2 Dabarsi'i9gax_twf

Mootittiin biyya Sheebaa Solomoon Dhaxxee Ilaalte

1Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomoonii dhageettee, gaaffii rakkittuu isa gaafatiisaaf gara Yerusaalemii dhutte. Isiin namoota hedduu qabattee uddowaa adda addaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feesifattee dhuttee, yennaa Solomooniin wol dhaggite, waan gadhaa ifiititti yaadatte mara isa woliin dubbatte.2Solomoon waan isiin gaafatte maraaf deebii kenne; wonni inni isi'iif deebii kennuu dadhabe takkaalle hin jirtu.3Mootittiin biyya Sheeba'aa qarummaa Solomooniitii fi mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhageette,4isiin sagalee qorii isaatitti dhikaattu, akka qondaaltoti isaa itti tee'anu, akka tajaajiltooti isaa tajaajila isaaf kennanuu fi akka isaan uffana ifii itti uffataneeranu, akka Solomoon Galma Waaqaa keessatti ciincaa itti dhikeessu yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte.5Isiin mootichaan, «Marroo hujii teetiitii fi marroo qarummaa teetii wonni ani biyya tiyya keessatti dhage'e dhuga'a.6Ani haga ifumaafuu dhufee dhaggutti waan natti himane hin dhugeeffanne. Ani qarummaa teeti gamisaayyuu hin dhageenne. Ati ta kolbaan jettuuyyuu hin caalta.7Namooti keeti worri si tajaajilanu attam attam ka hiree dansaa qabanu! Qondaaltoti teeti worri yennaa mara si dura dhaabbatanee, qarummaa teeti dhage'anu attam attam ka badhaadhane!8Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka si jaalatee, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra si teessisee, akka ati bulchituuf mootii ka si godhe leellifamuu ti. Inni kolbaa ifii Israa'el waan jaalatuuf haga bara baraa akka isaan le'anu waan fedhuuf, ati haqa akka murtuu fi balchummaa akka hujju isaan irratti mootii si godheera» jette.9Achiin duuba isiin worqii kiiloogiraama kuma afurii caaltu, uddowaa adda addaa baca'aa fi dhakaa gatii guddo'oo Solomooniif kennite. Uddowaan akka uddowaa mootittiin biyya Sheeba'aa Solomoonii mootichaaf kennitee, tokkolle dhaggamee hin beeku.10Namooti Hiiraamii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa ka worqii biyya Ofiiriitii fidane, muka sandali'iitii fi dhakaa gatii guddo'oolle fidane.11Mootichi muka sandali'ii san irraa yaabbannoo Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa, faarsitootaafille kiraaraa fi maseenqoo hujisiise; wonni akkasii haga adhaatitti biyya Yihuda'aa keessatti dhaggantee hin beettu.12Mootichi Solomoon waan mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf fidde caalaa, waan isiin kadhattee fi waan gadhaan isi'ii yaade mara kenneef. Achiin duuba isiin namoota ifii woliin gara biyya Sheeba'aa deebite.

Durummaa Solomoonii

13Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti worqii kiiloogiraama kuma diddamii sadii dhaggataayyu.14Kana biratti daldaltooti gugurdo'oo fi daldaltooti dhibiin gibira isaaf fidane; moototi biyya Arabootaatii fi bulchitooti lafaa marti worqi'ii fi meetii Solomooniif fidane.15Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa hujisiise; wonteen worqi'ii tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaa ti.16Inni wontee didiqqoo dhibba sadille worqii irraa hujisiise; wonteen didiqqoon sun tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiloogiraama lamaa ti. Mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa ka, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye.17Mootichi barcumaa mana mootumma'aa guddaa tokko ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe.18Barcumaan mana mootumma'aa sun yaabbannoo jaa fi faanoo miilaa ka barcumaa mootumma'aatiin wolitti qassiifamee worqii irraa hujame qabaayyu; cinaa isaa middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qabaayyu. Waan harka irra kiyatanu san gama lamaaniinuu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera.19Qaccee yaabbannoo jaa gubbaa gara lamaaniinuu fakkii neenqaa kudhanii lamaatitti dhaabbateera. Barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa dhibii takkattii keessalle'etti hujamee hin beeku.20Mey mootichi Solomoon ka itti unanu martinuu, mey mana mootumma'aa, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru martinuu worqii qulluu irraa hujameera. Bara Solomoonii meetiin akka waan gatii qabuu waan hin laakkowaneef, wonni tokkolle ittiin hin hujanne.21Mootichi hoboloo gugurdoo biyya Tarshiishiititti deddeebi'aa daldalanu qabaayyu; hoboloota san ka oofu tajaajiltoota Hiiraamii ti; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, jaldeessaa fi qalameebiyya Tarshiishiitii fidaniiyyu.22Mootichi Solomoon qarumma'aa fi durumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu.23Moototi biyya lafaa martinuu qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, isa dhaggiisa halchane.24Worri isa bira dhufane martinuu meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, woyaa, meya woraanaa, qumbii, uddowaa, fardoolee, gaangolee, wogguma wogga'aan woggaa bacaa isaaf fidane.25Solomoon gola fardoole'eetii fi garreettaa fardaan harkifamanuu kuma afurii fi abbootii fardoole'ee kuma kudhanii lama qabaayyu; inni isaan kana keessaa garii qachoota garreettaan fardaan harkifamanu keessa keyamanu keessa keyee, garii ifi bira Yerusaalem keessa keye.26Inni laga Efraaxiisiitii kaasee haga biyya Filisxeemotaa haga meessaa biyya Gibxi'iititti mootota mara irratti mootii te'e.27Mootichi Yerusaalem keessatti meetiin akka dhaka'aa akka bacattu, birbirsi akka muka harru'uu ka lafa gaaraa jalaa akka bacatu godhe.28Fardoolee biyya Gibxi'iitii fi ta lafa mara keessaa Solomooniif fidane.

Solomoon Du'e

29Wonni mootichi Solomoon bara mootummaa ifii keessa huje ta dhibiin, jalqabaa haga dhumaatitti barreeffama Naataanii raagichaa, kitaaba raagaa ka Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitii fi mudhii Iddoon nami mudhii dhaggu marroo Yerobi'aamii ilma Nebaatii dhagge keessatti barreeffanteerti;30Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama Israa'el mara irratti mootii te'e.31Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee isaatitti mootii te'e.