2 Saamu'elii22gax_twf

Faaruu Daawitii Ta Galataa

1Mootiin Waan Maraa harka diinota isaa maraa fi harka Saa'olii jalaa yennaa isa baase Daawiti faaruu asii gad jirtu tana Mootii Waan Maraatiif faarse:
2Inni, «Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,waan itti golladhu;ka na baasulle'e.3Waaqi kiyya rassaa kiyyaka ani itti baqadhu;wontee tiyya,ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu.Inni kushee tiyya jaddu'u;ta ani itti baqadhu; fayyisaa kiyyalle'e;namoota hunnaan nama irratti ka'anu jalaana hin baasa.4Ani Mootii Waan Maraa leellifamaahin waammadha;innille diinota kiyya jalaa na hin baasa.
5«Danbaliin du'aa na marsitee,lolaan badi'ii na gad liqinse.6Wodaroon awwaalaa na xaxxee,tiyyoon du'aa na qabatte.7Rakkinna kiyya keessattiani Mootii Waan Maraa kiyya waammadhe;akka na qarqaaruuf,Waaqa kiyyatti iyye.Inni Dunkaanii Woyyittii ifii keessaaqoonqoo tiyya dhage'e;iyya tiyyalle caqase.
8«Mootiin Waan Maraa waan aareef,latti rommitee tachoote;hundeen ol-gubba'aalle daaxxee hollatte.9Funnaan isaa keessaa aarri baye;afaan isaa keessaa ibiddi luxub godhuu fikashilli ibiddaa baye.10Inni ol-gubbaa dayyaasee gad bu'e;duumensi gurraachi miila isaa jala jiraayyu.11Inni dada ol-gubba'aata koola qaddu irra tee'ee koolaan ka'e;koola qilleensaa irra tee'ee xinniqe.12Inni dukkana gollaa ifii godhatee,dunkaaniin isaa adaala isaa jirtiiyyu;duumensi gurraachi, bisaaniin guutame,isa marseera.13Calalaqa addee inni jiruu keessaa,balaqqeettiin balaqqitte.14Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa irraa mandi'e;Waaqi Ol Aanaan qoonqoo ifii dhageessise.15Inni daaya ifii darbatee diinota ifii bittinneesse;balaqqeessa balaqqeetti'iitiinhaxowee isaan balleesse.16Xixicha Mootii Waan Maraatiin,dhowicha hafuura funnaan isaatiin,dhooqoti abbaayaa jalaa mudhatane;hundeen lafaa marti qullaa hafane.
17«Inni gubbaa irraa gad hiixatee, na qabe;bisaan qilee keessaa harkisee na baase.18Isaan akka malee hunnaan waan na caalanuuf,inni diinota kiyya hunnaameyyii,worra na jibbu jalaa na baase.19Yennaa ani rakkadhe,isaan na irratti ka'ane;Mootiin Waan Maraaammoo na qarqaare.20Inni gara addee badho'oo na geessee,waan natti gammadeef, na baase.
21«Mootiin Waan Maraaakkuma balchummaa tiyyaatitti naaf godhe;inni waan ani yakkaa hin qanneefgatii naa kaffale.22Ani karaa Mootii Waan Maraa waan hordofeef,Waaqa kiyya irraa deebi'eewaan hantuu hin hunye.23Ani seera isaa mara muummesseera;seerata isaalle irraa hin gorre.24Ani isa duratti komii hin qabuuyyu;cubbuu irralle'ee ifi eeggadheera.25Mootiin Waan Maraaakkuma balchummaa tiyyaatitti,ani waan yakkaa hin qanneefbadhaasa naaf kenne.
26«Ee, Mootii Waan Maraa,ati worra addatama'aaf, ka addatante;worra komii hin qanneef, ka komii hin qanne.27Worra qulqullu'uuf, ati qulqullu'u;worra dabaalessaaf,akka daba isaaniititti gatii isaaniif kennita.28Ati worra gad ifi qabu hin baatta ;worra kooru ammoo hin salphitta.29Ee, Mootii Waan Maraa,ati ifa naaf hin issita;Waaqa kiyya,ati dukkana tiyya hin issita.30Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola;qarqaarsa Waaqaatiindalleya gubba'aan utaaluu dande'a.
31«Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;jechi Mootii Waan Maraa dhuga'a;worra isatti baqatuuf, inni wonte'e.32Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu?Waaqa keenna malee rassaan eennu?33Jabeenna ka anaaf kennu,ka karaa naaf qajeelchu Waaqa.34Inni miila kiyyaakka miila gadansaa hin jabeessa;koobota gubbaasodaa malee na dhaabbachiisa.35Inni harka kiyya lolaaf hin leenjisa;guubee sageettu'uu harkisuu akka dande'u,irree tiyya hin jabeessa.36Wontee teeti ta fayyinnaa naa kenniteerta;qarqaarsi keeti guddaa na godheera.37Karaa ideemmaa tiyyaa naaf badhittee,miilli kiyyalle hin mucucaanne.
38«Ani diinota kiyyaari'ee isaan balleesse;haga isaan badanuttiani duubatti hin deebine.39Akka isaan dande'anee hin kaane,gad isaan dhowe;isaan miila kiyya jalatti jigane.40Ati lolaaf hunna naaf kennite;mormitoota tiyyamiila kiyya jalatti jilbiiffachiitte.41Ati diinoti kiyya worri na jibbuduubatti deebi'anee akka baqatanu goote;anille isaan balleesse.42Isaan qarqaarsa gaafatiisaaf iyyane;ammoo nami tokkolle isaan hin qarqaarre.Isaan Mootii Waan Maraa waamane;inni ammoo deebii hin kennine.43Akka bukuu qilleensi afuufuu,ani isaan butuche;akka dhoqqee karaa keessaa,ani isaan irra sirbe.
44«Ati kolbaa tiyyata na loltu jalaa na baatte ;gosa biyya adda addaa irrattibulchaa na goote;kolbaan ani hin beenne na tajaajilte.45Worri ormaa na sossobatane;gurra kiyya akkuma dhage'aneen,naaf ajajamane.46Isaan Sodaatanee addii kutatane;raafamanee kushee jadduu ifiilakkisanee bayane.
47«Mootiin Waan Maraa jiraata'a!Rassaan kiyya leellifamuu ti!Waaqi fayyisaan kiyya jajamuu ti.48Inni Waaqa diinota kiyya haluu naa bayu;gosa biyya adda addaa harka kiyya jala galcha.49Inni diinota kiyya jalaa na baasa.Diinota kiyya irratti ol ol na qaba;kolbaa hunnaan na irratti kaatu jalalle'eena baasa.50Tanaaf, Mootii Waan Maraa,gosa biyya adda addaa oddu'utti si leellisa;faaruu leellisaatiin maqaa keeti faarfadha.51Mootiin Waan Maraa mooticha mootii godheef,injifachaa kenna;ka ifii muude Daawitii fi sanyii isaatiifille,jaalala ifii ka bara baraa itti mudhisa» jedhe.