Arjooma Kiristaanaa
1Obboleeyyan tiyya! Badhaadha Waaqi wolde'oota kiristaana lafa Maqedooniya'aatiif kenne akka beettanu barbaanna.2Isaan rakkinna gudda'aan haga ilaallamaneeran; te'uu malee gammadi isaanii gudda'a; isaan akka malee hiyyeeyyii te'anulle, guddoo arjoomaneeran.3Isaan haga dande'anuu fi haga dande'anuun caalaa, fedhii ifiitiin akka kennane ani isaaniif dhugaa hin baya.4Carraa qarqaarsa kolbaa Waaqaa ta biyya Yihuda'aa keessa jirtuuf kenniisa irratti hirmaatiisaaf magannifatanee nu kadhatane;5haga nuuti isaan irraa eenne caalaa godhane; matooma Gootta'aaf ifi kennane; itti aansaneelle fedha Waaqaatiin ifi nu'uuf kennaneeran.6Hujii tana matooma ka jalqabe Tiitoos waan te'eef, ammalle hujii arjoomaa tana akka muummessu isuma kadhanneerra.7Isin dhugeeffanna'aan, haasowaan, beekkumsaan, qarqaariisaaf quxiquxamiisaan, jaalala nu'uuf qaddanulle'een waan maraan hin caaltan; hujii arjoomaa tanalle'een ka caaltanu te'a.8Maarre quxiquxamiisa worri dhibiin kenniisaaf qabu keessaniin wol bira qabee ilaaliisaan, jaalaltiin teessan ta dhuga'aa akka teete mirkaneessiisaaf jedheeti malee, isin ajajiisaafii moti.9Isin badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin beettan; inni dureessa adoo te'eeruu, hiyyummaa isaatiin akka isin dureeyyii teetanuuf isinii jedhee hiyyeessa ifi godhe.10Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee natti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade.11Tanaaf quxiquxiin isin kenniisaaf qaddanu hujii irra ooltee akka muummottu, haguma qaddanutti waan yaaddane san godha'a.12Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.13Kana jechuun kiyya ifii dhaddanee worra dhibii rakkoo keessaa akka baattanuuf adoo hin te'in, isin lamaanuu akka wol qixxoottanu.14Isin yennaa rakkattanu karri isaanii rakkoo teessaniif akka ooltu, karri teessan amma rakkoo isaaniitiif ooltuu ti. Akka kanaan isin wodhakka'atti wol qixxummaan hin jiraatti.15Kunille akkuma Barreeffami Woyyichi, «Ka guddaa wolitti qabate hagaan ol hin qabaanne, ka diqqoo wolitti qabatelle hagaan gad hin qabaanne» jedhu.Tiitoosii Fi Waa'eloota Isaa
16Akkuma ani isiniif quxiquxamu, Tiitoosille akka isiniif quxiquxamu Waaqi godhe galatoomu.17Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te'in, fedhii ifiitiin ka'ee gammadaan gara keessan dhufe.18Isa woliin obboleessa Oduu Gammadaa lallabiisaan wolde'oota kiristaanaa duudii keessatti kabajamaa te'e ergaarra.19Obboleessi kun kana qofa adoo hin te'in, hujii dansaa tana ulfinna Gootta'aatiif yennaa nuuti muummessinuu fi fedhii dansaa tajaajiliisaaf qannulle yennaa mudhinnu, nu woliin deemiisaan qooda huji'ii nu woliin akka fudhatu wolde'oota kiristaanaatiin fowameera.20Kennansa arjoomaa ka wolitti qabame kana qabiisa irratti eennulle akka nu hin komanne ifi eeganna.21Yaad keenna waan sirrii te'e fuula Gootta'aa duratti callaa adoo hin te'in, fuulaa worra dhibi'ii durale'etti huju'u.22Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama qarqaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera.23Marroo Tiitoosii beekiisa yoo barbaachise, inni isin qarqaariisaaf waa'ela kiyya ka na woliin huju; isa woliin ka dhufanu marroo obboleeyyan dhibi'ii yoo teete, isaan bakka bu'oota wolde'oota kiristaanaa ka ulfinna Kiristoosiitiif dhaabbataneeranu.24Tanaaf akka wolde'ooti kiristaanaa jaalalli keessan ka dhuga'aa akka te'ee fi maaf akka nuuti isiniin ifi jajnu akka dhagganu, jaalala keessan isaanii mudhisa'a.