2 Saamu'elii11gax_twf

Daawitii Fi Baat-Sheebaa

1Ji'a furmaataa bara moototi lolaaf baatu, Daawiti qondaaltota ifiitii fi loltoota Israa'elootaa mara woliin Yo'aab duula erge; isaan Amoonota balleessanee qachaa «Raabaat» jedhamu marsane; Daawiti ammoo Yerusaalem keessatti hafeeraayyu.2Gaafa tokko galgala Daawiti taqee ifii irraa ka'ee heellichoo mana mootumma'aa gubbaa asii achi deddeebi'aa adoo jiruu dubartiin takka nafa dhiqatiisatti jirtuun dhagge; isiin guddoo miidhaddu'u.3Daawiti nama itti ergee marroo isi'ii akka qoratu godhe; namichi deebisee, «Isiin niitii Uriiyaa nama biyya Heetii, intala Elii'aamii Baat-Sheeba'aa motii?» jedhe.4Achiin duuba nama itti ergee akka isii fidanu godhe; isiin isa bira yennaa dhutte aadaa seera dubarti'ii irraa qulqulloonteertiiyyu; Daawitille isii woliin rafe; achiin duuba isiin gara manaa deente.5Dubartittiin ulfoottee, «Ani si'iif ulfoyeera» jettee Daawititti ergitee hinte.6Maarre Daawiti Yo'aabiin, «Uriiyaa nama biyya Heetii gara kiyya ergi» jedhee dhaansa itti erge; Yo'aabille isa gara Daawitii erge.7Uriiyaan gara isaa yennaa dhufe, Daawiti, nageya Yo'aabiitii fi loltootaa, oduu lolaalle isa gaafate.8Achiin duuba Daawiti Uriiyaan, «Gara mana keetii dhaqiitii miila keeti dhiqadhuu foorfadhu» jedhe; maarre Uriiyaan mana mootumma'aatii baye; mootichille kennansa isa gula erge.9Uriiyaan ammoo tajaajiltoota goottaa ifii mara woliin balbala karra mana mootumma'aa dura rafe malee gara mana ifii hin deenne.10Uriiyaan gara mana ifii akka hin deenne Daawititti yennaa himane, Daawiti isaan, «Ati karaa fago'oo dhuttee motii? Maaf gara mana keetii hin deemin?» jedhee gaafate.11Uriiyaan Daawitiin, «Saanduqi Gondooro'oo, Israa'elii fi Yihudaan dunkaanii keessa jiranuun, goottaan kiyya Yo'aabii fi namooti goottaa kiyyaa diida qubatanee jiranuun, ani nyaadhee uniisaaf, niitii tiyya wolille'een rafiisaaf attamiin gara mana kiyyaa deema ree? Lubbuu teetiin kakadha, ani waan akkanaa hin godhu!» jedhe.12Achiin duuba Daawiti isaan, «Ani boru si geegessaatii, adha asuma buli!» jedhe; maarre Uriiyaan guyyaa sanii fi guyyaa itti aanulle achuma Yerusaalem keessa ture.13Achiin duuba Daawiti Uriiyaa waamee, isa woliin nyaatee unee akka inni machowu godhe; galgala ammoo Uriiyaan dhaqee odduu tajaajiltoota goottaa ifii afinaa ifii irra bule malee gara mana ifii hin deenne.14Boruyyaa ganama Daawiti xalayaa Yo'aabiif barreessee nami Uriiyaa jedhamu akka geessu godhe.15Inni xalayaa san keessatti, «Uriiyaa addee lolli jabaate ergi; achiin duuba lola san keessatti akka inni du'uuf isa lakkisa'aa baqadha'a» jedhee barreesse.16Maarre Yo'aab qachaa yennaa marse, karaa lolli jabaate san Uriiyaa erge.17Namooti qachaa sanii dhufanee Yo'aab woliin yennaa wol lolane, namoota Daawitii keessaa gariin du'ane; Uriiyaan nami biyya Heetiille du'e.18Yo'aab nama ergee oduu lolaa mara Daawititti hime.19Nama Daawititti erge saniin, «Oduu lolaa kana mootichatti hinteen duuba,20mootichi aaree bobe'ee, ‹Isin lolaaf maaf akkana gara qacha'aa dhikaattane? Dalleya qacha'aa gubba'aa daaya akka isinitti gad lakkisanu hin beettanuu?21Ilma Yeruu-Besheetii Abiimelek eentu ijjeese? Dubartii takkatti dalleya dhaka'aa irraa ilmaachuu daaku'uu darbattee qachaa Tebezitii keessatti isa ijjeettee motii? Isin maaf dalleya dhaka'aa sanitti akkana dhikaattane?› jedhee yoo si gaafate, ati deebisiitii, ‹Tajaajilaan keeti nami biyya Heetii Uriiyaalle du'eera› jedhii itti himi» jedhe.22Maarre nami ergame sun dhaqee, yennaa achi geye, ergaa Yo'aabii mara Daawititti hime.23Nami ergame sun Daawitiin, «Diinoti keenna nutti jabaatanee, nu loliisaaf haga diidaa dhufaneeran; nuuti ammoo haga seensuma karra qacha'aa isaan ariinee deebinne.24Achiin duuba worri daayaan lolu dalleya dhaka'aa irraa tajaajiltoota teeti irratti daaya gad lakkisanee tajaajiltoota mootichaa keessaa garii ijjeesane; tajaajilaan keeti nami biyya Heetii Uriiyaalle du'eera» jedhe.25Daawitille nama ergamee dhufe saniin, «Yo'aabiin, ‹Lola keessatti eennutti akka du'u dursanee waan hin beenneef, ati tanaan hin gaddiniitii jabaadhu. Hunna teeti jabeeffadhuutii, qachaa san lolii balleessi› jedhii isa jajjabeessi» jedhe.26Niitiin Uriiya'aa abbaan manaa isi'ii akka du'e yennaa dhageette, gadditee bootte.27Yennaan isiin gaddite dabareen duuba, Daawiti nama itti ergee gara mana ifii akka isii fidanu godhe; isiille haadha manaa isaaf teetee ilma isaaf deette; te'uu malee wonni Daawiti godhe kun Mootii Waan Maraa hin gammachiinne.

No translations available.