2 Moototaa15gax_twf

Mootii Yihuda'aa Azaariyaa

1Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, ilmi Amaasiya'aa Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'e.2Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti.3Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.4Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.5Mootiin Waan Maraa dhukkuba goga'aa farrisiisaa mooticha Azaariya'atti buuse; inni haga guyyaa du'a ifii dhukkuba san irraa hin fayyine; qofii ifii mana adda te'e keessa le'e; ilmi mootichaa Yotaam mana mootumma'aa irratti itti gaafatamaa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche.6Wonni dhibiin ta mootichi Azaariyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.7Azaariyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.

Mooticha Israa'elii Zakaariyaas

8Mootichi Azaariyaas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Zakaariyaas mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, ji'a jaa Israa'el bulche.9Inni akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.10Ilmi Yaabeshii Shaalum, Zakaariyaas irratti mala dhowee, kolbaa duratti dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.11Wonni dhibiin ta mootichi Zakaariyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.12Maarre jechi Mootiin Waan Maraa, «Sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhee Yehu'utti dubbatte muummowe.

Mootii Israa'elii Shaalum

13Mootichi AzaariyaanYihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Yaabeshii Shaalum mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee ji'a tokko bulche.14Ilmi Gaadii Menaahem, Tiizaa irraa Samaariyaa dhaqee, ilma Yaabeshii Shaalum ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.15Wonni dhibiin ta Shaalum huje duudiin, malli inni dhowelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.16Yennaa san worri qachaa Tiifsaa karra qacha'aa banuu waan dideef, Menaahem qachaa Tiirza'aatii ka'ee, qachaa Tiifsaa, namoota achi keessa jiranuu fi lafa adaala sanii mara lole; inni isaan injifatee, dubartoota ulfa qaddu duudiille gadhaa isi'ii baqasse.

Mooticha Israa'elii Menaahem

17Mootichi Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Gaadii Menaahem mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhan Israa'el bulche.18Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; inni bara mootummaa ifii cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.19Achiin duuba mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser ka, «Phul» jedhamu biyya Israa'elii lole; Menaahem qarqaarsa isa irraa dhaggatiisaa fi mootummaa ifii jabeeffatiisaaf, meetii kiiloogiraama kuma soddomii afurTiiglaat-Phileeseriif kenne.20Menaahem meetii mooticha Asooriitiif kennu san, dureeyyii Israa'elii tokko tokkoo isaanii irraa meetii gara giraama dhibba shaniiguure. Maarre Tiiglaat-Phileeser biyya san keessa turiisa lakkisee, gara biyya ifii deebi'ee deeme.21Wonni dhibiin ta Menaahem huje kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.22Menaahem du'e; addee isaatitti ilmi isaa Pheqaayaan mootii te'e.

Mooticha Israa'elii Pheqaayaa

23Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa shantameesso'ootti, ilmi Menaahemii Pheqaayaan mootii te'ee, qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa lama Israa'el bulche.24Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.25Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mala isa irratti dhowee, namoota biyya Giil'aadii shantama woliin, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aatiin marfame, qachaa Samaariya'aa keessatti, Pheqaayaa, Argoobii fi Ariyee ijjeesee; addee Pheqaaya'aatitti mootii te'e.26Wonni dhibiin ta Pheqaayaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.

Mooticha Israa'elii Pheqaa

27Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shantamii lammeesso'ootitti, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii te'ee qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa diddama Israa'el bulche.28Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aamii, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine.29Bara Pheqaan Israa'el bulchaa ture, mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhufee qachoota Iiyonii, Abeel Bet-Ma'aka'aa, Yaano'aa, Qedeeshii, Hazoorii, lafa Giil'aadii, Galiila'aatii fi Niftaalemii mara fudhatee, namoota booji'e gara Asoorii geesse.30Achiin duuba ilmi Uziya'aa Yotaam mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddameesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'aan, ilma Remaaliya'aa Pheqaa irratti mala dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.31Wonni dhibiin ta Pheqaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.

Mooticha Yihuda'aa Yotaam

32Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii Israa'elii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Azaariya'aa Yotaam mootii Yihudaa te'e.33Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti.34Yotaam akkuma abbaa ifii Azaariya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.35Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara olii ijaare.36Wonni dhibiin ta Yotaam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.37Mootiin Waan Maraa bara san biyya Yihuda'aa irratti, mootii Sooriya'aa Resiinii fi ilma Remaaliya'aa Pheqaan kaasee itti erguu jalqabe.38Yotaam du'ee qachaa Daawitii abbaa ifii ka durii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Ahaaz mootii te'e.