1Mootichi Solomoon hujii Galma Mootii Waan Maraa duudii fixeen duuba, waan abbaan isaa Daawiti hujii tanaaf adda baase mara meetii, worqi'ii fi meya mara mana meyaa ka Galma Waaqaa keessa keye.
Saanduqa Gondooro'oo Gara Galma Waaqaa Fidane
2Achiin duuba Solomoon jaarsolee Israa'elii mara, sooreyyii gosa Israa'eliitii fi maatii Israa'eloota mara Yerusaalemitti waansisee, qachaa Daawitii Xiyoon keessaa Saanduqa Gondooro'oo akka fidanuuf ajaje.3Namooti Israa'elii marti yennaa jila ji'a torbeesso'oo keessa jilifatanu mooticha biratti wolitti qabamane.4Jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamaneen duuba, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee,5gara Galma Waaqaa geessane; Lewwooti hayyoota te'ane Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya woyyicha isii keessaa mara ba'atanee ol fidane.6Mootichi Solomoonii fi wolde'i kolbaa Israa'elii marti Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee hoole'ee fi korommii hedduu ta laakkossi isaanii hagana hin jedhanne ciincaa dhikeessane.7Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa gara Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta Galma Waaqaa keessaa geessanee, koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu jala keyane.8Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun addee Saanduqa Gondooro'ootiin gubbaa koola ifii diriirsanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaroota isi'ii gollaneeran.9Danqarooti sun guddoo dhedheeraa waan te'aneef, qacceen isaanii nama Galma Waaqaa keessa addee irra caalaa woyyittii dura dhaabbatutti hin mudhatti; nama Galma Waaqaatiin ala jirutti hin mudhattu; danqarooti sun haga adhaalle achuma jiran.10Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate, Mootiin Waan Maraa isaan woliin Gondooroo yennaa godhe, gaara Siina'aa irratti, dhakaa baxxicha lamaan ajaji kudhan irra jiru, ka Muuseen achi keessa keye malee, wonni dhibiin Saanduqa Gondooro'oo san keessa hin jirtu.
Ulfinna Mootii Waan Maraa
11Hayyooti Galma Waaqaa keessaa gad bayane. Hayyooti worri achi jiranu martinuu, ka badoon hujii isaanii yennaa san hin te'inille ifi woyyoonsane.12Lewwooti faarfattooti marti, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun, ilmaan isaaniitii fi dhiirti fira isaanii achi jiraniiyyu; isaan woyaa dansaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatanee, addee ciinca'aa irraa karaa aduun baatu dhaabbatanee, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, maseenqo'oo fi kiraaraan faarfatane. Hayyooti dhibbaa fi diddam isaan cinaa dhaabbatanee tultullaa afuufane.13Worri tultullaa afuufuu fi faarfattooti qoonqoo ifii wolqixxeessanee woliin faarfatanu Mootii Waan Maraa leellifatane; isaan tultulla'aan, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, meya gara garaatiin, qoonqoo guddoolle'een, «Inni dansa'a; jaalalli isaalle haga bara baraa hin jiraata» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatane. Achiin duuba duumensi Galma Mootii Waan Maraa guute.14Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa waan guuteef, sababa duumensaatiif, hayyooti tajaajila ifiitiif dhaabbatiisa hin dandeenne.