2 Saamu'elii18gax_twf

Du'a Abiishaalomii

1Daawiti namoota isa woliin jiranu laakkowee, ajajaa kumaatii fi ajajaa dhibbaa isaaniif file.2Daawiti loltoota harka sad keessaa harka tokko irratti Yo'aab ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti obboleessa Yo'aabii ka Zeruyaan deette Abiishaayi ajajaa godhee, harka sad keessaa harka tokko irratti Iitaayii nama biyya Gaatii ajajaa godhee erge; mootichille loltootaan, «Anille dhugumaan isin woliin hin duula» jedhe.3Namooti ammoo isaan, «Ati hin duulin; nuuti yoo baqanne, isaan nu woyitti hin laakkowanu; nu keessaa gamisi yoo du'elle, isaan woyitti hin laakkowanu; ati nu namoota kana kuma caalta; tanaaf ati qachaa keessa jiraattee yoo nu qarqaarte woyya» jedhane.4Mootichi deebisee isaaniin, «Ani waan isinitti toltee mudhatte hin godha» jedhe; maarre namooti dhibba dhibbaa fi kuma kumaan yennaa hiriiranee bayanu, mootichi balbala karraa bira dhaabbateeraayyu.5Mootichille Yo'aab, Abiishaayii fi Iitaayiin, «Anaaf jedha'aatii Abiishaalomii dargaggicha harka irra qaba» jedhee ajaje; mootichi marroo ilma ifii Abiishaalomii fi ajajjoota tokko tokkoofuu ajaja yennaa kennu, loltooti marti dhageette.6Loltooti Daawitii, Israa'eloota Abiishaalom woliin jiranu loliisaaf duulanee, gongomaa Efreemii keessatti wol lolane.7Achitti loltooti Daawitii loltoota Israa'elii injifatte; lolli guyyaa sanii jabaa waan te'eef, nami kum diddam dhumate.8Lolli sun biyya mara dhaqqabee guyyaa san namoota lola keessatti dhumatane irra ka gongomaa keessatti dhumatanetti caala.9Abiishaalomii fi loltooti Daawitii dedhuma wolitti bayane; Abiishaalom gaangee irraa te'ee deemiisatti waan jiruuf, gaangeen gongomaa ciggaa keessaa muka guddaa tokko jalaan adoo dabartuu, mataan Abiishaalomii mukaan qabame; gaangeen inni irra tee'e muka san jalaan yennaa dabartu, Abiishaalom rarra'ee hafe.10Nami tokko tana yennaa dhagge, «Kunoo, Abiishaalom muka irratti rarra'eeruun dhagge» jedhee Yo'aabitti hime.11Yo'aab nama oduu tana isatti himeen, «Maan jette? Isa dhaggitee? Maaf achumatti lafatti isa gad buuttee hin ijjeesin? Silaa ani meetii gara giraama dhibba tokkoo fi kudhanii shaniitii fi hiituu loltootaa si badhaasaayyu» jedhe.12Namichi ammoo deebisee, «Mootichi adoo nuuti dhageennuu, ‹Dargaggeessichi Abiishaalom akka hin miidhanne naaf jedha'aatii harka irra qaba'a› jedhee si'i, Abiishaayii fi Iitaayi waan ajajeef, adoo ati meetii gara kiiloogiraama kudha tokkoo harkatti naaf kennitelle'e, ani ilma mootichaa hin ijjeesu.13Ani adoo isa ijjeesee jiraadhee, mooticha wonni dhokatu waan hin jirreef, atinuu natti hin dhiyaattuuyyu» jedhe.14Yo'aabille, «Ani tanaaf si hin eegu» jedhee, eboo sad qabatee dhaqee, Abiishaalom muka irratti rarra'ee lubbu'uun adoo jiruu gadhaa isaa woraane.15Namooti dargaggooti kudhan ka Yo'aabiif meya lolaa ba'atanu, Abiishaalom marsanee woraananee ijjeesane.16Achiin duuba Yo'aab lolli akka qabbanowuuf tultullaa afuussise; loltootille Israa'eloota ari'iisa lakkisane.17Isaan reeffa Abiishaalomii fuudhanee, boolla guddoo gongomaa keessa jirtu keessa qolaansanee, dhakaa gugurdaa isa irratti tuulane; yennuma san Israa'elooti marti gara mana mana ifii baqatane.18Abiishaalom, «Ilma maqaa kiyya waansisu hin qabu» jedhee waan yaadeef, adoo lubbu'uun jiruu, addee, «Dhooqa mootichaa» jedhanutti maqaa ifiitiin soodduu waan dhaabeef, haga adhaa «Soodduu Abiishaalomii» jedhamee waamama.

Du'a Abiishaalomii Daawititti himane

19Achiin duuba Ilmi Zaadoqii Ahimaaz, «Mootiin Waan Maraa harka diinotaa jalaa isa waan baaseef, fiigee dhaqee oduu gammadaa tana mootichatti hima» jedhe.20Yo'aabille isaan, «Ilmi mootichaa waan du'eef, oduu gammadaa tana guyyaa dhibii himi malee adha itti hin himin» jedhe.21Achiin duuba Yo'aab nama biyya Itoophiya'aatokkoon, «Dhaqiitii waan dhaggite mara mootichatti himi» jedhe; nami biyya Itoophiya'aa sunille Yo'aab duratti fuulaan lafatti gad gombifameen duuba ka'ee fiige.22Ilmi Zaadoqii Ahimaaz ammalle Yo'aabiin, «Wonni feete dhuttuutii, maganne'ee nama biyya Itoophiya'aa kana gula fiiguu?» jedhe. Yo'aab ammoo deebisee, «Ilma kiyya, ati oduu gammada hintee ta badhaasa dhaggattu hin qaddu, maaf deemiisa barbaadda?» jedhe.23Ahimaaz, «Wonni feete dhuttuutii ani hin fiiga» jedhe; Maarre Yo'aab, «Fiigi lam!» jedheen; achiin duuba Ahimaaz karaa dhooqa Yordaanosii fiigee, nama biyya Itoophiya'aa san dura taree deeme.24Daawiti karra qachaa sanii ta gara keessaatii fi ta gara alaa wodhakkaa te'ee adoo jiruu, eeddichi tokko karaa dalleyaatiin gara heellichoo karaa karra qacha'aa jirtuu ol bayee gara alaa yoo ilaalu, namichi tokko qofii ifii fiiguun dhagge.25Eeddichi sun mooticha waamee itti hime; mootichille, «Inni qofii ifii yoo jiraatee, oduu gammadaa qaba» jedhe; namichille isaanitti dhiyaataa dhufe.26Achiin duuba eeddichi nama dhibii fiigaa dhufu dhaggee, eeddicha karraa waamee, «Kunoo ammalle nami tokko qofii ifii fiigaa dhufiisatti jira» jedhe. Mootichi deebisee, «Kunille oduu gammadaa qaba» jedhe.27Eeddichi sun, «Fiigichi namaa duraa, ilma Zaadoqii Ahimaaz fakkaata» jedhe. Mootichille, «Inni nama dansa'a! Oduu gammadaa fidee dhufiisatti jira» jedhe.28Ahimaaz iyyee mooticha waamee, «Wonni marti si'iif teeteerti!» jedhee, mooticha duratti lafatti gad gombifamee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka worra si goottaa kiyya mooticha irratti ka'ane dabarsee kenne leellifamuu ti!» jedhe.29Mootichille, «Dargaggeessi Abiishaalom fayya'aa?» jedhee isa gaafate. Ahimaaz deebisee, «Yo'aab tajaajilaa mootichaatii fi ana yennaa ergu, hogaa guddaa tokko dhage'eera; ammoo maan akka te'e hin beeku» jedhe.30Mootichille, «Me, achi dabarii dhaabbadhu!» jedhe; Ahimaazille dabaree dhaabbate.31Achiin duuba nami biyya Itoophiya'aa sun dhufee, «Goottaa kiyya mooticha, oduu gammadaa dhage'i! Mootiin Waan Maraa diinota si irratti ka'ane jalaa si baaseera!» jedhe.32Mootichille nama biyya Itoophiya'aa saniin, «Dargaggeessichi Abiishaalom fayya'aa?» jedhee gaafate. Nami biyya Itoophiya'aa sun deebisee, «Diinoti goottaa kiyya mootichaatii fi worri si irratti ka'u marti akka dargaggeessicha sanii te'anuu ti» jedhe.33Mootichille rifatee hollate; kolloo karra gubbaa jirtu gubbaa bayee bowe; akkuma ol bayeen, «Aannee, ilma kiyya Abiishaalom! Ilma kiyya, ilma kiyya Abiishaalom! Ani addee teeti adoo du'ee jiraadhee! Aannee Abiishaalom, ilma kiyya, ilma kiyya!» jedhe.