Solomoon Galma Ijaare
1Achiin duuba Solomoon Yerusaalem keessatti gaara Moriiyaa irratti, addee dur Mootiin Waan Maraa abbaa isaa Daawititti mudhatetti Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe; Daawiti addee Mootiin Waan Maraa isatti mudhate sanitti eeddummee Ornaanii nama biyya Yibusootaa keessatti Galma Waaqaa ijaariisaaf qophowe.2Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa lammeesso'ootitti Galma Waaqaa san ijaariisa jalqabe.3Galmi Waaqaa ka Solomoon ijaariisa jalqabe, mikiibara durii dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama.4Soroon isaa karaa fuula duraatiin, akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, ol dheerinni isi'iille ciqilee dhibbaa fi diddama; inni keessa isi'iille worqii qulluu itti gonfe.5Kolloon guddittiin Galma sanii muka hindheensaatiin ijaarantee, worqiin qulluun itti gonfantee, fakkiin muka meexxi'iitii fi haachabaa irratti kaafamane.6Mootichi Solomoon Galma san dhakaa gatii guddo'ootiin miidhasse; worqiin inni ittiin seese sun worqii biyya Faarwaayimii ti.7Maarre inni buusaa heellichoo Galmaa, keessa isaa, dhaaba isaa, saanqa'aa fi mikikkila balbalaa isaa mara worqii itti gonfee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu dhaaba isaa irratti kaase.8Inni Addee Irra Caalaa Woyyittiille ijaarsise. Dheerinni isi'ii akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama. Inni dhaaba isi'ii worqii qulluu kiiloogiraama kuma diddamaa fi dhibba afur geettu itti gonfe.9Mismaarri worqi'ii gara giraama dhibba shanii fi torbaatamaa ti; inni kolloota mana mana irraalle worqii itti gonfe.10Inni Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu lama muka irraa hujisiisee, worqii itti gonfe.11Dheerinni koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu sun ta lamaaniituu wolumatti ciqilee diddama; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokkeesso'oo gara tokkoon ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo bira geya.12Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka lammeesso'oo, koolli tokkochi ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka tokkeesso'oo biralle geya.13Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii Galma keessa ciqilee diddama diriirsanee, kolloo guddittii Galma saniititti fuula galanee miila ifiitiin dhaabbatan.14Mootichi Solomoon Addee irra caalaa Woyyittii saniif gollaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, bifa diima'aa quncee talba'aa dansaa irraa hujee fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti huje.Utuboota Sageettu'uu Lama
15Mootichi Solomoon utuboota ciqilee soddomii shan dheeratanu lama Galma Waaqaa duratti hujisiise. Mataa utuboota sanii tokko tokkoo isaanii irratti guutuu ciqilee shan shan dheerattu hujisiise.16Inni haachaba wolitti xaxee miidhassee, qaccee utuboota sanii irra keyee, midhaan, «Muka rumaan» jedhamuu dhibba hujee haachaba saniin wolitti qassiise.17Inni utuboota san balbala Galma Waaqaa dura tokkocha gara middaatitti, kaan gara bita'aatitti dhaabe; ka gara middaa jiru, «Yaakiin», ka gara bita'aa jiru, «Bo'az» jedhee moggaase.