akka isinitti hime hin qaabattanuu?6Yennuma isaatitti akka inni mudhatuuf amma waan isa dhooggu isinuu hin beettan.7Hunni dhossa'aa ta jallu'uu ammumaa hujiisatti jirti; ammoo wonni amma isa dhooggu haga karaa irraa kaatutti wonni sila te'uu malte hin teetu.8Achiin duuba jallaamessi sun hin mudhata; Goottaan Yesuus hafuura afaan ifiitiin isa ijjeesee, ulfinna deebi'ee dhufiisa ifiitiin isa balleessa.9Jallaamessi sun hunna Seexanaatiin bilbaasota, beessisaa fi baasota dharaa duudii hujaa dhufa.10Akkasuma isaan waan hantuu mara hujiisaan worra badu gowwoonsan. Isaan dhugaa isaan fayyittu jaalatanee fudhatuu waan didaneef badan.11Tanaaf waan dhugaa hin te'in akka dhugeeffatanuuf, Waaqi hunna isaan wollaalchittu isaanitti erga.12Worra hantu'utti gammadee dhuga'atti hin dhugeeffanne duudi'itti akka murantuuf, wonni kun teete.

Isin Fayyinnaaf Fooyantane

13Obboleeyyan Gootta'aan jaalatantane, Ayyaanaan kolbaa woyyittii isaa teetanee, dhuga'atti dhugeeffatiisaan akka fayyitanuuf Waaqi worra jalqabaa godhee waan isin fooyateef, yennaa maraa marroo teessaniif, nuuti Waaqa galateeffatiisa qanna.14Ulfinna Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii akka dhaggattanuuf, karaa Oduu Gammadaa ta nuuti lallannuutiin Waaqi isin waameera.15Yoona obboleeyyan teenna, jabaadha'aa dhaabbadha'a; barsiisa jecha afaaniitiin yookiin ergaa barreeffamaan nu biraa isiniif ergantelle jabeessa'aa qabadha'a.16Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifiitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu'uuf kenne,17waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa.