1Bara Yehoyaaqiim bulche keessa, mootiin Baabilonii Nebukadnezaar biyya Yihuda'aatitti duulee qabate; mootichi Yehoyaaqiim woggaa sad isa jalatti bule. Achiin duuba yaada ifii jijjiiratee isa irratti ka'e.2Mootiin Waan Maraa karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin akkuma dubbate garee loltoota Baabilonii, garee loltoota Sooriya'aa, garee loltoota Mo'aabiitii fi garee loltoota Amoonotaa mooticha Yehoyaaqiim irratti kaasee, biyya Yihuda'aa akka balleessanuuf erge.3Sababa cubbuu mootichi Minaaseen huje maraatiif, Mootiin Waan Maraa fuula ifii duraa isaan balleessiisaaf, ajaja isaatiin kolbaa Yihuda'aa irratti tun teete.4Sababa Minaaseen dhiiga namoota balleessaa hin qanneelle dhangalaasee, Yerusaalem dhiigaan guuteef, Mootiin Waan Maraa araaramuu hin barbaanne.5Wonni dhibiin ta Yehoyaaqiim huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.6Yehoyaaqiim du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Yehoyaakiin mootii te'e.7Mootiin Baabilonii lafa Gibxi qabattee turte mara, laga Gibxi'iitii kaasee haga laga Efraaxiisii waan qabateef, mootiin Gibxi'ii biyya ifiitii bayee deebi'ee hin duulle.
Mootii Yihuda'aa Yehoyaakiin
8Yehoyaakiin yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii saddeetiiti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche. Maqaan haadha isaa Nehushta'a; isiin intala Elnaataanii nama qachaa Yerusaalemii ti.9Yehoyaakiin akkuma abbaa ifii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.10Bara Yehoyaakiin bulche keessa, loltooti Nebukadnezaarii mootii Baabilonii, dhaqanee Yerusaalem marsane.11Adoo loltooti isaa qachaa san marsanee jiranuu, Nebukadnezaar ifiifuu gara Yerusaalemii dhufe.12Mootiin Yihuda'aa Yehoyaakiin, haati isaa, tajaajiltooti isaa, qondaaltoti isaatii fi qondaaltoti mana mootumma'aa keessaa mootii Baabiloniititti harka kennatane; mootiin Baabilonii Nebukadnezaar mootii te'ee, woggaa saddeetesso'ootitti Yehoyaakiin booji'ee,13akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Nebukadnezaar qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi qabeenna mana mootumma'aa mara fudhate; meya worqi'ii ka mootiin Israa'elii Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif huje mara caccassee, worqii fudhate.14Inni hiyyeeyyota qofa biyya Yihuda'aa keessatti lakkisee, kolbaa Yerusaalemii mara, qondaaltota mara, loltoota mara, namoota hujii harkaa hujanuu fi sibiila tumanu mara wolumatti namoota kuma kudhan booji'e.15Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar Yehoyaakiinii mooticha, haadha isaa, niitota isaa, qondaaltota mana mootummaa isaatii fi sooressitoota Yihuda'aa Yerusaalem irraa gara Baabilonii booji'e.16Mootiin Baabilonii loltoota jajjaba kuma torba ka lola dande'anu mara, worra hujii harkaa hujanuu fi namoota sibiila tumanu kuma tokko booji'ee, gara biyya Baabilonii geesse.17Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar abbaa diqqaa Yehoyaakiinii Mataaniyaa addee Yehoyaakiiniititti mootii godhee, maqaa isaa jijjiiree, «Zedeqiiyaa» jedhe.Mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa
18Zedeqiiyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii tokko ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibana'aa ti.19Zedeqiiyaan akkuma Yehoyaaqiimii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.20Mootiin Waan Maraa waan isaanitti aareef, kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa irratti tun marti teete; muummee irratti inni fuula ifii duraa isaan balleesse.