2 Saamu'elii2gax_twf

Daawiti Mootii Yihuda'aa Te'e

1Kanaan duuba Daawiti, «Qachoota Yihuda'aa keessaa gara qachaa tokkoo ol bayuu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i ol bayi» jedhe. Daawitille, «Gara qachaa kamii deema?» jedhee gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Gara qachaa Kebroonii deemi» jedhe.2Maarre Daawiti niitota ifii lama Ahiino'aamii intala nama qachaa Yizre'eliitii fi Abigaayii ka Naabaal nami biyya Qarmelosii irraa du'e woliin gara qachaa Kebroonii ol baye.3Daawiti namoota isa woliin jiranu maatii isaanii woliin fuudhee deemee, isaanille qachaa Kebroonii keessa le'ane.4Achiin duuba namooti Yihuda'aa gara Kebroonii dhufanee, achitti Daawiti sanyii Yihuda'aa irratti mootii akka te'u muudane. Worri Saa'ol awwaalle namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadii akka te'ane Daawititti yennaa himane,5Daawiti namoota qachaa Yaabesh-Giil'aadiititti namoota ergee, «Goottaa keessan Saa'ol awwaaliisaan arjummaa waan mudhittaneef, Mootiin Waan Maraa isin eebbisu;6Ammalle Mootiin Waan Maraa jaalala ifii ka bara baraatii fi addatamummaa ifii isinitti mudhisu! Isin tana waan gootaneef, anille akkasuma waan dansaa isiniif hin godha.7Goottaan keessan Saa'ol waan du'eef, sanyiin Yihuda'aa na muuddee mootii ifii na godhatteerti; tanaaf jabaadha'a! Jajjabaadha'a!» jedhe.

Lola Mootummaa Daawitiitii fi Mootummaa Saa'olii Wodhakka'atti Te'e

8Yennuma san ajajaan loltoota Saa'olii ilmi Neerii Abneer ilma Saa'olii Ish-Bosheet gara Mahanaayimii geessee,9lafa Giil'aadii, lafa Asheerii, lafa Yizre'elii, lafa Efreemiitii fi lafa Beniyaaminii irratti, Israa'el mara irralle'etti isa mootii godhe.10Ilmi Saa'olii Ish-Bosheet Israa'el irratti yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamaa ti; inni woggaa lama bulche. Kolbaan Yihuda'aa ammoo Daawiti hordofane.11Daawiti qachaa Kebroon keessa tee'ee, woggaa torbaa fi ji'a jaa Yihudaa bulche.12Ilmi Neerii Abneer tajaajiltoota Ish-Bosheetii ilma Saa'olii woliin Mahanaayimii ka'anee, gara qachaa Giibe'onii dhaqane.13Yo'aab ilmi Zeruyaan deettee fi namooti Daawitii bayanee baleessa Giibe'onii biratti isaan woliin wolde'ane. Gareen Daawitii baleessa irraa as garanaan, gareen Ish-Bosheetii baleessa irraa gara kaaniin tee'ane.14Achiin duuba Abneer Yo'aabiin, «Dargaggooti teennaa fi teessan ka'anee nu duratti wol lolanuu ti» jedhe; Yo'aabille, «Dansa'a! Wol lolanuu ti» jedhee deebise.15Maarre, dargaggooti kudhanii lama gosa Beniyaaminii keessaa ilma Saa'olii Ish-Bosheetiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane; dargaggooti kudha lama Daawitiif ka'anee dhaabbatanee laakkowamane.16Achiin duuba nami tokko tokkooyyuu mataa diina ifii qabee shallaaga'aan cinaacha hordee woraanee wol qabatanee jigane; tanaaf addeen sun Giibe'on keessatti, «Helkaat-haazuriim» jedhante.17Lolli guyyaa sanii guddoo jabaatee, Abneerii fi namooti Israa'elii namoota Daawitiitiin injifatamane.18Ilmaan sadiin ta Zeruyaan deette Yo'aab, Abiishaayii fi Asaahel achi jiraniiyyu; Asaahel akka buddanne'ee nama ariiti'iin fiigu.19Inni gara middaa yookiin gara bita'aa adoo hin gorin Abneer ari'e.20Abneer ifi duuba ilaalee, «Ati Asaahelii?» jedhee isa gaafate; Asaahelille, «Eeti'i, anuma» jedhee deebise.21Achiin duuba Abneer isaan, «Gara middaa yookiin gara bita'aa goriitii, dargaggoota keessaa tokko qabiitii meya woraanaa ka isaa irraa fudhadhu!» jedhe; Asaahel ammoo isa ari'iisa hin lakkinne.22Abneer ammalle Asaaheliin, «Na ari'iisa lakkis! Ani maaf si ijjeesa? Fuula obboleessa keeti Yo'aabii attam te'ee ilaala?» jedhe.23Asaahel ammoo isa ari'iisa lakkisuu didate; maarre Abneer qaccee eboo ifiitiin gadhaa isaa woraanee, eboon duuddaan fullaatee baate. Asaahelille achumatti jigee du'e; nami marti addee Asaahel jigee du'e san yennaa geye achuma dhaabbate.24Yo'aabii fi Abiishaayi ammoo Abneer ari'ane; isaan adoo isa ari'anuu karaa gara goomolee Giibe'on geessu gara kooba Amaa ka Giiyaa biraa yennaa geyane aduun seente.25Achiin duuba namooti Beniyaaminii wolitti qabamanee Abneer bira dhufane; isaan garee tokko te'anee qaccee gaaraa irratti addee qabatane.26Abneer Yo'aab waamee, «Haga bara baraa shallaaga'aan wol lollaa ree? Dubbiin tun wol fixiisatti akka nu geessitu ati hin hubattuu? Namooti keeti obboleeyyan ifii ari'iisa akka lakkisanu ati maaf hin ajajin?» jedhe.27Yo'aab deebisee, «Dhugaa Waaqa jiraata'aa! Adoo ati tana hin dubbatin, namooti haga ganamaatitti obboleeyyan ifii ari'iisa hin lakkisanuuyyu» jedhe.28Maarre Yo'aab tultullaa afuufee, namooti marti Israa'el ari'iisa lakkisanee lollille dhaabbate.29Abneerii fi namooti isaa halkan ideemaa bulanee Arabaayi dabaranee deemane; laga Yordaanosii bu'anee bayanee, Bethiroon keessa dabaranee gara Mahanaamii dhufane.30Achiin duuba Yo'aab Abeneer ari'iisa lakkisee deebi'ee namoota ifii mara wolitti qabe; namoota Daawitii keessaa, Asaahel adoo itti hin dabalin namooti kudhanii sagal dhabamane.31Namooti Daawitii ammoo namoota Beniyaaminii ka Abneerii woliin jiranu keessaa namoota dhibba sadii fi jaatama ijjeesane.32Isaan Asaahel addee du'ee fuudhanee, addee awwaala abbaa isaa Betlihemitti awwaalane. Achiin duuba namooti halkan deemaa bulanee, yennaa latti bariitu lafa Kebroonii geyane.