Yosiyaas Gondooroo Haaresse
1Mootichi Yosiyaas jaarsolee Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mara wolitti waame.2Inni kolbaa Yihuda'aa mara, worra qachaa Yerusaalemii keessaa mara, hayyootaa fi raagota mara, kolbaa mara diqqa'aa fi guddaa woliin gara Galma Mootii Waan Maraa ol baye. Jecha kitaaba Gondooro'oo ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggame keessa jiru mara akka isaan dhage'anu dubbise.3Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin eegatiisaaf, gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfante jabeessiisaaf, utubaa bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondoore. Achiin duuba kolbaan marti gondooroo sanitti wolii galane.4Mootichi Yosiyaas meya Ba'aaliif, waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hujame mara Galma Mootii Waan Maraa keessaa akka baasanu, hayyicha guddaa Hilqiiyaa, hayyoota hayyicha gudda'atti aananuu fi eeddota karra Galma Mootii Waan Maraa ajaje. Inni meya san duudii qachaa Yerusaalemiitiin alatti diida dhooqa Qedroonii keessatti gubee, daadhaa gara qachaa Bet'elii geesse.5Inni hayyoota waaqota dharaatiif addee Waaqonfanna'aa ta qachoota Yihuda'aatii fi adaala Yerusaalemii irratti hixaana akka aarsanuuf, akkasuma Ba'aaliif, adu'uuf, ji'aaf, tuuta urjootaatii fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hixaana akka aarsanuuf worra moototi Yihuda'aa filatane duudii ari'e.6Fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu Galma Mootii Waan Maraa keessaa baasee, qachaa Yerusaalemiitiin alatti gara diida dhooqa Qedroonii geessee achitti gube; achiin duuba daakee bulleessee, daadhaa san awwaala namootaa irratti bittinneesse.7Inni kolloo dhiira wol bukkoonsituuf Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujantee fi ta dubartooti gollaa waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuuf keessatti suqaa suxxu diigee balleesse.8Yosiyaas hayyoota mara qachoota Yihuda'aa keessaa fidee, biyya Geba'iitii haga Bersheeba'aatitti, addee waaqonfanna'aa ta hayyooti hixaana irratti aarsitu mara batteesse. Inni addee waaqonfanna'aa, ta seensuma gara karra Iyaasuu bulchaa qacha'aa biraa, ta seensuma karra qacha'aa irraa gara bita'aa jiranulle diige.9Hayyooti addee waaqonfanna'aa tajaajilanu sun addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa ta Yerusaalem keessaa irratti ciincaa dhikeessuu dhabanulle hayyoota firoottan ifii woliin daabboo uukoo hin qanne nyaatane.10Mootichi Yosiyaas nami tokkolle ilma ifii yookiin intala ifii ciincaa godhee, waaqa Moleekiitiif akka hin dhikeessineef, addee ciinca'aa ta «Toofet» jedhantu ta dhooqa Hiinomii keessa jirtu batteesse.11Inni fakkii fardo'oo ta moototi Yihuda'aa seensuma Galma Mootii Waan Maraa dura, waaqonfannaa adu'uutiif adda baasane mara balleesse; fardoon sun badhinna mana qondaalticha, «Naataan-Melek» jedhamu bira jirtiiyyu; Yosiyaas garreettaa tajaajila adu'uutiif adda baafamane gube.12Addee ciinca'aa ta moototi Yihuda'aa kolloo mana irraa ta mooticha Ahaazii irratti ijaaranee fi addee ciinca'aa ta mootichi Minaaseen badhinna Galma Mootii Waan Maraa san lamaanuu keessatti ijaare, mootichi Yosiyaas diige; inni addee ciinca'aa san butuchee, bututaa san dhooqa Qedrooniititti gate.13Mootichi Yosiyaas addee waaqonfanna'aa ta mootiin Israa'elii Solomoon, qachaa Yerusaalemii irraa gara aduun baatutti, kooba badi'ii irraa gara kibbaatitti, waaqa dharaa Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuuf, waaqa dharaa Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf ijaarelle batteesse.14Mootichi Yosiyaas soodduu woyyittii caccassee, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu muree jissee, addee san lafee namootaatiin guute.15Inni addee ciinca'aa ta Bet'el keessaa, addee waaqonfanna'aa ta ilmi Nebaatii Yerobi'aam ijaaree Israa'eloota cubbuu hujisiise diigee butuchee gube; fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuulle gube.16Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa nama Waaqaatiin dursee dubbatetti, Yosiyaas garagalee yennaa ilaale, addee awwaalaa koobota irra jirtu dhaggee namoota ergee, lafee addee awwaalaa san keessa jirtu baasisiisee, addee ciinca'aa irratti gubee, addee ciinca'aa san batteesse.17Achiin duuba inni, «Addeen awwaalaa sun ta eennuu ti?» jedhe. Kolbaan qachaa Bet'elii deebittee, «Addeen awwaalaa sun ka nama Waaqaa lafa Yihuda'aatii dhufee ti; inni waan ati amma addee ciinca'aa tana irratti goote ka dursee dubbate» jette.18Yosiyaasille, «Eennulle lafee isaa hin tachoosin» jedhe. Maarre isaan lafee isaatii fi lafee raagicha lafa Samaariya'aatii dhufee lakkisane.19Mootichi Yosiyaas akkuma Bet'elitti godhe, galma addee waaqonfanna'aa, ta moototi Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti ijaaranee, akka Mootiin Waan Maraa aaru godhane mara diige.20Inni hayyoota addee waaqonfanna'aa tajaajiltu mara addee ciinca'aa irratti qalee, addee ciinca'aa san irratti lafee namaa gube. Achiin duuba gara Yerusaalemii deebi'e.Yosiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilise
21Mootichi Yosiyaas, «Akkuma kitaaba Gondooro'oo keessatti barreeffante, Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif Jila Irra Dabaramaa jilisa'a» jedhee kolbaa mara ajaje.22Bara abbootiin mura'aa Israa'el sooressitee jalqabee, haga bara mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessatti Jilti Irra Dabaramaa ta akkasii jilifantee hin beettu.23Yosiyaas mootii te'ee woggaa kudhanii saddeetesso'ootitti ammoo Jilti Irra Dabaramaa tun Mootii Waan Maraatiif Yerusaalem keessatti jilifante.24Seerri Hilqiiyaan hayyichi guddaan, kitaaba Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhagge keessatti barreeffame akka muummowuuf, Yosiyaas worra ekeraa dubbisu, waaqota maati'ii, waaqota dharaatii fi waan battii dhibii maralle, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessaa balleesse.25Akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante, gadhaa tokkochaan, lubbuu takkatti'iin, hunna takkatti'iin gara Mootii Waan Maraa ka deebi'e, mootiin akka Yosiyaasii, isaan dura yookiin isaan duubaa hin dhagganne.26Te'uu malee Minaaseen waan godhe maraan, Mootiin Waan Maraa akka aaru waan godheef, aariin isaa guddoon ta Yihudaa irratti bobeette haga ammaa hin qabbanoonne.27Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Akkuma Israa'el fuula kiyya duraa balleesse, Yihudaalle fuula kiyya duraa hin balleessa; qachaa filadhe Yerusaalem, Galma ani, ‹Maqaan kiyya keessa hin jiraata› jedhe san hin lakkisa» jedhe.Du'a Yosiyaasii
28Wonni dhibiin ta mootichi Yosiyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreenfanteerti.29Bara mootummaa Yosiyaasii, mootiin Gibxi'ii Nekoon, mootii Asoorii qarqaariisaaf gara laga Efraaxiisii ol baye. Mootiin Yihuda'aa Yosiyaas isa loliisaaf itti duule; Nekoon ammoo yennaa isa dhagge Megidotti isa ijjeese.30Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun Megidoo irraa gara Yerusaalemii geessanee addee awwaala inni ifiif qopheeffatetti awwaalane. Kolbaan Yihuda'aa ilma isaa Yeho'aaz muuddee addee isaatitti mootii goote.Mootii Yihuda'aa Yeho'ahaaz
31Yeho'ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche; maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibna'aa ti.32Yeho'ahaaz akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.33Mootichi Yeho'ahaaz Yerusaalem akka hin bulchine, mootiin Gibxi'ii Nekoon lafa Haamaatii keessa addee «Riiblaa» jedhantutti isa hiisisee, kolbaan biyya Yihuda'aa meetii kiiloogiraamii kuma sadii fi dhibba afur, worqii kiiloogiraamii soddomii afurgibira akka kaffalanu godhe.34Mootiin Gibxi'ii Nekoon, ilma Yosiyaasii Elyaaqiim addee Yosiyaasii abbaa isaatitti mootii godhee, maqaa isaa, «Yehoyaaqiim» jedhee jijjiire. Mooticha Yeho'ahaaz ammoo booji'ee gara biyya Gibxi'ii geessee, Yeho'ahaaz achumatti du'e.Mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiim
35Mootichi Yehoyaaqiim meeti'ii fi worqii mootichi Gibxi'ii Nekoon isa gaafate kaffaliisaaf, kolbaan lafa sanii akka dandeettii ifiititti gibira akka kaffaltu godhe.36Yehoyaaqiim yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii tokko bulche; maqaan haadha isaa Zabudaan; isiin intala Phedaayaa nama qachaa Ruma'aa ti.37Yehoyaaqiimille akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.