2 Moototaa17gax_twf

Mootii Israa'elii Hose'a

1Ahaaz mootii Yihuda'aa te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ilmi Ele'aa Hose'a mootii te'ee Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa sagal Israa'el bulche.2Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; te'uu malee haga moototi Israa'elii ta isaan duraa hujane hin hunye.3Mootiin Asoorii Shalmaaneser Hose'a loliisaaf dhufe; Hose'alle Shalmaaneseritti harka kennatee, isa gabbare.4Hose'a mootii Gibxi'ii ka «Soo» jedhamutti, namoota waan ergatee fi akkuma durii wogguma wogga'aan, mootii Asooriitiif gibira waan hin gabbariniif, mootiin Asoorii akka Hose'a isa didate hubate. Tanaaf Shalmaaneser isa qabee mana hidha'aatitti galche.

Jinnana Samaariya'aa

5Achiin duuba Shalmaaneser lafa Israa'elii mara lolee, woggaa sad qachaa Samaariya'aa marse.6Hose'a mootii te'ee woggaa sagaleesso'ootitti, mootiin Asoorii qachaa Samaariya'aa qabate. Inni Israa'eloota gara Asoorii godaansisee Haalaa keessa, Gozaan keessatti laga Haaborii biraa fi qachoota Miidiyaanii keessa qubachiise.7Kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa, harka mootii Gibxi'ii jalaa isaan baase waan yakkiteef, tun duudiin teete; isaan waaqota dhibiille waaqonfatanee,8aadaa kolbaa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase hordofanee, aadaa moototi Israa'elii hamooleen hujjelle hordofane.9Israa'elooti dhossa'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii hin te'in hujje. Isaan olloota didiqqaa ka xelleephoo fichaa eegatanu qabuutii kaasanee, haga qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabuutitti qachoota ifii mara keessatti, addee waaqonfanna'aa ijaarratane.10Isaan koobota maraa fi muka banqaaqaa mara jalatti, soodduu woyyitti'ii fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabane.11Isaan achitti akkuma kolbaan biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase goote, addee waaqonfanna'aa mara irratti hixaana aarsane; isaan waan hantuu hujanee Mootii Waan Maraa aarsane.12Mootiin Waan Maraa, «Waaqota dharaa hin waaqonfatina'a» jedhulle, isaan waaqota dharaa waaqonfatane.13Mootiin Waan Maraa karaa raagotaatii fi worra mudhii dhagguutiin kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa, «Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a; ajajaa fi seerata kiyya ka ani abbootii teessan ta duriitiif kennee, karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin isaanitti erge san eegadha'a» jedhee ifi eeggachiiseeraayyu.14Isaan ammoo, akkuma abbootii ifii ta durii mataa jabaatanee, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addatiisa didane malee, isa hin dhageenne.15Isaan seerata isaa, gondooroo isaa ta inni abbootii isaanii ta durii woliin gondooree fi waan inni isaan ifi eeggachiise tuffatane; waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofanee, isaanille ka gatii hin qanne te'ane; kolbaa biyya adda addaa ta adaala isaanii hordofanee, Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan godhanu hin godhina'a» jedhee isaan ajajulle, isaan waan Mootiin Waan Maraa isaan dhoogge san godhane.16Isaan ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii mara didanee, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante lamaa fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujatane; urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatanee, waaqa Ba'aaliille tajaajilane.17Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa ibiddaan gubanee ciincaa dhikeessanee, moruu morsiifatane; Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujiisaaf dabarsane ifi kennanee, Mootii Waan Maraa aarsane.18Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, isaan ifi duraa fageessee, gosa Yihuda'aa qofa lakkise.19Kolbaan Yihuda'aalle aadaa kolbaa Israa'elii hordotte malee, ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii hin eeganne.20Tanaaf Mootiin Waan Maraa sanyii Israa'elii mara jibbee, haga isaan isa duraa badanutti, harka worra isaan saamuutitti dabarsee kennee isaan adabe.21Mootiin Waan Maraa Israa'eloota maatii Daawitii irraa gargar yennaa baase, Israa'elooti ilma Nebaatii Yerobi'aam mootii godhatane. Yerobi'aam Israa'elooti akka Mootii Waan Maraa hin hordofanne dokonkorsee, cubbuu guddoo akka isaan hujanu godhe.22Mootiin Waan Maraa akkuma karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin dubbate haga isaan ifi duraa fageessetti, Kolbaan Israa'elii cubbuu Yerobi'aam huje san ittuma hujane malee irraa hin deebine. Maarre kolbaan Israa'elii lafa ifii irraa gara Asoorii booji'antee, haga adhaa achi jirti.

Worri Ormaa Israa'el Keessa Qubate

24Mootiin Asoorii qachaa Baabilonii, qachaa Kutaa, qachaa Awaa, qachaa Haamaatii fi qachaa Sefarwaayim keessaa kolbaa fidee, addee kolbaa Israa'elii buusiisaaf, qachoota Samaariya'aa keessa qubachiise. Isaan Samaariyaa fudhatanee qachoota isi'ii keessa le'ane.25Isaan yennaa matooma achi qubatane, Mootii Waan Maraa hin waaqonfanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa neenqa itti erge; neenqi sun isaan keessaa garii ijjeese.26«Kolbaan ati qachaa Samaariya'aa keessa qussiitte, seera waaqa lafa sanii hin beenne; tanaaf inni neenqa isaan ijjeesu itti erge» jedhanee mootii Asooriititti himane.27Achiin duuba mootiin Asoorii, «Hayyoota Samaariyaa keessaa boojitane keessaa tokko achii deebisa'aatii, seera waaqa lafa sanii kolbaa barsiisuu ti» jedhee ajaje.28Tanaaf hayyoota isaan Samaariyaa keessaa booji'ane keessaa tokko dhufee Bet'el keessa le'ee, kolbaan attam akka Mootii Waan Maraa waaqonfattu barsiise.29Gosi biyya adda addaa, qachoota keessa qubatane keessatti waaqota ifii hujatanee, galma addee waaqonfanna'aa jiru, ka worri Samaariya'aa ijaare keessa keyane.30Namooti Baabilonii waaqa dharaa ka «Suukoot-Benot» jedhamu, namooti Kutaa waaqa dharaa ka «Nergaal» jedhamu, namooti Haamaatii waaqa dharaa ka «Ashiimaa» jedhamu hujatane.31Namooti Awaa waaqota dharaa ka «Niibhaazii fi Tartak» jedhamanu hujatane; namooti Sefarwaayimii waaqota dharaa ka «Adraamelekii fi Anaamelek» jedhamanuuf ijoollee ifii gubanee ciincaa dhikeessane.32Isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; te'uu malee hayyoota ciincaa addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa tajaajiltulle filatane.33Maarre isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; ammoo akkuma aadaa gosa biyya adda addaa ta hunnaan keessaa isaan fidanee, waaqota ifiille waaqonfatane.34Isaan haga adhalle aadaa durii ittuma jiran. Isaan Mootii Waan Maraa hin waaqonfanne yookiin seerata, sirna, seeraa fi ajaja inni sanyii Yaaqoobii ta «Israa'el» jedhee moggaaseef kennelle hin eeganne.35Mootiin Waan Maraa yennaa Israa'eloota woliin gondooroo gondoore, «Waaqota dhibii hin waaqonfatina'a; isaaniif hin sagadina'a; isaan hin tajaajilina'a yookiin ciincaa isaaniif hin dhikeessina'a.36Ammoo ana Mootii Waan Maraa ka hunna guddo'oo fi irree jaddu'uun biyya Gibxi'ii keessaa isin baase waaqonfadha'a; naaf sagada'a; ciincaalle naaf dhikeessa'a.37Seerata, sirna, seeraa fi ajaja ani barreessee isiniif kenne, yennaa mara eegadha'a; waaqota dhibii hin hordofina'a;38gondooroo ani isin woliin gondoore hin dedhina'a; waaqota dhibii hin waaqonfatina'a;39Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha'a; harka diinota keessan maraa jalaa ka isin baasu ana» jedheera.40Te'uu malee isaan aadaa ifii ta durii san ittuma hujane malee, isa hin dhageenne.41Maarre gosi biyya adda addaa tun Mootii Waan Maraa waaqonfatte; waaqota dharaa ka ifiille tajaajilane; haga adhaalle ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abbootii isaanii ta durii goote godhane.